Tilmaama Piriimer Liigii: Tootenhaam v Arsenaal, Maan Siitii v Niwukasil eenyu mo'a?

Istaadiyeemiin Tootenhaam waggaa guutuu gammachuun kan irraa faggatedha jedha xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suutan.
Gara kufaatiitti sigigaachaa deemuun Tootenhaam yaaddessaadha jedha Suutan.
Leenjisaan haaraa kana jijjiiruun akka irra jiraatu dubbata Suutan.
Tapha Piriimer Liigii Ingiliiz torban 27ffaan Darbii Landan kaabaan Tootenhaam Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal simatee keessummeessa.
Sadarkaa lamaffaarra kan jiru Maanchester Siitiin ammoo Niiwukasil simatee keessummeessa.
Kiriis Suutan eenyu akka mo'atu tilmaameera.
Sambata
Aston Viilaa V Liids
Tapha jalqabaan Aston Viilaan goolii morgaan Roojars lamaan Liidsiin yoo mo'atu, dirree Liidsitti argamee daawwaheeen ture.
Liids qabxiin amma qabu 30. Qabxiin kun bara darbe Liigicha keessa kan isaan tursiisu ture. Haata'u malee barana hojii dabalataa isaan barbaachisa.
Aston Viilaan torbanoota dhiyoo as dirreesaaniirratti Everten fi Bireentifoordiin mo'ameera. Osoo qabxii barbaachisaa kana hin dhabne ta'ee, kan Arsenaal waliin kokkee wal qabuu ittiin danda'an argatu ture.
Tapha kanaan Liids akka qoruu danda'u yaadullee, gareen Unaayee Emirii ni mo'ata jedheen yaada.
Tilmaama: 2 -1
Bireentifoord V Biraayiten
Biraayiten waliin wal bira qabamee yeroo ilaalamu Bireentifoord Piriimer Liigii bara kanaan gahumsa fooyya'aarra jira.
Biraayiten taphoota 13 darban keessaa tokko qofa ture kan mo'achuu danda'e. Gara sadarkaa kufaatiitti gadi hin bu'an jedhanii yaaduun gowwummaadha.
Taphni kun garaagarummaa goolii dhiphaan xumurama jedheen yaada. Haata'u malee, injifannoon kan Bireentifoord ta'a jedheen yaada.
Tilmaama: 1 -0

Chelsii V Barnilee
Tapha liigii yeroo darbeerratti duubarraa ka'uun Kiristaal Palaasiin mo'achuu kan danda'e Barnileen, FA CUP irratti ammoo kilaba gara gadii jiru Maansifiildiin mo'amuun kufaniiru.
Tapha kanaan Chelsiin ni mo'ata jechuun ala tilmaama biraa kennuu hin danda'u. Leenjisaan Cxhelsii Liyam Roziiniyeer kan yeroo darbe Liids waliin 2 wal qixan xumuran akka deebiyu hin barbaadu.
Tilmaama: 2 0
West Haam V Bornimaawoz
West Haam ammallee sarara kufaatii keessa jiraatullee, qabsii inni torbanoota darban keessa agarsiisaa jiru ajaa'ibadha.
Tapha Maanchester Yunaayitid waliin turerratti daqiiqaa dhumaarratti goolii irratti galeen walqixa ba'us asiis, achiis qabxii walitti qabachuu itti fufeera.
Bornimaawoz ammoo dandeettii gaariirratti argama. Taphoota afur darban afur keessaa sadii mo'ateera.
Tapha kanaa walqixa bahu jedheen yaada.
Tilmaama 1 -1

