Garmalee ofitti amanamummaa qabaachuun miidhaamoo bu'aasaatu caala?

Ofitti amanamummaa garmalee

Tokko tokoon keenya dandeettii qabnutti ofitti amanamummaa humnaa olii qabaachuu dandeenya. Waanta tokko irratti dandeettii cimaa hin qabnu yoo ta'e maaliif fudhachuuf nu rakkisaa?

Mee bineensa cimaa kan biir (bear)jedhamu wajjin kallattiin walitti baatan haa jennu. Waan ittiin ofirraa ittistan hin qabdan haa jennu. Isinumaa fi bineensicha qofatu fuulaa fi fuulaan walitti bahe. Eenyutu mo'ata isinitti fakkaata?

Naacha ykn bofa kobraa ykn risaa wajjin osoo walitti baatanii hoo? Bara 2021 keessa UStti qorannoo YouGov jedhamu gaggaffame irratti namoonni 1,700 gaaffiilee kana gaafataman keessaa dhibbeentaa 6 qofatu bineensa 'biir' jedhamu ni mo'anna jedhe. Baay'een isaanii naacha mo'achuu akka danda'an himan.

Bofa kobraa ilaalchisee dhiironni 23% ta'an ni mo'anna jedhan. Risaa wajjin wal-loluu irratti ammoo dhiironni 38% ta'an ni mo'anna jedhan.

Tarii namoonni kun dandeettii loluu addaa warra qaban ta'uu malu. Garuu caalmatti waan fakkeessan ykn humnaa ol ofitti amanamummaa qabaachuu irraa kan ka'eedha.

Xayyara namni balaliisu tokko rakkoon yoo uumame hatattamaan xayyaaricha osoo kuffisin imaltootas osoo balaarra hin buusiin qubachuu ni da'aa? Kana gochuu dandeessuu? Dhiyeenya kana Niiw Zilaand keessatti kan argamu Yuunivarsiitii Waikato jedhamutti qorataa kan taate Kaayila Joordan gaffii kana kaastee gaafattee turte.

Ammas sadarkaan ofitti amanamummaa isaanii baay'ee olka'aadha. Namoota isheen gaafatte keessaa wallakkaan isaanii harka shan keessaa harka tokko carraa nagaan xayyaaricha qubachiisuu qabna jedhan.

Namoota gaaffii gaafataman sanaaf viidiyoon daqiiqaa 3 yeroo balaliisan xayyaaraa leenji'e xayyaara qubachiisu mul'isu itti agarsiifamu, inumaayyuu carraa nagaan qubachiisuu isaanii 30% tti ol guddisan. Kurmaanni isaanii ammoo inumaayyuu carraa xayyaaricha nagaan qubachiisuu 60% tti ol kaasan.

Balaliisan xayyaaraa ogummaa, ifi muuxannoo gahaa qabu osoo jedhee ta'uu danda'a. Namoonni muuxannoo fi leenjii balaliisummaa homaa osoo hin qabaatin yeroo rakkinni uumametti xayyaara nagaan nan qubachiisa gaafa jedhan waan hin fakkaannedha.

Akka carraa ta'ee seenaa keessatti yeroo balaliistonni dhukkubsatan ykn of wallaalan imaltoota keessaa namoonni muuxannoo osoo hin qabaatin xayyaara nagaan qubachiisan jiru.

Fakkeenyi gaarin bara 2020 tti Filooriidatti taatee uumameedha. Rakkoon balaliisaa mudannaan imaltoota keessaa namni Daaran Haarisan jedhamu xayyaara qubachiisuu danda'eera.

Haa ta'u garuu qophaa isaa osoo hin taane, teknishaanota lafa jiran wajjin haasa'uun waan gochuu qabu erga itti himamee boodadha.

Balaliisan xayyaaraa muuxannoo gahaa qabu akka jedhutti gaargaarsi yoo gadhameefin alatti namni muuxannoo hin qabne carraan xayyaara nagaan qubachiisuu isaa 10-15% qofaadha.

Ofitti amanamummaa
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haala jireenya fi du'aa keessatti kan mul'atu ofitti amanamummaa guddaa qofa miti. Qorannoon YouGov kanaan kan gaafatame kan biraan osoo tapha teenisiitin baay'ee beekamoo ta'anii taphattuu teenisii beekamtuu dorgommii Giraandislaamii si'a 23 injifatte Sareenaa Wiiliyaams injifachuu danda'uu fi dhiisuu isaaniti.

Dhibbeentaa 7 kan ta'an akka injifatan yoo himan isaan keessaa dhiironni dhibbeenyaa 12 ta'u. Kan biraa dandeettii keenya ol kaasnee itti himannu konkolaachisummaa ilaalchiseeti. Bara 1981tti US keessatti qorannoo gaggeeffamee si'a heddu fayidaarra oole keessatti, konkolaachistoonni 93% ta'an konkolaachistoota kaan caalaa dandeettii akka qaban himan.

Rakkinni hubannaa (cognitive bias) akkasii Lake Wobegon Effect jedhama. Kunis barreessan Gaarisan Keeyilar jedhamu asoosama waa'ee magaala yaadan qofa argamtuu barreesse keessatti ijoollen magaalattii hundi isaanii sadarkaa kaa'amee ol ta'uu ibsee wajjin wal fakkaata.

