Namichi haadha warraasaa duraanii abbootii seeraa duratti ajjeese hidhaan adabame

Murtee seeraa

Madda suuraa, Reuters

Jiraattota Godina Harargee Bahaa aanaa Baddannoo kan turanii fi Abbaa warraa fi haadha warraa ta’uun waliin jiraachaa kan turan Obbo Darajjee Seefuu fi Aadde Tigist Likelew kan jedhaman waliigaltee dhabnaan kara seeraatiin wal hiikanii ture.

Jarri lamaan karaa seera qabeessaan bultii isaanii erga diiganiin booda beellama qoodinsa qabeenyaatiif ture irra deebiin mana murtii aanaa Baddannootti kan walargan.

Akka Abbaan Alangaa Godina Harargee bahaa Obbo Zabbanaa Shibashii jedhanitti, guyyaa beellama mana murtii qoodinsa qabeenyaatiif qabame Adoolessa 28, bara 2015 himatamaa Obbo Darajjeen dhoksaan aalbee qabatanii dhaddacha seenan.

Aalbee kanaanis miidhamtuu haadha warraa isaanii turte Aadde Tigist qoma keessa waraanuun battala lubbuun isaanii akka darbu godhe.

Kanaan alattis miseensa poolisii dhaddachaarra ture yeroo himatamaan kuni balaa geessisu dhaabsisuuf yaalii taasise irrattis aalbee qabate kanaan yaalii ajjeechaa gochuu himan Obbo Zabbanaan.

Himatamaan kuni yakka ajjeechaa kana kan raawwate dhadhacha taa’ee jiruu fi abbootii seeraa dhimma qoodinsa qabeenyaa isaanii ilaaluuf taa’an duratti.

Dhimma ajjeechaa kana kan ilaale abbaan alangaa Godina Harargee Bahaas himatamaa kana yakkoota ciccimoon himachuu himu abbaan alangaa.

“Yakka lubbuu balleessuu haadha waarraasaa duraanii irratti raawwate, yakka yaalii ajjeechaa poolisii irratti raawwate, dhaddacha jeequu fi hojii mootummaa gufachiisuutiin himatamee” jedhan.

Manni Murti olaanaa Godina Harargee Bahaas himatamaan kuni ammaan dura rikardii yakkaa qabaachuu akka adabbii cimsuutti, abbaa ijoollee afurii ta’uusaa ammoo akka adabbii hir’isuufitti ilaaluun dhaddacha Gaafa Onkololeessa 5, bara 2016 ooleen murtii balleessummaa kenneera.

Haaluma kanaanis himatamaa Darajjee Seefuu hidhaa cimaa umurii guutiitiin adabeera.

Yakkamaan kuni abbaa ijoollee afurii yoo ta’u, haadha warraasaa dhadhacharratti lubbuu balleesse kana waliin ilmaan akka hin horanne galmeen abbaa alangaa ni mul’isa.