Imalli Giiftiin Elizaabet II Itoophiyaatti taasisan yeroo yaadatamu

Namoonni daandii gubbaa bitaafi mirga dhaabachuun gammachuun simatani

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni daandii gubbaa bitaafi mirga dhaabachuun gammachuun simatani
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Giiftiin Elizaabet II bara bulchiinsaa waggoota 70 booda boqochuun sirni owwaalcha isaanii bakka hooggantoonni addunyaa hedduu argamanitti raawwateera.

Bara jireenya isaanii Giiftiin Elizaabet biyyoota Afrikaa 20 ol daawwataniiru. Kanneen keessaa tokko Itoophiyaadha.

Giiftin Biriitish kuni bara dargaggummaa isaanii ALA bara 1965 Abbaa Warraa isaanii Ilma Mootii Fiilip, Duukii Edanbiraa waliin Itoophiyaa daawwatan.

Daawwannaan isaanii guyyoota saddeet fudhate. Finfinnee ka’anii hanga Kaaba biyyattiitti – Finca’aa Abbayyaa, Gondar, Laalibalaa, Aksuum, Asmaraa dabalatee - daawwatan.

Qorattoonni seenaa daawwannaa isaaniif ‘’simannaa olaanaatu’’ taasifame jechuun ibsu.

Giiftiinis gara Finfinnee harka qullaa hin dhufne. Waancaa fi chaappaa kan Mootii Tewodiroos II tureefi Ingilizitti hafee ture qabatanii dhufan.

Finfinneen yeroosi gara caalu gamoowwan warri Xaaliyaanii ijaaranii deemaniin kan faayamte turte.

Mootiin xumuraa Itoophiyaa mootichi Haayilasillaasees afaa diimaa, fardeeniifi konkolaataa fardaan harkifamtu qopheessuun simatan.

Giiftiin Elizaabet II Itoophiyaa daawwachuuf waggoota 57 dura ALA bara 1965 Finfinnee buufata xiyyaaraatti simannaan yeroo isaaniif taasifame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftiin Elizaabet II Itoophiyaa daawwachuuf waggoota 57 dura ALA bara 1965 Finfinnee buufata xiyyaaraatti simannaan yeroo isaaniif taasifame
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Giiftiin Elizaabet mootummaa Gonfoo Biritiish jalqabaa Itoophiyaa daawwatanidha.

Aangawoota biyya alaa kabaji guddaa kennameefi biyyaaf oolmaa guddaa oolan jedhaman keessaas tokko ta’un Paarkii Yunitiitti akka yaadataman ta’eera.

Lij Daani’el Joote Masfiin Pirezidantii Waldaa Gootota Itoophiyaati. Bara Giiftiin Elizaabet Itoophiyaa daawwatan biyya Biritiish turan, garuu itti dhiheenyaan hordofaa turani.

‘’Giiftiin gara Itoophiyaa dhufuun addunyaa waan ajaa’ibee ture. Sababni isaa gara caalu warri Ingilizii biyya koloniin bitan yookiin miseensota Komoon Weelz jedhaman [daawwatu]‘’ jechuun himu.

Bara Xaaliyaaniin Itoophiyaa weerarte Mootiin Itoophiyaa H/Sillaaseen gara Ingiliziitti baqatani. Inni ijoo dhaabbata Liig Of Neeshinitti [jaarmayaa UN dura ture] iyyachuuf ture.

Baras ture weellistoonni masinqoodhaan ‘’hin teenyu maalumatti teenya, alam mangistaata deemna, wanta gubaa’en jedhu dhageenya‘‘ jedhanii kan weellisan.

Mootichi biyya Ingilizii buufatanii ture muummee dhaabbatichaa Siwizarlaand Jeneevitti kan marmaaraa turan jechuun Lij Daani’el himu.

Daawwannaan Giiftii eegasii booda gara Itoophiyaa taasifame.

Simannaa ho’aa

Namoonni seenaa dubbisne simannaan isaaniif taasifame akkaan ho’aa ta’u dubbatu.

‘’Tarii mootiin H/Sillaasee sadarkaa sanaan kan simatan Pirezidant Dabool, fi Pirezidant Tiitoo natti fakkaata,‘‘ jedhu Lij Daani'el.

Giiftiin Elizaabet du’a abbaa isaanii booda giiftii ta’anii muudamanii waggoota 13 booda ture gara Itoophiyaa kan dhufan.

Gaazexaan Ameerikaa Niiw Yoork Taayims, Giiftiin Elizaabet jeettii motora afur qabuun gara biyya Afrikaa duriitti [ancient African kingdom] imalan jedhee Guraandhala 01, 1965 gabaase.

Giiftiin Elizaabet Mootii H/Sillaaseen dabaalamuun buufata xiyyaaraa irraa gara masaraa osoo imalanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftiin Elizaabet Mootii H/Sillaaseen dabaalamuun buufata xiyyaaraa irraa gara masaraa osoo imalanii

ALA barri 1965 bara biyyoonni Afrikaa kolonii jalaa bahaniifi walabummaa isaanii argatan ture.

Bara sana keessa ture Giiftiin Elizaabet daawwannaa guyyoota saddeetiif Ilma Mootii Fiilipsiifi keessummoota kaan waliin xiyyaara British Oversees Airways Corporation (BOAC) Finfinnee kan qubatan.

Suuraawwan yeroos ka’an, gara caalu, gurraacha ta’anis namoonni hedduu warra mootii dabalatee bakka dhaqan maratti daandii bitaafi mirgaan heddummatanii yeroo simatan mul‘isa.

