Tiraamp abbootii murtii taarifa isaa kuffisan arrabsuun, taarifa haaraa %10 kaa'e

Madda suuraa, Getty Images
Manni murtii olaanaa Ameerikaa taarifa pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kaa'an kuffisuu hordofee preezdaantichi taarifa haaraa %10 kaa'uuf murteessuu ibse.
Manni murtii kun taarifni Tiraamp akka addunyaatti kaa'e irra caalaan isaa heera mootummaa kan faallessu ta'uu ibsuun kufaa taasise.
Manni murtichaa sagalee caalmaa 6 fi 3'n pirezidaantichi daangaa aangoo isaa irra darbeeras jedhe.
Tiraampis abbootii murtii imaammata daldalaa isaanii didan kana jumlaan ''gowwoota'' jechuun arrabsuun taarifa biraa dabalee kaa'uu ibse.
Murtee mana murtii kanaa ''hamaa'' jechuun karooraa haaraa taarifa dhibbeentaa 10 dabaluuf murtessuu ifoomse.
Murteen Mana Murtii Olaanaa kun dhaabbilee daldalaa taarifa Tiraamp falmaa turaniif injifannoo guddaadha. Akkasumas mootummaan galii gibiraa doolaara biliyoonaan lakkaa'amu sababa taarifa kanaan dhabe akka deebifatuuf karaa saaqa.
Haa ta'u malee, murtoon kun gabaa idil-addunyaa irratti gaaffii haaraa kaasuu hin oolu.
Tiraamp haasawa Waayit Haawusitti taasiseen maallaqni taarifaan fudhatame falmii mana murtii malee hin deebi'u, kunis waggoota fudhachuu danda'a jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taarifni invastimantii fi daldala Ameerikaa ni guddisa jechuun kan falmu Tiraamp, taarifa inni murte akka ragga'uuf filannoowwan seeraa birootti akka fayyadamu beeksiseera.
"Filannoowwan qabna - filannoowwan gurguddoo, kanaafis baay'ee jabaanna," jedhe.
Akka murtii Mana Murtii Waliigalaa kun taarifi Tiraamp bara darbe biyyoota addunyaa irra kaa'an irra caalaan isaa seera qabeessa hin ta'u ykn kufaa ta'eera jechuudha.
Tiraamp taarifa kana jalqaba biyyoota akka Meksikoo, Kaanaadaa fi Chaayinaa irra eegaluun adeemsa keessa gara biyyoota biroo guutuu addunyatti babal'isuun isaa ni yaadatama.
Tiraamp taarifa kana kan kaa'e seera bara 1977 bahee fi pirezidaantichi yeroo Ameerikaan balaa irra jirtutti haala gabaa ''sirreessuuf'' aangoo akka qaban hayyamu irratti hundaa'uun ture.
Garuu tarkaanfiiwwan kun dhaabbilee daldalaa ameerikaatiin mormii kaaseera, gatiin taarifaa tasa dabaluun meeshaalee gara Ameerikaa seenuu irratti qala'iinsa gatii guddaa mul'isuu danda'aa jechuun mormii isaanii dhageessisan.
Taarifa Pirezdaantichaan wal qabatee biyya keessaa fi biyya alaa keessatti qeeqa cimaan irratti ka'eera.

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp erga manni murtii taarifa kana kuffisee walitti qabanii abbootii murtii arrabsaa turan. Murteen mana murtii kun erga Tiraamp marsaa lammaffaaf aangoo qabatanii as qormaata guddaa isaan mudate keessaa isa tokkodha.
Tiraamp murtee mana murtii kanaa ''baay'ee kan nama gaddisiisu'' jechuun, abbootii murtii murtee kana deeggaran qeequun '' qaanessadha'' jedheera.
"Abbootii murtii tokko tokkotti nan qaana'a. Waan biyya keenyaaf gaarii ta'e hojjechuuf hamilee hin qaban," jechuun ibsa gaazexeessitootaaf Waayit Haawusitti kennaniin dubbataniiru.
Kanaafis abbootii murtii Rippabilikaanotaa fi Dimookiraatota taarifa isaanii morman cimsanii balaaleffataniiru.
Abbootii murtii taarifa Tiraamp diduu deeggaran jaha keessaa sadii konsarvaatiivii yoo ta'an, sadan hafan ammoo liberaalota.
Abbootii murtii konsarvaatiivii sadan murtee kana deeggaran keessaa lama (Amy Coney Barrett fi Neil Gorsuch) Tiraampiin muudaman.
Tiraamp abbootiin murtii ''jaalala biyyaa kan hin qabnee fi Heera mootummaa keenya kan hin kabajne'' jechuun isaan qeeqan
Gama biraatiin ammoo daldaltoonni xixiqqaa fi giddu galeessaa murtee mana murtii kanaan gammachuu qaban ibsaniiru.
"Akka waan paawundii kuma tokko hir'iseetti natti dhaga'ama," jetti Beet Beenkii, kan oomishaalee adda addaa Minnesota keessatti gurgurtu.
Daldalaan Nick Holm akkasumas, "Namoota daldala xixiqqaa qabaniif boqonnaa ta'a" jedheera.
Murtii mana murtii hordofuun taarifa haaraan %10 Tiraamp kaa'e seera kanaan dura itti hin fayyadamne 'Keewwata 122' jedhamu irratti hundaa'a.
Seerri kun pirezidaantichi guyyoota 150f taarifa hanga %15 akka kaa'u hayyama. Guyyaa 150ffaa booda Kongireessiin gidduu seenuu qaba.
Taarifni kun Awurooppaatti Guraandhala 24 irraa eegalee hojiirra oola.
Taarifaan kun albuuda tokko tokko, qabeenya uumamaa, oomishaalee qonnaa fi foon, qoricha, konkolaattota tokko tokko, fi oomishaalee elektirooniksii kan hin daballeedha.














