Dargaggoon Harargeetti dhaalaaf jecha abbaasaa ajjeese jedhame akkamiin to'atame?

Namoonni reeffa wayita baasan

Madda suuraa, GW Police

Ibsa waa'ee suuraa, Akka poolisiin jedhutti, shakkamaan abbaa ajjeesuu dura dhaadachaa ture

Shakkamaa Ibraahim Hasan Abdallaa dargaggeessa umuriinsaa waggaa 25 akka ta’e himame, Godina Harargee Bahaa aanaa Guraawaa keessa jiraataa araddaa Eelaa Xaaxessaati.

Abbaan isaa miidhamaan dhuunfaa Obbo Hasan Abdallaas jiraatuma araddaa kanaa yoo ta’an, dullumarraa kan ka’e lafa qonnaa qaban bifa dhaalaan ijoollee isaaniif hiru.

“Dhimma dhaalaaf jecha abbaasaa nyaata dhorkatee rakkisaa ture. Abbaansaas deddeebi’ee bulchoota araddaatti himachaa ture.

''Osuma himachaa jiruu ‘abbaa kiyya kana ajjeesuun qaba’ jedhee murteeffatee, dhokatee bakka namni hin jirretti hordofee ajjeese,” jedhan Hogganaan Poolisii Aanaa Gurawaa, Inispeektara Olaanaa Waaqgaarii Jabeessaa.

Himannaa kanarratti shakkamaan ammatti waan jedhe hinqabu.

Shakkamaan kuni yakka ajjeechaa kana yoo raawwatu haadha warraasaa dabalatee shakkamtoota biroo waliin mari'achuun akka turees ragaan Poolisii Aanaa Guraawaa agarsiisa.

Akka galmeen poolisii ibsutti, shakkamaan gochaa ajjeechaa kana erga raawwateen boodas gargaarsa shakkamtoota biroon reenfa abbaasaa hallayyaatti darba.

“Hallayyaatti darbee akka abbaansaa badeetti ‘abbaan kiyya ni bade’ jedhee hawaasa waliin barbaadaa tures” jedhan Inspeektar Olaanaa Waaqgaariin.

Shakkamaan kun obbolaawwan isaa kunneen birootiin yoo gaafatamus gochaa raawwate dhoksuun isaan waliin abbaasaa barbaadaa ture.

“Sana booda garuu guyyaa sadaffaarratti karaa abbaasaa hallayyaatti buuse sanaan (obboleettii isaatti) reeffa itti agarsiise. Isheen gaafa iyyituus fiigee bade,” jedhan.

Yaalii yakkicha dhoksuuf taasifame

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Shakkamaan reeffa abbaasaa obboleettii isaatti agarsiisee erga miliqee booda aradduma sana keessatti mana nama dhuunfaa keessatti dhokatuus hordoffii taasifameen deeggaraasaa isa dhokse waliin to’atama.

Gama biraatiin, hawaasni naannoo iyya obboleettii shakkamaa dhagahuun birmatee reeffi miidhamaa hallayyaa keessaa akka bahu taasisan.

Haata’u malee, wayita hawaasni dhimmicha poolisiitti himuun reeffi akka qoratamuuf gaafatutti bulchaan araddichaa dhorkan.

“Bulchaan araddaa gochaa sana keessaa mucaa sanarraa (shakkamaarraa) maallaqa nyaatee jira waan ta’eef ‘awwaalaa malee waajjira poolisii hin geessinaa; marga haammachuuf jedheeti hallayyaa bu’e malee namni isa ajjeesee miti.

''Kanaaf geessaa awwaalaa’ jedheen,” jechuun himan Inspeekitar Olaanaa Waaqgaarii Jabeessaa.

Hawaasa keessaa namni tokko tokko yaada bulchaa araddaa kana mormus bulchaan araddaa yaadasaatti cichuun namicha isa morme hidhuun reeffi miidhamaa akka awwaalamu taasifame.

“Namicha yeroo hidhan warri kaan sodaatanii awwaalan. Erga awwaalanii sa’aatii sadii turee, booda odeeffannoo dhageenyee,” jedhan qondaalli Poolisii.

Bakka ilmi abbaasaa ajjeese owwaalame jedhame

Madda suuraa, GWP

Ibsa waa'ee suuraa, Bakka ilmi abbaasaa ajjeese owwaalame jedhame

Sana boodas poolisiin aanichaa gara iddichaa imaluun ummata mariisise; uummatnis gochaa raawwatame ni saaxile.

“Ummatni yeroo saaxilu bulchaa araddaas, namoota gurbaa [namicha] faana jiraniis (haadha warraa shakkamaa tokkoffaa dabalatee waliigala namoota shan) to’annaa jala oolchine. Reenfis bahee akka qoratamu taasifne,” jedhan.

Poolisiin shakkamtoota to’annoo jala erga oolchee booda bulchaan araddaa yakka ragaa dhoksuun himatamee akka irratti murtaa’u taasifameera.

Adeemsa seeraa

“Abbaa ofirraa ajjeesuun lafa sana fudhachuudhaaf adeemsi inni bulchaa araddaa sana faana gochaa ture baay’ee hamaa waan tureef inni hin amanu” kan jedhan hogganaan Poolisii Aanaa Gurawaa Inpeektara Olaanaa Waaqgaarii Jabeessaa, ragaaleen namaa yakkichi shakamaa Ibraahim Hasaniin raawwatamuusaa himan jiraachuu dubbatan.

“Guyyaa abbaansaa du’u sana meencaa marxootti maree abbaasaa jala deemaa akka ture daa’imni argee jiru jira. Uummannis akka inni ajjeese waltajjiirratti ifatti hime,” jedhan.

Dabaluunis “namoonni ijaan argan akka inni itti hordofaa ture, akka inni ajjeesuudhaafis qophiirra ture sirriitti ragaa bahanii jiru,” jechuunis qondaalli poolisii kun himan.

Yeroo ammaa shakkamaa tokkoffaa Ibraahim Hasan dabalatee kunneen biroon dhimmi isaanii Mana Murtii Aanaa Guraawaatti beellama yeroon ilaalamaa jira.

Ragaan mana yaalaafi ragaaleen biroo erga qindaa’anii booda dhimmichi Mana Murtii Olaanaa Godina Harargee Bahaatiin kan ilaalamu akka ta’es BBC'tti himaniiru.

Qorannoon reeffaa Hospitaala Hiwoot Faanaa magaalaa Harariitti argamutti adeemsifamaa jiraachuu kan himan Ins. Olaanaa Waaqgaariin, “sababa bu’aan qorannoo sun nujalaa tureef malee hanga ammaatti murtii ni argata ture” jedhan.

Adeemsa seeraa jiru hordofuunis dhimmichi yeroo gabaabaatti murtee argatee, murtee laatames ummataaf akka ibsan abdii qaban himaniiru.