Itoophiyaa keessatti adabbiin du’aa akkamiin raawwatama?

Madda suuraa, Getty Images
Finfinnee kutaa magaalaa Lammii Kuraa, Kondominiyeemii Arraabsaa jedhamutti daa’imman dubaraa obbolaa lama, kan umriin isaanii waggaa lamaafi sadii haala sukaneessaa taheen dubartiin ajjeesuun himatamte adabbiin du’aa irratti murameera.
Torbee darbe gaafa Sadaasa 26, 2015 A.L I. Manni Murti Olaanaa Federaalaa Lidataa raamaddii tokkoffaa, shamarree ganna 19 Hiwoot Mokonnin dhaddacha ajjeechaa namaafi 'wanbadummaa' irratti, qajeelfama murtoo 02, 2006 tiin du’aan akka adabamtu murteesse.
Himatamtuun kuni kana dura yakka raawwattee akka hin beekne, yakkichas kan raawwatte beekumsa dhabuufi nama barnoota idilee hin argannee tahuun akkasumas poolisitti harka waan kenniteefis adabbiin akka salphatuufi abukaatoo mootummaan ramadeefiin gaafattus manni murtii sababoota adabbiishee salphisan otoo hin fudhatiin hafeera.
Hanga adabbiin kuni irratti raawwatamuttis himatamtuun kuni mana hidhaa Qaallittii akka turtuuf manni murtichaa ajaja dabsrseera.
Adabbiin du’aa akkamiifi maaliif raawwatama?
Yunivarsiitii Finfinnee, damee barnoota seeraatti piroofeesara tumsaaa kan tahan Dr Mahaaarii Radaa’ii dhimma kana irratti yaada isaanii BBC’n gaafateera.
Seerri yakkaa Itoophiyaa keewwataa adabbii du’aa akka qabu himuun,‘’yakka addaa kan mootummaa fi uummata irratti raawwatame akkasumas sadarkaa nama dhuunfaatti yakka ajjechaa namaa haala sukaneessaafi haraamuu taheen yoo raawwatame abbootiin seeraa adabbii du’aa akka kennaniif seera irratti waan taa’e dha,’’ jedhan.
Haa tahu malee yeroo baayyee abbotiin seeraa adabbii du’aa akka hin kennineefi umrii guutuu akkasumas hidhaa waggaa 25 fa’i akka murteessan himu.
Qaamni mootummaa seera baasu seera killeeyyaa tahe tumeetu abbootiin seeraa haala himatamaa; umrii, sadarkaa barnootaafi diinagdee tilmaama keessa galchuun murtoo salphaa hanga isa dhumaa jedhamu akka kennan eeyyamaafi.
‘’Adabbii du’aa irratti garuu murtoo abbootii seeraa qofti gahaa miti,’’ jedhan Dr Mahaarin. Sababiinsaa murtoon du’aa raawwatamuudhaaf jalqaba pireezidantii biyyattiin ‘’raggaasifamuun irra jiraata, kuni yoo tahuu baate garuu adabamaan hanga yeroo hin murtoofnetti hidhamee tura jechuu dha,’’ jechuun ibsu.
Itoophiyaa keessatti adabbiin du’aa raawwatee beekaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Itoophiyaa keessatti yeroo Mootii Haayilessillaasee adabbiin du’aa raawwatamaa akka tureefi Mangistuu Newaayiifi Girmaamee Newaay, namoonni fonqolcha mootummaan himatamanis adabbiidhuma kanaan akka ajjeefaman akkasumas bara Dargii keessa raawwachaa akka ture himu hayyuun seeraa kun
‘’Waggoota soddomman darban keessatti garuu adabbiwwan du’aa kennaman illee pireezidantoonni biyyatti otoo hin raggaasisin waan turaniif raawwii adabbii kanaa badaa hin arginu.
Tahus mudannoowwan lama ykn sadii nan yaadadha. Tokko, ajjeesaa Haayyaloom Ar’ayaa kan hoggansa waraanaa TPLF ture sanaati. Adabbiin du’aa irratti muramee, irrattis raawwateera.
Kana malees, itti gaafatamaa qaama nageenyaa yeroosii kan turan nama Kinfee Gabiramadihin kan ajjeeses akkasuma du’aan adabamuun, irratti raawwachuusaa nan yaadadha.’’
Sadaffaa, hoggannaa Masrii duraanii Hosnii Mubaarak yeroo Finfinnee dhufanii turanitti, miseensonni garee shororkeessaaa isaaniin ajjeesuuf yaalan qabamanii, isaan keessaa muraasni adabbiin du’aa irratti muramee, irratti raawwatamuusaa quban qaba,’’ jedhaniiru.
Kanaaf gochaawwan shororkeessummaa, biyya ganuu, saamicha meeshaa waraanaan deeggarameefi fonqolcha mootummaa walin wal-qabatan du’aan adabsiisuu akka danda’an labsiin akka kaa'u himu Dr. Mahaarin.
Pirezidantoonni murtoo adabbii du‘aa maaliif hin raggaasan?
Pireezidantoonni adabbii du'aa raggaasuurraa maaliif duubatti jedhu jechuun kan gaafataman Dr Mahaaariin, adabbiin du’aa dhimma falmii falaasamaa qabu dha. Biyyoonni baayyees seera isaanii keessaa adabbii du’aa baasaniiru jedhan
‘’Adabbiin inni guddaa hidhaa umrii guutuu tahuu qaba malee, du’aan adabuun namummaa irraa kan bahe dha kan jedhan jiru, gama biraan, hawaasni tokko nama nama ajjeese du’aan adabnaan maaliin isa ajjeeseerraa wayyaa'e ree jechuun seera isaanii keessaaa baasu.
