'Bulchiinsi Tiraamp hogganaa Iran Ali Kameni fi ilmasaa ajjeesuu irratti mari'ataa jira'- Gabaasa

Hogganaa olaanaa Iraan

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa olaanaa Iraan
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan waliin "waliigaltee haqa qabeessa" ta'erra ga'uu waan hin dandeenyeef gara filannoo waraanaatti ce'uuf akka jiran yaadaa kennaniiru.

Weebsaayitiin oduu Ameerikaa Axios jedhamu qondaala olaanaa Ameerikaa tokko wabeeffachuun akka jedhetti, bulchiinsi Pirezidaanti Doonaald Tiraamp yaada Iraan meeshaa niwukilaraa akka oomishtuuf karaa hin banneen, yuuraaniyeemii nageenyaaf gabbisuu akka dandeessu hayyamuu danda'u ilaaluuf qophaa'eera.

Akka maddi kun jedhutti, yaadni kuni garaagarummaa dhiphisuun waliigalteen sagantaa niwukilaraa Iraan daangessu akka taasifamuu fi waldhabdee waraanaa akka hin taasifamne ittisuuf tattaaffii taasifamaa jirudha.

Haa ta'u malee, qondaaltonni Ameerikaa yeroo walfakkaatutti pirezidaantichi karoora Hogganaa Ol'aanaa Iraan irratti xiyyeeffatu dabalatee filannoo waraanaa biroo irrtti mariin taasifamaa jiraachuu mirkaneessaniiru jedha Axios.

Qondaalli Ameerikaa kun gara fuulduraatti hidhaannoon Iraan kamiyyuu bulchiinsa Ameerikaa fi michoota Waashingitan naannicha keessa jiran biratti yaaddoo akka hin taane qorannoo cimaa akka eeggatu cimsanii dubbataniiru.

Pirezidaanti Tiraamp waliigaltee ''haala qabatamaa'' fi siyaasaan biyyattitti hojiirra oolu fudhachuuf qophaa'uu ibsuun, garuu Teehiraan ragaa amansiisaa fi gara waliigaltee fudhachuutti geessurra yoo hin gahin ''kana booda obsi akka hin jirre'' akeekkachiisaniiru.

Qondaaltonni Ameerikaa lama Rooyitarsiitti akka himanitti, karoorri waraana Ameerikaan Iraan irratti qabdu sadarkaa olaanaa irra ga'uu isaa ibsan.

Fillannoowwan haleellaa waraanaa keessaa "haleellaa namoota adda ta'an irratti xiyyeeffachuu, fi hoggansa Tehran keessatti jijjiiruu illee barbaaduu" kan of keessatti hammate ta'uu eran.

Kunis yoo Tiraamp qajeelfama kallattiin kennan kan raawaatamuuf qopha'ee ta'uu ibsa gabaasichi.

Kamisa darbe Tiraamp Teehiraan waliigaltee irra ga'uuf guyyoota 10 hanga 15 kan kennan yoo ta'u, kanaan ala "waanti hamaan" akka mudatu akeekkachiisaniiru.

Akka Axios jedhutti, Pentagon Tiraampiif haalawwan hedduu kan dhiheesse yoo ta'u, isaan keessaa tokko Hogganaa Ol'aanaa Iraan fi ilma isaanii Mojtaba kan akka nama bakka bu'uu danda'utti ilaalamu irratti xiyyeeffachuu kan ilaallatu ture.

Maddi kun yaadni Kameni fi ilma isaa ajjeesuu torban muraasa dura akka ka'e mirkaneesse.

Tehraan

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Tehraan
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Qabxiin waldhabdee isaanii inni guddaan Iraan ammas deebitee gabbisa yuraaniyeemii Nikulera oomishuu danda'u eegaluu isheen wal qabata. Iraan garuu boombii nikuleraa oomishutti akka hin jirree irra deddeebiin haalaa turtetti.

Waashingitan seera goonkumaa akka hin gabbisne dhorku ''zeeroo'' hordofuu ishee ifatti kan labsite yoo ta'u, Teehiraan ammoo gabbisa guutummaatti dhaabuun mirga abbaa biyyummaa kaayyoo nageenyaaf fayyadamtu akka cabsu cimsitee dubbatti.

Haa ta'u malee, qondaalli Ameerikaa kun yaada "gabbisa daangeffamee fi mallattoo gara oomisha boombitti geessu" of keessaa qabu ilaaluun yoo wabiiwwan teeknikaa bal'aan sagantichi gara hidhannoo Nikulerattii jijjiiruun haala hin danda'amneen mirkaneessan irratti mari'achuu akka dandeessu ibsaniiru.

Suuraaleen saatalaayitii lafa jalaatti naannoo iddoo niwukilaraa Iraan itti gabbifaman haaraa agarsiisaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchi gama isaaniitiin Jimaata darbe gaaffii fi deebii televijiinii irratti taasisaniin akka jedhanitti, wixineen yaada Iraan guyyoota lama ykn sadii itti aanan keessatti qondaaltonni olaanoo Iraan akka ilaalan qophaa'uu akka danda'u ibsan.

Torban tokko keessatti mariin Ameerikaa fi Iraan dabalataa taasifamuu akka danda'ullee eeraniiru.

Araghchi itti dabaluudhaan tarkaanfiin waraanaa kamiyyuu waliigaltee irra ga'uuf tattaaffii taasifamu walxaxaa taasisaa jedhan.

Marii al-kallattiin Waashingitan waliin Jeeneevaatti gaggeeffame hordofuun, gamoonni lamaan "dhimmoota bu'uuraa" irratti waliigaltee irra ga'uu isaanii ibsauun, garuu waliigaltee taasisuu haalli dandeessisu dhihoo jira jechuu akka hin taane ibsaniiru.

Daarektarri Olaanaa Ejensii Humna Atoomikii Idil-addunyaa Raafaa'eel Giroosiis Iraan ilaalchisee qunnamtii fi mariin ammallee itti fufee jiraachuu mirkaneessaniiru.

Gama biraatiin ammoo xalayaa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif barreessiteen, Iraan ''weerara waraanaa'' ishee mudachuu malu kamiifuu deebii akka kennitu akeekkachiisuun, yoo waldhabdeen uumame buufataaleen, meeshaaleen fi qabeenyi kan ''humna diinaa'' ta'e naannichaa keessa jiran hundi irratti xiyyeeffachuu akka ofirraa ittisutti akka ilaalamuuf gaafateetti.

Doonii waraana Ameerikaa "USS Gerald R. Ford"

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Doonii waraana Ameerikaa "USS Gerald R. Ford"

Doonii xiyyaara fe'u Ameerikaa 2ffaan Jeeraald Foord Jimaata darbe gara galaana Meditiraaniyaaniitti seenuun kan mul'ate yoo ta'u, bobba'iinsa waraanaa cimaa kun ajaja Pirezidaantii Ameerikaa Doonaald Tiraampiin taasifame.

Tiraamp Jimaata darbe akka beeksisanitti, mariin Waashingitan fi Tehran gidduutti taasifamu sagantaa niwukilaraa ishee irratti waliigaltee yoo hin argamsiifne Iraan irratti haleellaa murtaa'aa raawwachuuf ''yaadaa'' jira.

Doonii xiyyaara fe'umsaa Ameerikaa "Abraham Lincoln" dhuma baatii Amajjii irraa eegalee Baha Giddu Galeessaa keessa akka turte.

Xiyyaaronni waraanaa Ameerikaa hedduun gara Baha Giddu Galeessaatti qajeelanis mul'ataniiru