Dubartiin Ameerikaa sadarkaa federaalaatti erga 1953 as yeroo jalqabaaf du'aan adabamuuf

Lisa Montgomery in jail

Madda suuraa, Reuters

Ameerikaan ganna 70 keessatti yeroo jalqabaaf mana hidhaa federaalaa keessaa dubartii du'aan adabuuf murteessuu, Ministeerri haqaa biyyattii beeksise.

Dubartiin Lisa Montgomery jedhamtu, bara 2004tti dubartii ulfaa huutee ajjeesuun, daa'ima garaa keessaa albeen muruun baastee fudhatte.

Lisaan amma Mudde 8 baranaa keessa lilmoo ajjeesuun waraanamtee akka duutu yeroon qabameera.

Dubartiin yeroo dhumaatiif mootummaa US'n ajjeefamte Bonnie Heady jedhamti. Kunis kan tahe bara 1953 kutaa biyyaa Mizuurii keessatti yoo tahu, kutaa gaazii keessatti ajjeesan.

Adabbiin du'aa biraas ji'uma walfakkaatutti qabameera. Brandon Bernard, waahillan isaa waliin tahuun bara 1999tti tajaajiltoota amantii dargaggeeyyii tahan lama obbaasan.

Abbaan Alangaa Ameerikaa, Wiiliyaam Baar ''yakkoonni kunniin gara jabina yookaan hammeenya olaanaa agarsiisu,'' jedhan.

Bara dabre keessa bulchiinsi Tiraamp, adabbii ajjeechaa federaalaa deebisee akka eegalu beeksisee ture.

Lisa Montgomery eenyu?

ALA Mudde 2004, Lisaan kutaa biyyaa Kaansaas keessaa kahuun, gara mana Bobbie Jo Stinnett kutaa biyyaa Mizuuriitti argamutti konkolaataa ooftee deemte.

Sababni isaas saree reefu dhalatte bituuf ture jedhan ragaan Ministeera Haqaa Ameerikaa.

Erga manashee qaqqabde booda, Lizaan dubartii kana morma qabuun huute. Stinnett wayita sanatti ulfa ji'a saddeettii kan turte wayita tahu, of wallaaluun kufte.

''Albee fayyadamuun, garaa ulfaa kukkutuu eegalte. Kanaanis dubartiin ulfaa of wallaaltee turte kun, dammaqxe.

Dubartoonni lamaan wallaansotti galani jennaan, Lisaan dubartii kana ammallee hudhuun lubbuu keessaa baafte. Erga duute boodas, daa'ima garaa jiru baasuun fudhattee baate. Akka daa'ima ofiis fakkeessitee dabarsuu yaalte.''

2007tti, manni murtii salganee (jury), dubartii kana yakka federaalaa ugguranii lubbuu baasuu jedhuun balleessummaa itti mure. Sagalee guutuunis murtee du'aa itti dabarsan.

Haa tashu malee, abukaatonni Montigoomarii, dubartiin kun sababa daa'imummaatti mataarra rukutamteef sammuunshee midhaa qaba jechuun falman.

Waan tasgabbii sammuu hin qabneefuu ajjeefamuu hinqabdu jedhanii falmaa turan.