Akkamiin abbaan ilma isaa tokko ajjeesee, kaan jiraa owwaalee duuni itti murame?

Madda suuraa, iStock
Akeekkachiisa: Odeessi kuni miira keessan jeequu mala.
Abbaafi haadha caalaa dhala ofiitti eenyuyyuu hin aanu. Taateen tibbana Godina Baaleetti raawwate garuu amantaa kana shakkii keessa galche.
Akka qorattoonni yakkaa himanitti dhala abbaan ajjeesee dhokse ormatu yaa’ee guyyootaaf barbaadaa ture.
Ajjeechaan suukaneessaa daa’imman lama irratti raawwateen hawaasi ganda Maddaa Aanaa Madda-Walaabuu keessa jiraatan rifaatuu keessa seenaniiru.
Yaaddoon isaanii warra du’ef qofa miti, egeree warra jiraniifis ture.
Murteen haqaa yeroo gabaabaa keessa murtaa’e garuu yaaddoo isaaniif furmaata akka fidu hawwuu, akka dafee raawwatuus abdatu.
Haati ilmoo ishee lamaan abbaa waliin ganama gaggeessite eegasii argaa isaanii dhabde gaddaan akkuma cabdeetti jirti.
Abbaan murtiin du’aa irratti darbe garuu ‘miira gaabbii hin agarsiisne’ jedhu ogeessi seeraa.
Maaltu ta'e?
Akka Abbaan Alangee Godina Baalee Obbo Kadir Abdaa BBC’tti himanitti, ajjeechaan torban muraasa dura ALI Mudde 24, 2015 raawwatame.
Himatamaan qorannoo booda yakkamaa ta’eefi adabbiin irratti darbemmoo Mohaammad Abduraahimaan jedhama. Nama umrii 30 keessa jirudha. Abbaa ijoollee shaniiti.
Gaafa ajjeechaan raawwate ganama ijoolleen umrii torbaafi jaha, Zeydiifi Araarsoo jedhaman, abbaa waliin horii tiksuu bahan. Obbolaan lamaan hangafaafi quxisuudha.
Abbaan ‘’looniifi re’ee wajjiin tiksina’’ jechuun manaa fuudhee bahe kan ofiin manatti deebi’e galgala ture.
Akka ogeessi seeraa dhimmicha mana murtiitti dhiheessanii falmaa turan himanitti galgala gara manaatti yoo abbaan deebi’u haadha warraa isaatiin ‘’ijoollee of biraa dhabe’’ jechuun itti hime.
Barbaachi eegale
Ollaafi firri akkasumas namoonni itti dhihaatan ijoollee re’oota tiksuu bahanii qe’eetti deebi’u dhaban barbaacha jalqabani.
Barbaachi kuni kan torban guute ture. Kanuma keessa garuu hawaasni abbaa ijoollee shakkuu eegale. Kunis amala agarsiisaa tureeni jedhu Obbo Kadir.
‘‘Osooma barbaadanii hawaasni naannoo ijoollee owwaale yennaa gahan, kara sana akka namni hin gorre gochaa ture,‘‘ jedhu Abbaan Alangee kun.
Akka galmee poolisiitti reeffi ALI Amajjii bultii 02, 2015 argame. Kunis erga ajjeechaan raawwatee torban tokko booda jechuudha.
‘‘Fooliin reeffaa yeroo itti dhufu naannoo kana yeroo ilaalan boolla sani argani. Boolli suni qotamee gaafa bahu reeffi ijoollee achi keessatti argame.’’
Ijoollee shan maatiin kuni qaban keessaa sadan hafaniifi walirratti dhalatan kanneen ajjeefaman booda kanneen dhalatanidha.
Hawaasni ‚‘‘abbaama shakkina‘‘ jechuun poolisiifi Abbaa Alangee Aanaa Madda Walaabuutif eeru kennuu himan.
Qaamoleen seeraa yennaa qorannoo eegalan shakkamaan amanuu dubbatan Obbo Kadir.
‘‘Jecha amantaa kennee anumatu ajjeese jedhe. Haala itti ajjeese hunda isaa tokko lamaan lafa kaa’e jechuudha,’’ jechuun dubbatu.
Akkamiin ajjeefaman?
Ajjeechaan raawwate haalaan suukaneessaadha. Tarii osoo dubbatuu yookiin amanuu baatee yeroo gabaabaa keessa baruun rakkisuu mala. Obbo Kadir waan yakkamaan amane akkanaan ibsan:
‘’Ilma isaa waggaa torbaa qottoodhaan erga si’a lama rukutee kufeen [ilmi] booda boolla awwal diigessa ykn awwaaloo jedhamu keessatti gate.
‘’Itti aansuun mucaa isa lammaffaa kana osoo hin ajjeesin lubbuudhaan akkuma jirutti mataa gadi deebisee boolla wal-diigessaa kanatti ijoollee lamaanuu boolla tokko keessatti’’ gatuu himan.
Akka yakkamaan himetti, ilma isaa tokko ajjeesee, kaan immoo jiraa awwaale.
Wal-diigessi bineensa bakkaa bakkatti lafa qotuun ilbiisota sooratuudha.

Madda suuraa, Alamy
Abbaan kana dura amala addaa yoo qabaate yookiin badiin kuni akka raawwatu waan akeeku jiraachuu isaa kan gaafataman Obbo Kadir, akka hin turreefi ‘akkuma abbaa kamittuu’ jiraachaa ture jedhan.
