Ertiraan waa'ee Itoophiyaa dippilomaatota biyya alaatti maal himte?

Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Maqaleetti,Onkoloolessa 06, 2026
Ibsa waa'ee suuraa, Miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Maqaleetti,Onkoloolessa 06, 2026
Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Ertiraan muddama tibbana Itoophiyaa waliin mudate irratti bakka bu'oota biyyoota fi dippiloomaatota biyyoota alaa magaalaa Asmaraa jiraniif ibsa kenniteerti.

Ministirri Dhimma Alaa Eritraa, Osman Saleh, Itoophiyaan ''weerara haqa qabeessa hin taane'' banuuf yaalaa akka jirtu dippilomaatota biyyattii keessa jiranitti kan himan.

Himannaan qondaalonni olaanoo Itoophiyaa Galaana Diimaa ilaalchisee dhiyeessaa jiran abbaa biyyummaa fi walabummaa daangaa Ertiraa irratti ''waraana labsuudha'' jechuun eeran.

Osman Saleh kana kan dubbatan, wayita bakka bu'oota biyyoota alaa Asmaraa keessa jiran waliin walga'ii taasisuun, waa'ee walitti bu'iinsa biyyoota lamaan gidduutti hammaachaa jiru irratti ibsa kennaniidha.

Ministirri Odeeffannoo Ertiraa, Yemane Gebremeskel, gama isaaniin mootummaan Itoophiyaa Paartii Badhaadhinaatiin durfamu naannawa gaanfa Afrikaa keessatti tasgabbiin akka hin jiraannee gochaa jira jechuun himannaa dhiheessan.

Ministirri Dhimma Alaa Eritraa, Osman Saleh gama isaaniin, Itoophiyaan gareewwan mootummaa Ertiraa morman deeggaruu itti fufteerti jedhan.

Akka inni jedhutti, mootummaa Itoophiyaa gareewwan mormitootaa sanaaf deeggarsa waraanaa fi meeshaalee loojistikii kennuun tasgabbii naannichaa irratti dhiibbaa geessisaa jira.

Gareewwaan hidhattoota Itoophiyaan deeggaruun mootummaa Ertiraa lolu jedhan kana garuu maqaan hin eerre.

Beeksisa bira darbii dubbisi
Oduu agaa! BBC Afaan Oromo Instagram irratti hordofa.
Instagram BBC Afaan Oromoo

Waan qe’eefi addunyaan itti jirtu suuraafi viidiyoo bareedaan argattu.

Asin nu faana bu’aa

Xumura beeksisaa

Itoophiyaas ta'ee Ertiraan ergaa hariiroon isaan gidduu jiru laafee waggoota sadan darban keessa himata garaa garaa walirratti dhiyeessaa turaniiru.

Itoophiyaan Ertiraan humnoota biyya keessaa hidhatanii mootummaa federaalaa lolaa jiraan TPLF babalatee karaa kallatti fi al kallattiindeeggartii jechuun himatti.

Dhiyeenya ammoo loltootni Ertiraa daangaa Itoophiyaa keessa seenuun hanga lola banutti ga'uun gabaafameera. Kanaanis muddamni waraanaa naannoo daangaa biyyoota lamaanitti hammaatera.

Dhuma Fulbaana 2026 keessa, gareewwan TPLF fi humnoota mootummaa federaalaa Itoophiyaa fi michoota isaanii gidduutti lolli irra deebi'ee ka'e, biyyootni lamaan gara wal waraanutti akka deemaan yaaddoo guddaa uumera.

Ameerikaanis walitti bu'iinsa biyyoota lamaan gidduutti uumame irratti yaaddoo qabdu ibsiteetti.

Ministiirri Dhimma Alaa Ameerikaa, Markoo Ruubiyoo, haala kana ilaalchisee MM Itoophiyaa Abiy Ahmed waliin akka mari'atan ibsameera.

Rubiyoon biyyoonni gaanfa Afrikaa birmadummaa fi tokkummaa daangaa biyyoota ollaa isaanii kabajuu, akkasumas daangaa ce'anii tarkaanfii fudhachuu irraa of qusachuu qabu jechuun waamicha dhiheessan.

Ameerikaan naannichi duraanuu waraanaa fi walitti bu'iinsaan rakkachaa waan jiruuf, walitti bu'iinsa dabalataa dandamachuu hin danda'u jechuun akeekkachiifte.

Walga'ii anga'oota Ertiraa fi dippiloomaataota biyyoota alaa
Ibsa waa'ee suuraa, Walga'ii anga'oota Ertiraa fi dippiloomaataota biyyoota alaa

Itoophiyaan fi Ertiraan jalqaba Onkoloolessa 2026 keessa hariiroo dipilomaasii isaanii guutumaan guutuutti addaan kutuu isaanii beeksisan.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa Onkoloolessa 1, 2026 baaseen, dipilomaasota Eritrea 10 Finfinnee keessa jiran sa'aatii 48 keessatti akka biyyattii keessaa bahan ajajuu fi Imbaasii Itoophiyaa Asmaraa jiru cufuuf murteessuu isaa beeksise.

Ertiraanis deebii kenniteen hariiroo dipilomaasii Itoophiyaa waliin qabdu guutumaan guutuutti addaan kutuu ishee ibsite.

Tarkaanfiiwwan kun Eritraan bakka bu'oota Gamtaa Afrikaa keessa waan qabduuf, dhaabbaticha keessatti bakka bu'ummaa ishee dhabsiisaniiru.

Haa ta'uu malee Ministira Dhimma Alaa Biyyatti xalayaa Gamtaa Afrikaatti barreesseen, bakka bu'ummaan Ertiraa dhaabbaticha keessatti gara haala duraanii akka deebi'u gaafachuu ishee beeksisteetti.

Walitti bu'iinsi siyaasaa fi himannaan biyyoota lamaan gidduutti dhihaachaa jiru yeroo ammaa muddama isaanii gara sadarkaa baay'ee sodaachisaa ta'etti geesseera.

Haa ta'u malee, himannawwaan Itoophiyaa fi Ertiraan barootaf walirratti dhiyeessan kana odeeffannoon qaama walabaa ta'een mirkanaa'ee ba'e hin jiru.