Dubartii tokkittii adabbii du’aa eeggachaa turterratti guyyaan itti duutu murame

Madda suuraa, Reuters
Manni murtii ol iyyannoo US abookaatoowwan iyyata komii galfatanu, Lisaa Montigoomerii Ammajjii 12 du'aan akka adabamtu raggaasise.
Manni murtii ol iyyannoo US dubartii tokkitti adabbii du'aa eeggachaa turte akka adabichi raawwatamu ajaja dabarse.
Lisaa Montigoomeriin bara 2004’tti Mizuurii keessatti dubartii ulfaa ukkaamsuun erga garaashee baqaqsuun daa'ima garaashee ture fudhachuun himatamte.
Adabbiin du'aa kun hojiirra yoo oolfame, waggoota 70’n booda dubartii biyyattii keessatti du'aan adabamte kan jalqabaa taati.
Baatii tokkoon dura ture akka du'aan adabamtu guyyaan kan kaa'amee ture. Bodaa garuu erga abukaatoon ishee Covid-19n waan qabamaniif akka tursiifamu ta’e.
Amma karaa Ministeera Haqaatiin Amajjii 12tti karoorfameera. Abukaatoowwan ishee garuu osoo ajajni akka turuuf kaa’ame jiruu guyyaan du’aa kaa'amu hin danda'u jechuun mormaa jiru.
Manni murtii tokko abukaatoowwan ishee bira goruun ajaja karoora du'aa daarektara Biiroo Manneen Sirreessaa dhaabee ture.
Garuu gumiin abbootii seeraa guyyaa Jimaataa walgahuun daarektarichi haaluma seeraatiin adeeme jechuun addabbichi akka raawwatamu hayyame.
Gareen seeraa Montigoomerii ammas abbootiin seeraa murteesaanii keessa deebiin akka laalaniif iyyata galfanna jechaa jiru.
Dubartiin yeroo dhumaatiif du'aan adabamte Boonii Heedii kan Mizuurii keessatti bara 1953 gaaziin ukaamfamtee duteedha, akka Jiddugala Odeeffannoo Adaba Du'aatti.
Ameerikaatti du'aan adabuun waggoota 17 dhaabbatee kan ture yoo ta'u, Tiraampiitu deebii'ee hojiirra akka ooluuf jalqaba bara 2019 keessa ajajan.
Adabbiin du'aa hafan yoo raawwataman, Tiraampi pirezidaantii Ameerikaa bara aangoo isaatti adabbiin du'aa hedduun itti raawwatame ta'u.
Guyyaan Montigoomeriin itti adabamuuf karoorfames gaafa itti Joo Baayideen ifatti aangoo fudhataniin guyyaa tokko dura.
Mr Baayidan ammoo adabbiin du'aa kun akka dhaabbatuuf akkuma aangoo fudhataniin ni gaafatu jedhamee eegama.
Montigoomeriin eenyuu?
Montigoomeriin bara 2004 baatii Muddee keessa buchillaa saree bitachuuf Kaansaas irraa konkolaataa ooftee mana Baabbee Joo Istiineet Mizuuriitti argamutti deemuu ishee, ibsi pireesii Ministeera Haqaa ni mul'isa.
''Akkuma mana keessa ol seenteen, Montigoomeriin utaaltee dubartii ulfa baatii saddeetii kan taatee Istiineet hanga of wallaaltutti huutee qabde'' jedha.
"Isaan boodas albee fayyadamuun garaa dubartii murte. Dubartittiin gara sammuutti deebii'uuf jennaan ammoo Montigoomeriin amma lubbuun keessaa baatuutti ukkaamsiteen. Isaan booda mucaa garaa dubartittii keessa ture baasuun fudhattee kan ofiishee fakkeessuun darbuuf yaalte.''
Bara 2007’tti gumiin mana murtii Montigoomeriin yakka buttaa du’aatii qaqqabsiiseen yakkamtuudha jechuun sagalee guutuun adabbii du'aa irratti murteesse.
Abukaatoowwan ishee garuu daa'imummaatti waan reebamteef dhibee sammuu waan qabduuf du'aan akka hin adabamne jechuun gaafataa turan.