Kana jechuun rakkoo yaadan of-tuuluu ykn ani sadarkaa kaa'amee oli jedhanii yaaduu jechuudha- qabatamaan kan lafarratti hin mul'anne.

Ofitti amanamummaa

Yeroo heddu milkaa'inni kan dhufu rakkoo dhufu fudhachuufi ofii keenya hamma dandeettii keenyaa ykn isaa olitti of-ilaaluu irraayi

Namni tokko sadarkaa murtaa'en ol ta'uuf namni biraa sadarkicha gubbaa jiru fi kan biraa ammoo sadarkaa jedhame sanaa gadi jiraachuu qaba, haa ta'u garuu ofii keenya sadarkaa jedhame irra ykn isaa gadi kaa'uu hin barbaannu.

Akkasumas, muraasni keenya waanta hin beekne tokko hin beeku jennee amanuu hin barbaannu, kuni ammoo waan hundumaa nan beeka jechuutti nama geessa.

Ofitti amanamummaan humnaa olii xiqqoo bu'aa qabaachuu danda'a. Ijoollen ofitti amananii fi waan haaraa tokko akka yaalan ni jajjabeessina. Yeroo heddu milkaa'inni kan dhufu rakkoo dhufu fudhachuufi ofii keenya hamma dandeettii keenyaykn isaa olitti of-ilaaluu irraayi.

Ofitti amanuu kee yoo agarsiifte, namoota biroo keessatti miira ofitti amanamummaa uumta. Yaada isaa namni ofitti amanamummaa guutun ibsachuu danda'u nama biratti amanamummaa, fi sadarkaa argata.

Saayinsii xiin-sammuu keessatti humnaa ol of-tuuluu wajjin waanti wal-faallessu kan Dunning Kruger Effect jedhamu jira. Kana jechuun namoonni dandeettii isaanii humnaa ol abdatan lafarratti gaafa mul'atu warra bu'aa gadi aanaa kan galmeessu isaan ta'uu kan agarsiisudha.

Namoonni muraasni kana hin fudhatan, garuu yeroo sababa- Koovidiin waanti hundi cufaa ture waan narra gaheedha. Yeroo dheeradhaaf yaadaa kanan ture, osoon piyaanoo qabaadhee piyaadhoo taphadhee dandeettii koo sirriittan agarsiisa kan jedhuudha.

Yeroon piyaanoo bitee shaakalu garuu waantin hubachuu danda'ee piyaanoo taphachuu irratti nama baay'ee dadhabaa ta'uu kooti.

Ofitti amanamummaan tuullan kun eessaa dhuferee? Sababni beekamaan eenyummaa dhuunfaa (personality type) dha.

Koorniyaanis dhiibbaa mataa isaa qaba. Bineensa 'biir' jedhamu wajjin waldhaansoo qabuus ta'ee qabxii Sareenaa Wiiliyaamsi galmeessitu galmeessuu irratti heddumminaan dhiirotatu ofitti amanamummaa humnaa olii agarsiisa.

Dhiironni cimina qaamatiin dubartoota irra cimoo ta'uun isaanii waanuma beekamaadha, garuu xayyaara nagaan lafa qubachiisuu irrattis isaanumatu humnaa ol ofitti amanamummaa agarsiise.

Ofitti amanamummaan akka hin taanetti yoo hojiirra oole rakkootti nu geessa

Ofitti amanamummaa

Haata'u garuu, dhimmichi nuti eenyu akka taane osoo hin taane, maal gochuu dandeenya kan jedhuudha. Viidiyoo waa'ee paayileetii xayyaara nagaan qubachiisee duubatti deebitanii yoo yaadattan, waan isaan argantu akka ofitti amanamummaa isaanii ol-guddisan isaan taasise.

Barreessitoonni barruu kanaa akka amananitti sababni viidiyichi dhiibbaa akkasii isaan irratti uumuu dandee'ef bakka sana of-buusanii akka of ilaalan waan isaan taasiseefi.

Ofitti amanamummaa bakka hin taanetti yoo itti fayyadama rakkoodhaf nama saaxila.

Kaayilaa Joordan, kan qorannoo xayyaara nagaan qubachiisuu sana hojjatte, "Viidiyoo gabaabduu tokko agarsiifnee dandeettii 28% dabaluu dandeenyera.

Osuma ogummaa isaa hin qabaatin xayyaara nan qubachiisa yoo jette, imaltoonni biraa nama gahuumsa isaa qabuuf carraa isaa akka ati kennitu barbaadu ta'a."

Gorsi kuni baay'ee barbaachisaadha. "Ofitti amanamummaa qabaannan waan barbaade gochuu ni dandeessa" bara jedhamu keessa jirra. Shakkiidhan ykn kufuun danda'a sodaa jedhuun sakaalamuu hin qabnu. Garuu immoo dandeettii keenya ilaallee waa gochuun ni gorfama.

Kanaaf, bineensi sodaachisaan "biir" jedhamu yoo sitti dhufe, dhaabattee waldhaansoo ittiin qabuurra jalaa goruutu filatama. Sareenaa Wiiliyaamsi dirree teenisiitti akka ati wajjin taphattu yoo si affeerte, kabajaan "lakki" yoo jetteen wayya.