Maanchester Siitii V Niiwukasil
Bara dorgommii kana keessa gareen kunneen lamaan yeroo waliif ba'an kun afraffaadha. Niiwukasil Itihaad Istaadiyeemiirratti mo'achuun rikkardiin qabu dadhabaadha. Taphoota Piriimer Liigii 20 darbaniin Itihaad irratti mo'atee hin beeku.
Taphni kun Siitiif salphaa ta'uu baatus akka mo'atu garuu nan tilmaama. Siitiin tapha kana mo'achuun garaa garummaa Arsenaal waliin qabu gara lamaatti dhiphifachuu danda'a.
Tilmaama: 3 -1
Dilbata
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kiristaal Palaas V Woolvis
Wolvis qabxiin qaban kufaatiirraa kan isaan hambisu ta'uu baatus, falmiin Arsenaal waliin taasisan kan dinqisiifatamudha. Wolvis irraa Paawondii miliyoona 48n gara Kiristaal Palaas kan deeme Istiraand Laarsan tapha kanarratti cimee mul'achuu danda'a. Gooliis ni lakkoofsisa jedheen yaada.
Palaas qabxii sassaabbachuus qaba, Tapha kanarraa qabxii sadii argata.
Tilmaama: 2 - 1
Nootigihaam V Liiverpuul
Viktor pereeraa bara kana leenjisaa afuraffaa Nootingihaam ta'ee qacarameera.
Ani Shoon Daayesh ari'amuu qaba jedhee hin yaadun ture. Haata'u malee, Notingihaam Forest keessatti leenjisaan jijjjiiramuun waan haaraa miti.
Rakkoon Forest goolii lakkoofsisuu dadhabuu isaaniiti. Tapha Liiverpuul waliin taphataniin kun ni jijjiirama jedhee hin eegu.
Tilmaama: 0 -1
Sanderlaand V Fuulhaam
Torbanoota muraasa darban keessa ga'umsi Sanderlaand daddqqamaa dhufeera. Ta'us garuu bara dorgommii kana wanti nu agarsiisan kan jajamudha.
Tapha yeroo darbeen dirresaaniirratti Liiverpuuliin kan mo'ame Sanderlaand, akkamitti akka kanarraa dandamatanii tapha Fuulhaam waliin tasifamu kana mo'atu kan jedhu gaaffii guddaadha.
Fuulhaam taphoota sadan darbanirratti walitti aanse emo'ameera. Tapha kanas ni mo'atu jedhee hin eegu.
Tilmaama: 1 1

Tootenhaam V Arsenaal
Leenjisaan haaraa Tootenhaam Igoor Tudoor dandeettii kilabootaa jijjiiruun beekama. Tootenhaamiif kun ni barbaachisa. Yaaddoo kufaatiirraa ba'uuf, tapha tokko ykn lama mo'achuun isanirra jira.
Taphni kun Tootenhaamiif guddaadha. Abdii Arsenaal waancaaf qabutti bishaan naquufis isaan dandeessisa. Morkataasaanii magaalaa tokkoo kanarratti dhiibbaa gochuun isaan gammachisa.
Arsenaal tapha Wolvis waliin taphateen saatii dhumaterratti walqixaan xumureera. Kun ammoo Mikeel Arteettaaf gaddisiisaa ture.
Tootenhaam Arsenaaliin dhaabuuf waan danda'an gochuuf kutatanii kan ka'an ta'uu beekullee, Ze Gaanners garuu tapha kana waan mo'aman hin fakkaau.
Tilmaama: 0 -3
Wixata
Everten V Maanchester Yunaayitid
Sadaasa darbe maanchester Yunaayitid dirreesaarratti Everteniin mo'ameera. Tapha ture sanaan Everteen taphataa tokko kaardii diimaan dhabanii saatii gara caalu kudhaniin tapatanii mo'achuu danda'an.
Amma maanchester Yunaayitid Maayikel kaarikiin durfamu kilaba biraadha. Tapha torban darbe West Haam irratti goolii daqiiqaa dhumaa lakkoofisianiin wal qixa xumuranillee fedhiin mo'achuuf qaban ifa ture.
Everten qabxii dirreesaaniirratti argatan caalaa kan dirreetiin ala sassaabbatanitu caala.
Taphni kun Yunaayitidiif salphaa ta'uu batus waan ta'e akka irraa argatu nan eega.
Tilmaama: 1 -1












