Ajjechaan Bolee Arraabsaatti daa'imman lamarratti raawwatee akka lamuu hin mudane falli maali?

Haadha mucaashee harma hoosiisaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa Finfinnee naannoo Boolee Arraabsaatti daa'imman lama eegduu isaaniitiin ajjefamuun ji'a dura erga dhagaahamee haadholiin daa'imman isaanii eegduu miindaan qacaraniti dhiisanii deemuu akkaan yaadessaa ta'eera.

Maatiin hedduun qaamaan bakka hojii haa jiraatan malee qalbiin manuma isaanii waayee ijoollee isaanii bira jira.

Maatiin amma amma nama daa'imman isaanii eeguufitti bilbilanii mucaan ykn ijoolleen isaanii akkam akka jiran gaafatu. Sagalee isaanii dhagah barbaadu. Kanneen nageeny daa'ima koo hin caalu jedhanii liqeeffataniis ta'u kaameraa manatti maxxansanii ooltii ijoollee isaanii hordofaniis jiru.

Ijoolleen hedduun sababa maatiin hojii ooluuf eegduuwwan isaanii waliin manni itti cufameetuma oolu. Mattiin ammoo bakka hojiitti yaadda'aa oola. Yaaddoon nageenya daa'immanii kun rakkoo aangoonis ta'e gosti hojii maatii garaagartummaa itti uumu miti. Maatiin hundi qixuma yaadda'a.

Ofii rakkoon kun fala wayii qabaa?

Mootummaan dhimma kana ilaalchisee waggaa afur dura karaa Ministeera Dubartootaafi Daa'immanii labsii tokko baaseera.

Labsiin kun dhaabbileen mootummaa hunduu daa'imman isaanii waggaa sadii gadii waajirumatti bakka tursiisaniifi itti hoosisan akka mijeessan ajaja.

Raawwii labsii kanaa ilaalchisee Ministeera Dubartootaa fi Daa'immaniitti qindeessituufi to'attu dhimma idileessaa koorniyaa kan ta'an aadde Tsiggee Taaddelee sadarkaa biyyatti dhaabbileen mootummaa 382 yeroo gabaabaa keessatti bakka tursiisa daa'immanii qopheessaniru jedhu.

Lakkoofsa kanaan jajjabeessaadha jedhu aadde Tsiggeen. Haata'uuti lakkoofsa dhaabbilee mootummaa sadarkaan jiraniifi maatii rakkoo isaa daa'imaan walqabatuuf furmaata dhabeen walbira yeoo qabamu garuu lakkoofsichi akkaan xiqqaadha.

Akka biyyatti lakkoofsi waajiraalee mootummaa sadarkaa Ministeeraa hanga biirolee jiru 1871 ta'u keessaa dhibbeentaa 4.8 ta'u qofatu dirqama labsiin irra kaahe raawwate jechuudha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Yaadichi haaraadha. Haadholiin daa'ima isaaniif jecha hojii hafaa rakkoon mudachuu qorannoon agarsiiseera...asuu kan gahame hojiin hedduun hojjetameeti. Nuti gahaadha jechuu baannus faaraa gaariin ilaalla'' jedhan aadde Tsiggeen.

Rakkoon daa'ima ofii manatti dhiisanii bahuu kun hangam yaadessaa akka ta'e hojjettota qulqullinaa waajiraalee keessatti miindaa xiqqaan qacaramanii hojjetanii yaaduun gargaaruu mala.

Haadholuun muraasa hin jedhamne dahumsa booda ''daa'ima koo eegduu ijoolleetti gatii hin deemu'' jedhanii hojii dhiisaniiru.

Ofii maaliif waajiraaleen mootummaa akka dirqamaan raawwatan hin taasifamu?

Labsiin ALI 2010 dhaabbileen mootummaa hunduu bajata mataa isaaniin bakka tursiisa daa'immanii akka mijeessan ajaja.

Dhaabbileen mootummaa bakka bal'aafi bajata gahaa osoo qaanii dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuunis komatamu. Eegduu daa'immanii dhabne sababni jedhus gama waajiraaleen ni dhiyaata.

Aadde Tsiggeen rakkoo ilaalchaa fi labsicha fudhachuu dhabuun jiraachuun raawwiin labsii kanaa akka walgatu sababa ta'uu dubbatu.