Gama biraan biyyooti kaan immoo adabbiin du’aa seera keenya keeessa haa jiraatu, tahus raawwiisaa haa jabeessinu barbaachisaa tahee yeroo argamu ni raawwatamaa, yoo hin taane garuu pireezidantiin raggaasuu dhiisuun akka hin raawwanne taasisa jechuua dha,’’ jedhan.
Haala kanaan adabamaan hamma murteen ragga’ee dhufutti ni hidhama, yoo achumaan hafe immoo hidhaa umrii guutuun hafa jechuu dha jechuun ibsu ogeessi seeraa kuni.
Adeemsi seeraa akkasii kuni gama himataatiin ‘haqni koo naa hin deebine’ gaaffii jedhu hin kaasuu jechuun gaaffii isaaniif dhiyeessineen Doktar Mahaariin, ‘’dhimmi yakkaa, miidhamaa tilmaama keessa galchuun miti kan adeemsifamu, seera hariiroo hawaasaa keessatti dha kan waa’ee miidhamaa ykn himataa kan kaasnu,’’ jedhan.
Yakki tokko gaafa raawwatu garuu namni ykn maatiin yakki irratti raawwate jiraatus seerri garuu, ‘’mootummaa fi uummata irratti akka raawwatetti fudhata’’ jedhan.
Kanaafi dhimma yakkaa irratti himataan abbaa alangaa kan tahu, miidhamaan hojiinsaa ragaa bahuu qofa dha jechuun ibsu.
Dhimma hojjettuu manaa ijoollee kunneen ajjeesuun himatamte irrattis, gochaan suni hunduma keenyayyu rifaasiseera.
Gocha gara-jabinaafi haraamuu akkasumas yakka sanaaf kan saaxilaman daa’imman, hamaafi gaarii adda hin baasne dha gatii taheefi miidiyaanis dhimmicha waan wal-harkaa fudheef murtoo kana kennuuf, ‘’abbootiin seeraa akkuma keenya nama gatii tahaniif dhiibbaan xiinsammuu irra jiraataa jedhaniiru.
Murtoon adabbii kuni ni raawwaata ?
Doktar Mahaariin dhimma kanarratti mirkanaan dubbachuu akka hin dandeenye himanii.
‘’Pireezidantiin keenya ofii isaanii dubartii dha, daa’imman ajjeefaman dubartoota dha. Yakki raawwates gara jabinaan raawwate, hawaasnis dhimma kanarratti baayyee iyya dhageessiseera kanaaf akkuma abbootii seeraa dhibbaa iyya hawaasaan murtoo du’aa kana raggaasuu malu.
Gama biraan ammoo akka mootummaa, biyyaafi uummataatti hojjettuu manaa yakka kana raawwaterraa wayyoo maalii qabna, umriinshees ijoollee dha, gochaa isheetiinis gaabbitee jirti jechuun mallatteessuu dhiisuu malu,’’ jedhan.
Manni murtii adabbi du’aa kennuun dabaltaan, ‘’seenaa murtoo adabbii yakkaa Itoophiyaatti himati saffisa kanaan murtoo yeroo argatu hin mul’atu kunis barumsa hawaasaaf jecha sirna addaan kan ilaalame natti fakkaata,’’ jedhu.
Kana malees murtoon kuni ol-iyyannoodhaan gara hidhaa umrii guututti yoo geeddarame malee, adabbiin mana hidhaatti amala gaarii qabachuun ykn sababoota biraa adabbii hir’isaniin geeddaramuu hin danda’u.
‘’Pireezidantiin biyyattii illee murtoo du’aa kanarratti mallatteessuu dhiisu malee gara hidhaa umrii guutuutti geeddaruuf aangoo hin qaban jedhan,'' Dr Radaa’iin.
Gama biraan baroonta seeraan kaadhimamaa PHD kan tahan Abdi Gurmeessaa adabbiin du'aa raawwachuuf adeemsa dheeraa keessa darbee dhuma irratti yoo pireezidantiin biyyattii murteessan qofa raawwata jedhu.
Haala kanaan jedhan,''manni murtii adabbii du'aa ni murteessa malee akkaataa raawwatamasaa hin himu. Raawwiin adabbii du'aa kan mana sirreessaati.,'' jedhaniiru.
Haa tahu malee, seerri adabbii yakkaa Itoophiyaa yeroo adabbiin du'aa raawwatamutti maaltu godhamuu akka hin qabne ni hima jedhan.
Fakkeenyaaf, uummata fuulduratti fannifamee ajjeefamuun dhorkaa tahuu, karaa al-namummaafi gara-jabeessa taheen ajjeefamuu akka hin danda'amne ni kaa'a; tahus adeemsa kanaan ajjeefama kan jedhu garuu seera irratti hin teenye jedhu.
Abbootiin murtii kana tilmaama keessa otoo hin galchiin akkaataa raawwatama adabbii du'aa yoo eeran illee,''seera waan cabsaniifi aangoo kana raawwachuu ijaa hin qabneef ittii gaafatamu,'' jedhan.
Kanaaf walumaagalatti manni murtii adabbii du'aa ni kenna malee, ''akkasiin haa ajjeefamu,'' jedhe waan himu hin qabu inni hojii manneen sirreessaati jedhan.












