Abbaa ilmoosaa haala sukkaneessaan ajjeesse irratti hidhaan cimaa waggaa 20 murtaa’e

Asnaaqe Geetuuti

Madda suuraa, WAABMB

Naannoo Oromiyaa bulchiinsa magaala Bishoofttuutti abbaan ilmoo ofiisaa haala sukkanneessaan ajjeessee hidhaa cimaan waggaa 20 irratti murtaa'e.

“Dhimma haalaan ulfaataa safuufii aadaa saba keenyaallee faaledha” jedhan Abbaa Alangaa Sanyii Namoomsaa

Gochaan hammeenyaa daa’ima waggaa tokkoo fi ji’a jahaa irratti raawwatame kun magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Calalaqaa keessatti raawwatame.

Himatamaan gochaa kana duuba jiru immoo jiraatuma Magaalaa Bishooftuu Kutaa Magaalaa Calalaqaa kan ta’e Asnaaqe Geetuuti.

“Himatamaan kun dubartii maqaanshee Tigist Gabree jedhamtu waliin jireenya gaa’elaan ala akka abbaa manaa fi haadha manaatti waliin jiraachaa turan.

Yeroo waliin jiraatan kanattis daa’ima Dinqisiraa Asnaaqe jedhamu godhatan” jedhu Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuutti Abbaa Adeemsaa Dhimmoota Yakka Adda Addaa kan ta’an Abbaa Alangaa Sanyii Namoomsaa.

Haata’u malee, dubartiin himatamaa kana waliin jiraachaa turte himatamaa waliin jireenya waan dadhabdeef gargar bahanii isheen gara Magaalaa Finfinnee deemuun jiraachuu eegalte.

Himatamaanis haadha warraa biraa waliin gaa’ela hundeessuun magaalaa Bishooftuu keessa jiraachuu itti fufe.

Namoonni lamaan gargar bahanis haati warraa duraanii wanta daa’imicha ittiin guddistu himatamaa gaafachaa akka turte galmeen Abbaa Alangaa hima.

“Daa’ima kana guddisuuf jireenyi waan itti ulfaateef yeroo adda addaatti gara himatamaa kanaatti gara Magaalaa Bishooftuutti dhuftee qallaba gaafachaa turte” jedhu Abbaan Alangaa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haaluma kanaanis ALI Adoolessa 23 bara 2015 haati daa’imaa kun daa’imashee waggaa tokkoofi baatii jahaa qabattee gara Magaalaa Bishootuu imalti.

Wayita isheen mana abbaa warraashee duraanii geessu inni mana hinturre. Kanaafis daa’imashee qabattee hanga inni hojiidhaa galutti achuma manasaatti haadhawarraasaa ammaa bira teessee eegde.

“Sa’aatii 2:00 ta’ee himatamaan gara manaa yemmuu galu daa’imaafi haadha daa’imaa manatti arge. Kallattiidhumaan ‘maaliif daa’ima qabattee gara manaa dhufta’ kanjedhuun lola itti kaase” jedhan Abbaa Alangaa Sanyiin.

Lola erga kaasee boodas himatamaan haadha warraasaa duraanii manarraa fageessee ari’e gara manaatti ol deebi’e.

Daa’imasaa rafee ture akkuma rafetti fudhatee gadi bahuun gara naannoo Bataskaana Rufaa’el jedhamutti geesse.

“Achitti daa’ima umriinsaa naannoo waggaa tokkoofii baatii jahaa kana akkuma inni rafee jirutti morma hudhee muddee qabee, akka inni hafuura hinbaafanne godhee ajjeese. Sana boodas bataskaanuma kana cinatti lafti balfi itti gatamutu jira. Balfa sana keessa qotee awwaale” jedhan Abbaan Alangaa.

“Daa’ima eessaan geesse?”

Himatamaa Asnaaqe Geetuu ilmoosaa bifa sukkanneessaan erga ajjeesee booda gara manasaatti deebi’e.

Yeroo manatti ol deebi’u garuu gaafiin “Daa’ima eessaan geesse?” jedhu haadha warraasaa ammaarraa dhiyaataaf.

“Isheedhaaf hoomaa deebisuu hindandeenye. ‘Haadhaafin kennee deebi’e’ jechuun haale” jedhan Abbaa Alangaa Sanyiin.

Haa ta’u malee haati daa’imaa borumtaa yakkichi raawwatametti poolisiif eeruu kennuusheetiin himatamaan to’annoo jala oolee qorannoon eegalame.

“Gaafa Adoolessa 25 bara 2015 lafa itti daa’ima kana ajjeesee, boolla qotee itti awwaale sana qajeelchee geessee bakka qotee awwaalee baasee agarsiise. Gareen qorannaa Abbootii Alangaafi qorattoota Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu waliin qindaa’uudhaan qorannoo gaggeessan” jedhan.

Qorannoon reenfaa adeemsifamee ragaaleen erga qindaa’anii booda Abbaan Alangaa himatamaa Asnaaqe Geetuu Seera Yakkaa Itoophiyaa bara 1996 bahe keewwata 539/1/A darbeera jechuun himata hundeesse.

Mana Murtii Olaanaa Magaalaa Bishooftuus falmii bitaa mirgaa adeemsise, himatamaanis ragaa ittisaa dhiyeeffachuu akka hindandeenye Abbootii Seeraatti hime.

Manni Murtichaas dhimmicha qorachaa erga tureen booda dhaddacha ALI Sadaasa 18 bara 2016 ooleen himatamaa ilmoo ofii haala sukkanneessaan ajjeesse Asnaaqee Geetuu irratti hidhaa cimaa waggaa 20 murteesse.

Gaa’ela akka feetee

“Dhimmichi dhimma safuu saba keenyaarraa ce’e waan ta’eef xiyyeeffannoo guddaan qorannaan gaggeeffamaa ture” kan jedhan Abbaa Alangaa Sanyii Namoomsaa, taateen akkanaa akka hin uumamneef hawaasni, qaamoleen mootummaa fi dhaabbileen amantaa gaheesaanii bahachuu akka qaban himu.

Taateewwan akkanaa keessumaa dargaggoonni haalaan osoo hin xiinxaliin fi itti gaafatamummaa fudhachuuf osoo hin qophaa’iin daa’ima godhachuurraa kan dhufan akka ta’an kan himan Abbaan Alangaa kun, dhimmoonni akkanaa irra deddeebiin gara waajjira isaanii akka dhufan himu.

“Dhimmoonni amma qabatamaan nubira dhufaa jiran keessumaayyuu dargaggoonni ol adeemtonni yeroo walitti dhufan murteeffatanii, jireenya waloo waliin jiraachuudhaaf, itti gaafatamummaa waliinii fudhachuudhaaf otoo hin murteeffatiin akka feeteedhaan waliin jireenya eegaluurraa kan dhufu akka ta’edha dhimma kanarraa kan hubatamu” jechuunis himan.

Kanaafis keessumaa dargaggoonni daa’ima godhachuuf murteessuu isaaniin dura karoorfachuu akka qaban, erga godhatanii boodammoo itti gaafatamummaa waliinii fudhatanii daa’ima waliin guddifachuurratti hojjechuu akka qabanis himan.

Waajjiri isaaniis dhimma kanarratti xiyyeeffachuun hojjiilee garagaraa hojjechaa akka jiru himuunis, hawaasni fi dhaabbileen amantaa gahee dargaggoota qaruu bahachuu akka qaban dhaamaniiru.