‘’Mootichi konkolaataa fardaan harkifamuun isaan simatan. Giftiin Masaraa mootummaa magaalaa Finfinnee ECA fuuldura jiru qubatani.

‘’Gara Finca’aa Abbayyaa adeemuun daawwataniiru. Magaalaa Finfinnee keessas bakka adda addaa daawwataniiru. Giiftiin turtii isheen gammaddee akka biyyatti deebiteen beeka,’’ jedhu Lij Daani’el.

Turtii isaaniin Konkolaataa irra- keessi banaa ta’e keessa ta’un akkasumas konkolaataa fardaan harkifamuun magaalaa Finfinnee daawwatani.

Giiftii Elizaabet II fi Mootii H/Sillaasee Finca'aa Abbayyaa yoo daawwatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabet II fi Mootii H/Sillaasee Finca'aa Abbayyaa yoo daawwatan

Eegasiis Laalibalaa, akkasumas Finca’aa Abbayyaa, Bataskaana beekamaa Qul. Maariyaam Aksuum Tsiyooniifi kaan akka ammaa bu’uuraleen misoomaa hin tolfame hin qabne daawwatan.

‘’Gondar gamoo Raas irratti meeshaaleen hedduu mootiifi Giiftiin itti fayyadaman ammallee jira,’’ jedhu qorataan seenaa Gargaaraan Pirofeesaraa Ababaaw Ayyaaloo.

Hiika daawwannaa kanaa

Daawwannaa Giiftii Elizaabet dura biyyoonni lamaan hariiroo jabaa tolfatanii turani.

Daawwannaan kuni kaayyoon isaa ‘’michummaa’’ cimsachuudha namoonni seenaa.

Mootiin Haayilasillaasee bara Xaaliyaaniin biyya weerarte gara Ingilizii baqatani.

Akkaatuma kanaan bara1936 -1941 jireenyuma baqaan Ingilizii, gara caalu magaalaa Baaz qubatani.

Osooma achi jiranii jalqaba Waraana Addunyaa Lammaffaatti Xaaliyaaniin Jarman bira dhaabatte.

Kunimmoo warri Ingilizii gootota Itoophiyaa bira dhaabbachuun akka Xaaliyaanii lolanii baasan ka’umsa ta’e.

Mootii H/Sillaasee magaalaa Baazitti bara 1936

Madda suuraa, BATH IN TIME

Ibsa waa'ee suuraa, Mootii H/Sillaasee magaalaa Baazitti bara 1936

Akkaatuma kanaan gargaarsa waraana Biritishiifi loltoota Kooman Welziin bara 1941’tti aangootti akka deebi’an kan ta’e.

Goototni Itoophiyaas mootichi biyyas jiraachuu baatan itti fufuun waggoota shaniif Xaaliyaa nagaa dhowwani. Eegasii tumsa Ingilizii argatani.

‘‘Mooticha karaa Sudaanii fidanii akka biyya seenan godhan,‘‘ jedhu Lij Daani’el.

Qorataan seenaas ‘’Xaaliyaanii ari’uutiin oolmaa nuuf oolaniiru’’ jechuun himu.

Wanti kuni Itoophiyaaf jedhaniitimoo ofiif jedhaniiti? ‘’Imaammata isaaniif yaadurraa kan ka’edha,‘‘ jechuun Gar/Pirof. Ababaaw deebisan.

Isaan alatti mootichi jalqaba bara 1950 keessa Biriiteen Guddittii [Great Britain] dabalatee biyyoota Awurooppaa daawwataniiru.

Kana booda ture Giiftiin Elizaabet gara Finfinnee kan dhufan.

Giiftii Elizaabet Finfinneetti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Giiftii Elizaabet II fi Mootii H/Sillaasee Finfinneetti

‘’Mootiin H/Sillaasee Giftii Elizaabet yeroo isaan ijoollee turan beeku. Gaaffii isaanii fudhattee gara Itoophiyaa dhuftee daawwachuun waan guddaadha,’’ jedhu Lij Daani’el.

Warri Ingilizii erga Xaaliyaanii biyyaa baasan booda mootummaa Itoophiyaa gama adda addaan tumsaa turan.

‘’ALA bara 1941 eegale mootummaan Ingilizii oolmaa guddaa oole qaba. Inni guddaa akkaadaamii [waraanaa] Harar hundeessuudha.

‘’Qondaaltonni waraanaa Itoophiyaa hedduu achitti leenji’aniiru,’’ jedhu Gar/ Pirof Ababaaw.

Waan Giiftiin Elizaabeet fidan

‘’Wanti guddaa Giiftiin Elizaabet fidanii dhufan Gonfoo [Mootii] Tewodiroos fidanii dhufuu isaaniiti’’ jechuun ibsu Gargaaraan Pirofeesaraa Ababaaw Ayyaaloon.

Bara mootii H/Sillaasee mootichi keessummoota isaanii akkaan kabajaniif masaraa Miniliik [Zufaan Chiloot] akka daawwachiisan himu. Kanneen kana daawwatan muraasadha.

Bakki kuni ‘’Bakka kabajaa Itoophiyaati’’ jedhanitti namoota biyyaaf oolmaa oolanii yaadataman keessaa tokko Giiftii Elizaabet ta’u hayyuun seenaa kuni himu.

Masaraan kuni erga muuziyeemii ta’eefi daawwattootaaf banaa ta’e as aangawoota biyya alaa sadii Paarkii Yunitiitti Galma Zufaanitti kabaji kennameef keessaa tokko Giiftii Elizaabetidha.

Sirna owwaalcha isaanii irratti Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee Landanitti argamuun gadda ibsaniiru.