Dhaabbilee mootummaa Federaalaa keessaa torba kan ta'an bakka tursiisa daa'immanii hin qaban.

''INSA gama kanaan galata qaba. bakka tursiisa daa'immanii ammayyaa hanga ijoollee 100 qabatuu birrii miiliyoona tokko baasee qopheesseera. Murannoon hooggansaa jiraannaan milkeessuun ni danda'ama. Sababa biraa hin qabu'' jedhu aadde Tsiggeen.

Sadarkaa federaalaatti mooraa Paarlamaa, Galiiwwan, Ministeera Barnootaafi Ministeera Fayyaatti iddoon daa’imman itti oolan qophaa’uun akka fakkeenyaatti ka’u danda’a.

Waajiraaleen biyya keessa jiran kaan oolmaa daa’immanii hamma ijaarsisanitti falli maali jechuun gaaffii dhiyeessinee turre.

Bileen Asraat dhaabbata biyya keessaa ‘Timraan’ jedhamutti walitti qabduu itti-aantuu boordii tahuun hogganti.

Koondominiyeemii Arraabsaatti oduun dhagahame,''keessattu haadholii hojii oolanii galaniif baayyee rifachiisaa dha,’’ jetti.

Bileen barteen karaa daldaalaa hojjettota mana keessaa itti qacarru qoratamuu akka qabu kaasti.

''Waanuma daldaalaan nu kenne kan fudhannu yoo tahe ogummaa isaanii dhiisii fayyummaa isaaniiyyuu hin mirkaneessinu. Daldaalonni badii uumamuuf itti gaafatamummmaa fudhatanii hi beekan,'' jetti.

''Dadaaltonni rakkisoo dha. Muuxannoo ani qabuunillee hojjettuun maqaasheellee akka dubbattu carraan hin kennamuufi. Cimtuu dha, hojii dandeessii, ijoollee jaalattii, nyaata faranjii hojjechuu dandeessi, ogeettii dha jedhu. Isaaniin qarshii argatantu isaan yaaddessa.''Kan jettu Bileen hojjettoonni mana kana dura turanitti seenaa qaban hin beekamus jechuun ibsiti.

Kanaafimmoo akka falaatti kan keessu daldaatota leenjisuu dha. ''Leenjiin dirqama isaan barbaachisa, bu’aansaa unuufis isaaniifis dha. Kara taheen ittigaafatamoo akka tahan godhamuu qabu,’’ jetti Bileen.

Naannoo naannootti oolmaa daa’immanii qopheessuun rakkisaa dha? Adde Itaafarraahu dhaabbata ‘Good Smartian’ jedhamutti itti gaafatamtuu sagantaa dhaabbataati. Guddina hawaasaa fi barnootaa irratti muuxannoo qabdi.

Kana dura yeroo barnoota ga’eessotaa irratti hojjechaa turte, haadholiin baayyee kan barnoota isaanii addaan kutan ijoollee isaanii iddoo oolfatan gatii hin qabneef ture jetti.

Rakkoo kanaan booda fala fallee jetti Aadde Itaafferraahu. ''Manneen barnootaafi waajira gandaa eeyyamsiisuun iddoo guddaa otoo hin gaafatiiniifi baasii baayyee malee firaashii fi afata bituun oolmaa daa’ommanii,'' jalqabnee jetti.

Sana booda haadholiin mana barumsaa hafuu dhaabuufi ''lafa oolmaa daa’immanii mana barumsaa Miniiliik keessa jiru ijoolleen burraaqaa oolu, haadholii daldala xixiqqoorra oolaniifi kaanillee ijoollee isaanii achi ergatu,'' jetti.

Kanas kaffaltii madaalawaafi warri harka qalleessa tahan immoo tolaan fayyadamu jechuun ibsiti. Itaafarraaw erga bakki ijoolleen itti oolan banamee as boqonnaa sammuu haadholiin argatan hin irraanfadhu jetti.

Itaafarraaw hojii yeroos raawwatteen gammachuu akka qabdu dubbatti. Kanaaf sadarkaa hawaasaatti iddoo daa’imman ittii oolan milkeessuun akka danda’amu amanti.

Akka ogeettiin kuni jettutti,’’rakkoo fedhii dhabuuti malee hanqina kan iddoo ykn maallaqaa miti.’’