Adabbii Du'aa: Bara pirezedaantummaa Tiraampiitti addabbiin du'a dhumaa gaggeeffame

Bara pirezedaantummaa Tiraamp keessa addabbiin du'a kan dhumaa gaggeeffame

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bara pirezedaantummaa Tiraamp keessa addabbiin du'a kan dhumaa gaggeeffame

Bara pirezedaantummaa Doonaald Tiraamp keessa adabbiin du'aa kan dhumaa Pirezedaantichi aangoo gadhiisuuf guyyaan afur yeroo hafurratti gaggeeffameera. Namni Dustiin Higsi jedhamu murteen du'aa itti murtaa'ee Indiyaanaa keessatti hidhaamee jiru adabbii du'aa Federaalaan raawwatamuun ajjeefameera.

Higsi bara 1996 keessa ajjeechaa dubartoota sadii buufata bineensota baqatan itti kunuunsan keessatti raawwatameen yakkamaa jedhamus, inni garuu hanga du'a isaatti akka ajjeefamaniif ajajuu wakkateera.

Namni kun Sanbata akka saatii bakka sanaatti 01:23 ykn (06:23 GMT) irratti summii ajjeesu waraanamuun du'aan adabameera.

Erga Adoolessa darberraa kaasee mootummaan US adabbii du'aa sadarkaa Federaalaatti waggoota 17f addaan citee ture deebisee jalqabsiisee as kun 13ffaadha.

Adabbiin du'aa Higsirratti raawwatame kun namni adabbii du'aa mormuun beekamu Joo Baayidan aangoo pirezedaantummaa qabachuuf guyyoonni afur qofti hafuttidha.

Bulchiinsi Tiraamp adabbii du'aa kana raawwachiisuudhaaf saffisuusaa qeeqaa turaniiru.

Dustiin Higsi maaliin yakkamaa ta'e?

Dustiin Hiigsi bara 2001 keessa butiifi ajjeechaa dubartoota sadii - Taanii Jaaksan, Taamikaa Bilaak fi Mishaan Chiin bara 1996 keessa raawwatame dura bu'ummaan gaggeessaniiru jedhuun yakkamaa ta'e.

Dubartoonni ajjeefaman kunneen DUstiin Higsiifi dhiirota biroo lama waliin mana tokko keessa beellama jaalalaarra osoo jiranii garee namoota beellama jaalalaaf walgahan gidduutti fajoon dhalate.

Higsiifi namni biraan yakka kana raawwachuuf isa gargaare jedhame, Hayines, dubartoota kana mana isin geessina jedhanii fudhatanii deeman. Garuu mana geessuu dhiisanii gara buufata bineensonni itti kunuunfaman Mariilaand keessatti argamuu tokko geessan. Bakka sanattis Higsi Hayinesiif shugguxii kennuun akka dubartoota sadanitti dhukaasee ajjeesuuf ajaje.

Hayines akka dhukaasee ajjeese amanuu isaatiin adabbii hidhaa umuri guutiitiin adabameera.

"Nama isa ajjeese sirrii caalaa Higsiin du'aan adabuun murtee akka feeteefi loogii qabudha," jechuun abbaan seeraa haraaraaf Pirezedaant Tiraamitti iyyatee ture tokko.

Obboleettii Dustiin Hiigsi, ALeksaa Keev

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Obboleettii Dustiin Hiigsi, ALeksaa Keev

Manni murtii tokko Kibxata darbe Higsiifi namni duuti itti murtaa'ee Korii Joonsan jedhamu biraa Covid-19n waan qabamaniif addabiin du'aa isaanii akka tursiifamu ajajee ture.

Abbootiin seeraa man murtii kanaa jarri kun Covid-19n qabamnii waan jiraniif ribuun somba isaanii yeroo adabbiin du'aa raawwatamu baayyee dhukkubsuu danda'a jechuun ture akka turaniif kan gaafatan.

Haata'u malee, Qajeelchi Haqaa battalumaan ol iyyatee dhimmicha mo'ateera. Joonsan Kamisa ture kan ajjeefame.

Ol-iayyannoon akka Higsi hin ajjeefamneef dhiyaate Jimaata darbe kufaa ta'uu hordofee, adabbiin du'aa akka raawwatamu ta'eera.

"Kun haqa miti," jechuun barreessite haadha haqaa kan taate Sooniaa Sotomaayor.

Dubartiin kun maqaa namoota 13 Adoolessa daree as ajjeefaman tarreessiteetti. "Seenaa kessatti ilaaluudhaaf Mootummaan Federaalaa ji'oota darban ja'a keessa waggoota kurnana ja'a duraan turan keessa caalaa namoota du'aan adabeera."

Jecha dhuma irratti dubbateen Hiigsi, ammallee ani yakkamaa miti jechuun gocha ittiin du'aan adabame raawwachuu wakkateera.

"Ani nama qulqulluu akka ta'e ibsuun barbaada," jedhe maqaa dubartoota sadanii dha'uudhaan.

"Ani akka isaan ajjeefaman hin ajajne."

Torban darbes, US dubartii takkittii du'aan akka adabamtu murteessitee turte summiin akka ajjeefamtu osoo eegamuu sa'aa dhumaatti murteen kun akka turu abbaan murtii murteessuus sa'aa muraasa booda adabbichi raawwateera.

Liisaa Mangaamerii dubartii ajjeechaan himatamtee murteen du'aan ittii murtaa'ee fi US keessatti dubartii murteen du'a itti murtaa'e tokkotti turte.