Garuu sammuun isaa hangam fayyaadha?
‘’Sammuun isaa fayyaadha’’ jechuun deebisan ogeessi seeraa Obbo Kadir. Adeemsa qorannoo keessas waan addaa akka hin agarre himan.
Dhimma kana irratti ogeessi fayyaa dhimmichi kallattiin isa ilaallatu qoratee waan dubbate hin qabu.
Sababa ajjeechaan raawwateef
Sababi ijoo abbaan erga yakka amanee booda yeroo jecha amantaafi waakkii kennu wanti dubbate ‘’aariidha’’.
‘’Haadha manaa kootiin wal dhabne, aarii kanaaf ijoollee’’ miidhuu dubbachuu isaa himan.
‘’Hiriyyoonni kee sibiraa mana ijaarratanii jiru, ati hiyyummaa keessa nu gattee jirta naan jette. Sababa kanaaf aaree tarkaanfii kana fudhadhe,’’ jechuun poolisiitti himuu Obbo Kadir dubbatan.
Haati warraa ammallee gadda cimaa keessa waan jiru jedhameef yaada garas jiru argachuun hin danda’amne.
Murtii du'aa
Erga yakki kuni qaamolee haqaa bira gahe booda dhimmichi Waajjira Abbaa Alangaa Godina Baaleef ergame.
Ergasiis namni kuni ‘’yakka ajjeechaa cimaa lubbuu namaarratti raawwachuutin’’ himanni irratti baname.
Mana murtiitti himannaa kan irratti banan Abbaan Alangee Obbo Kadir, seera yakkaa bara 1996 bahe keeyyata 539/1 eeran.
Himannaa irratti dhihaate kana shakkamaan ‘’guutummaa guututti’’ waan amaneef Manni-Murtii Olaanaa Godina Baalee ALI Amajjii 10 bara 2015 murtiin dabarse.
Kanaafis ‘’hammeenyummaa himatamaa…miidhamtoonni daa’imman ta’un isaanii, akkasumas tooftaa yakka kana itti raawwate yaada keessa galchuun .. murtii adabbii du’aa,’’ murtaa’uu himan.
Ni raawwatamaa?
Seera Yakkaa Itophiyaa keessatti murtiin du’aa eerameera. Obbo Kadir murteen kuni ‘’raawwatamuu danda’a abdii jedhu qabna’’ jechuun himu.
Jiraattonni ganda Maddaa ‘’Murteen du’aa kuni nuuf raawwatamuu qaba. Yoo san hin ta’in egereen daa’immanii baay’ee rakkoodha,’’ yaada jedhu akka qaban ogeessi seeraa kuni himu.
Kunis, ajjeechaan kuni waan ‘ummata rifachiiseefi yaaddesseefi.’
Kana duras godinichuma Aanaa Barbareetti ‘daa’ima haati irraa duute ajjeefamee ji’a tokko booda qotame bahuu’ himuun murteen kuni kanneen badii raawwatan akka itti baratan hawaasi abdachuu himu.
Haa ta’u malee, ogeeyyiin seeraa BBC’n dubbise akka jedhanitti Itoophiyaatti adabbiin du’aa haa raawwatuuf murteen abbootii seeraa qofti gahaa miti.
Sababiin isaa Pirezidantii biyyattiin raggaasifamuu qaba. Pirezidantoonni Itoophiyaa immoo murtee kana yoo raggaasisan hin mul’atan.
Haala kanaan adabamaan hamma murteen ragga’ee dhufutti ni hidhama, yookiin hidhaan isaa umrii guutuun ta’a jechuu dha jechuun ibsu.
Namoonni maaliif garaa jabaatu?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yakkamaan erga dhimmi isaanii seera bira gahee miira gaabbii agarsiise qabaa?
‘’Gaabbeera jedha afaaniin…. [garuu] miirri gaddaa irraa hin mul‘atu’’ jedhan Obbo Kadir.
Namoonni ijoollee isaanii osoo hin hafiin namoota midhaa isaanirraan gahuu hin dandeenyerratti gocha gara jabinaa maaliif raawwatu?
Sababni Obbo Mohaammad dhiheessan akkuma jiruutti ta’e sababoota kanaaf ka’umsa ta’an akka jiran ogeeyyiin xiinsammuu himu. Tokko rakkoo fayyaa sammuu waliin walqabatuu danda’a.
Namni akkuma gaarummaas qabu, hamminas dalaga. Badiin kuni garuu jireenya kana dura keessa dabarsanirraa, aarii, mufii, kaka’umsa sababoota garagaraan raawwachuu danda’a.
Kana dura gargaaraa pirofeesraa kilinaal saayikoolojii fi niyuuroosaayikoolojii kan ta’an Saayiman Makaartii-Joons sababa namoonni nama hubaniif BBC’tti kana himan.
Sababa lamatu jiraachuu danda’a – miidhaan nama sanaa itti hin dhaga’amu (hin gaddisiisuun) ykn ammo miidhaa nama sanaa ni jaallatu (itti gammadu).
Sababa biraa kan ta’uu danda’u nama sana akka nama isaan miidhuu danda’utti yaaduu kan jedhudha jechuun ibsan.












