Abbaan buddeenaa ijoolleesaa lama ajjeesee waraabessa nyaachise adabame

Madda suuraa, Reuters
Abbaan buddeenaa ijoolleesaa lama haala suukanneessaan ajjeesee waraabessa nyaachise hidhaan irratti murtaa’e.
Yakki kun Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Kuyyuu keessatti raawwatame.
Himatamaa Taaddasaa Mollaa jedhamufii jiraataa aanichaa ta’e haadha warraasaa fi abbaa buddeenaa kan ta’uuf ijoollee lama kan umriinsaanii waggaa torba fi sadii ta’an waliin jiraachaa ture.
Haa ta’u malee, himatamaan kun ALI Amajjii 17 bara 2015 daa’imman lamaan kunneen irratti yakka suukkanneessaa raawwate.
Gaafas haati warraa himatamaafii harmee daa’imman lamaanii kan taate ijoollesheefii abbaa warraashee dhiiftee dhimma hojii dhuunfaaf manaa baati.
Daa’imman lamaanis naannuma qe’eetti ijoollee biroo waliin tapha eegalan.
Yeroo kana himatamaan daa’imman lamaan keessaa isa hangafaa kan umriin waggaa torba ta’e ofitti waamee qarshii 10 itti kennuun kasala akka bitu erga.
Daa'imni inni quxisuus obboleessa isaa waggaa torbaa waliin gara ergametti imala.
Himatamaanis uleefii huccuu qabatee daa’imman lamaan hordofee imala, daa’imman lamaan iddoo isaaf mijatu yemmuu qaqqabanis haala suukanneessaan yakka ajjeechaa irratti raawwatuu galmeen poolisii agarsiisa.
“Haala suukanneessaa ta’een ajjeesee, ijoollee achumatti dhiisee ofii isaa miliqee gara Godina Baalee deeme.
''Bakka sana erga deemee boodammoo bilbilee firoonnisaa naannoo sana jiran akka baqatan taasise” jechuun BBC’tti himan Abbaan Seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Gaddafaa Amantee.
Harmeen daa'imman lamaaniifii haati warraa himatamaas abbaan warraas ta’e ijoolleenshee manatti ol deebi’uu dhabuusaaniitiin gara waajjira poolisii deemun iyyatti.
Ijoolleen ollaa daa’imman miidhaman waliin taphachaa turanis himatamaan ulee, huccuufii korojoo qabatee daa’imman lamaan faana hordofee akka imale harmee daa’immaniitti himan.
“Himatamaan erga miliqee ‘gochaa akkasii raawwadheera, baqadhaa!’ jedhee firootasaatti hime.
''Eeruun kun akkuma poolisii qaqqabettis waliin ta’uun isa qabuun gara asiitti akka deebi’u taasifame” jedhan Abbaa Seeraa Gaddafaa.
Adeemsa seeraafi adabbii…
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Qindoomina qaamolee nageenyaan Godina Baalee Aanaa Sinaanaa keessatti to’annoo jala kan oole himatamaa Taaddasaa Mollaa jalqaba Mana Murtii Aanaa Kuyyuutti dhiyaachuun gochicha raawwachuusaa amane.
“Maaliif gochaa kana raawwatte yemmuu jedhan, 'godhi godhi naan jedhe, waan godhi godhi naan jedhe garuu hinbeeku' jedhe.
''Himanni Mana Murtii Olaanaa Shawaa Kaabaatti erga irratti dhiyaatee boodammoo gochicha raawwachuu hin amanne” jedhan Abbaan Seeraa.
Yakkamaan kuni rakkoo dhibee sammuu qabaachuun isaa hin baramne.
Himatamaa Taaddasaa Mollaa, “Seera Yakkaa bara 1996 bahe keewwata 539/1 (A) jalatti himatame.
''Daa’imman lama waan ajjeeseef himannaa lama jalatti himatame” kan jedhan Abbaan Seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Shawaa Kaabaa Gaddafaa Amantee, himatamaan yakkicha raawwachuu haaluu isaatiin ragaaleen namaafii foorensikii akka dhiyaatan taasifamuu himan.
“Ijoolleen sun waraabessaan nyaatamaniiru. Dhiigni huccuu isaaniirratti argame kan haadhaa waliin qorannoon forensikii taasifamee dhibbeentaa 99.9 kan walfakkaatudha” jechuunis himan.
“Ragaalee hundumaa erga ilaallee booda ijoollee lamaan kanarrattiyyuu gochaa ajjeechaa gara jabeenyummaa qabu kan raawwate ta’uusaa giddugaleessa godhannee ragaa ittisaa yoo qabaate akka ofirraa ittisu jalamurtii kennine” jedhan.
Himatamaan maqaa namoota ragaalee ittisaa kooti jedhe mana murtichaaf dhiyeessullee namoonni kunneen jiraattota ganda eeramee akka hintaane mirkanaa’e.
“Ragaaleen ittisaa kun akka dhiyaatan yeroon adda addaa kennamus teessoonsaanii kan hinbeekamne waan ta’eef Manni Murtii bira darbuun (himatamaa) balleessaa taasise” jedhan.
Gama biraatiin Manni Murtichaa himatamaan kanaan dura galmee yakkaa kan hinqabne ta’uusaa akka yaada adabbii salphisutti akka fudhate himan.
“Nuti ka’umsatti adabbii du’aa adabamuu qaba jechuun ka’umsa qabanne. Garuu sababni adabbii salphisu tokko waan argameef adabbii du’aarraa gadi bu’ee hidhaa umrii guutuu akka adabamu murtiin kenname” jechuun BBC'tti himaniiru.
Maddi gara jabinaa maali?
Sababoota kanaaf ka'umsa ta'an akka jiran ogeeyyiin xiinsammuu himu. Tokko rakkoo fayyaa sammuu waliin walqabatuu danda’a.
Namni akkuma gaarummaas qabu, hamminas dalaga. Badiin kuni garuu jireenya kana dura keessa dabarsanirraa, aarii, mufii, kaka’umsa sababoota garagaraan raawwachuu danda’a.
Kana dura gargaaraa pirofeesara kilinikaal saayikoolojii fi niyuuroosaayikoolojii kan ta’an Saayiman Makaartii-Joons sababa namoonni nama hubaniif BBC’tti kana himan.
Sababa lamatu jiraachuu danda’a - miidhaan nama sanaa itti hin dhaga’amu (hin gaddisiisuun) ykn ammo miidhaa nama sanaa ni jaallatu (itti gammadu).
Sababa biraa kan ta’uu danda’u nama sana akka nama isaan miidhuu danda’utti yaaduu kan jedhudha jechuun ibsan.












