US dubartii takkattii murteen du'aa irratti murtaa'ee ture du'aan adabde

Madda suuraa, Reuters
US dubartii takkittii du'aan akka adabamtu murteessitee turte summiin akka ajjeefamtu osoo eegamuu sa'aa dhumaatti murteen kun akka turu abbaan murtii murteessuus sa'aa muraasa booda adabbichi raawwateera.
Liisaa Mangaamerii dubartii ajjeechaan himatamtee murteen du'aan ittii murtaa'ee fi US keessatti dubartii murteen du'a itti murtaa'e tokkotti turte.
Erga yeroof murteen ishee Mana Murtii olaanaa US'n akka turu godhamee booda mana hidhaa Terre Hoote Indiyaana keessatti summiin kennameefi ajjeefamteetti.
Dubartiin isheen ajjeefte, Boobii Jo Istiineet ganna 23 turte.
Abbaan murti US dubartii Liisaa Mangaamerii jedhamtu murteen du’aan ittii murtaa’ee summii ajjeesu waraanamuuf yeroo saatiin muraasni hafutti murtichi akka tursiifamu taasifameef.
Abbaan murtiii Jeems Hanloon jalqaba dhaddachii fayyummaa sammuu ilaalu taasifamuu qaba jedha.
Abukaatoonni Mangaamarii murteen du’aa akka haqamuuf kan gaafatan sababa dhibee sammuu waliin dhallatte qabdi jedhuun.
Liisaa Mangamoorii bara 2004tti dubartii ulfa huutee ajjeessuun garaa ishee baqaqsitee daa’imashee keessa fudhatteetti.
Mangamariin dubartii umuriin ishee ganna 52 ta'e yoo taatu, utuu murteen du’aa ishee akkuma karoorfameen Amajji 12 raawwatameera ta’ee wagga 70 keessatti dubartii jalqaba Indiyaanaa Terree Hootitti murtee du’aan ajjeefamte taati turte.
Abbaan murti murtee akkamii dabarse?
Murtee Wiixata dabarseen Abbaan Murti Mana Murtii Bulchiinsa Kibbaa Indiyaanaa Hanloon “Iyyataa murtee du’aa Mangamorii yeroof akka haqamu kan eyyamame murtee du’aaf fayyinni sammuu ishee ga’aa akka ta’e akka ilaalamuuf,” jedha.
“Faayyiinni sammuu Mangaamorii dhugaa jiru irraa kan adda ta’e waan ta’eef sababa murteen kun irratti murtaa’eef hubachuu hin dandeessu.
“Manni murti guyyaafi yeroo dhaddachi biraa itti gaggeeffamu ni murteessa,” jechuun abbaan murti Hanloon ajajaniiru.
Abukaattonni Mangamarii murtee kana simataniiru.
“Manni murtii murtee du’aa ishee dhaabuuf murteessuun isaa sirriidha,” jetti abukatoon ishii Keelii Henrii.
“Managamariin dhukkuba sammuufi dhibee xiinsammuu hedduu kan yeroo guddina isheetti xuxuqqaa saalaa namoota ishee kunuunsan hedduun irra ga’een hammaachaa dhufe qabdi,” jetti.
Akka gabaasa CNNtti abbootiin alangaa murteen abbaa murtii akka geeddaramuuf iyyata galchaniiru.
Mangamariin murtee du’aa jalaa miliquu dandeessii?
Yeroon murteen du’aa Mangamarii dabarfamuuun kun kan lammataadha.
Guyyaan murteen kun itti rawwatamuuf jalqaba karoorfamee ture Mudde darbe keesa yemmuu ta’u – garuu sababa abukatoon ishee Covid-19 qabamteef achi dabarfame.
Dubartiin dhumaa murteen du’aa irratti murtaa’ee mootummaa US’n ajjeefamte Boonii Heedii kan bara 1953tti kutaa Gaasii keessatti duutedha, akka odeeffannoo Wiirtuu Odeeffannoo Murtii Du’aa mul'isutti.
Murteen du’aa Federaalaa hanga Pireezdaant Doonald Tiraamp wagggaa darbe jalqabarrattii deebisee eegaletti waggootii 17’f addaan citee ture.
Erga Pireezdaant Joo Baayden aangoo qabatanii booda Mangamariin gutummaatti murtee du’aa jalaa miliquu dandeessi yaadi jedhu jira.













