Yaalii fonqolchaa Giinii Bisaawuun humnooti nageenyaa hedduun ajjeefaman

Madda suuraa, AFP
Biyya Lixa Afrikaa, Giinii Bisaawutti yaalii fonqolcha mootummaa taasifameen qaamoleen nageenyaa hedduun ajjeefamuu pireezidantiin biyyattii himan.
Umaaroo Sisookoo Embaaloo yaalii fonqolcha mootummaa ''haleellaa dimookrasii irratti aggaamamee fashale'' ittiin jedhan amma to'annoo jala ooluu dubbataniiru.
Guyyaa Kibxataa magaalaa guddoo biyyattii Bisaawu gamoo mootummaa keessatti pireezidantichi kaabinee isaanii waliin wayita mariitti jiran dhukaasni kan eegale.
Loltootni pireezidantiichaa fi ministiroota isaanii to'achuu himanii ture.
Akka maddeen naannichaa himanitti gareen akka gaariitti hidhate pireezidant Embaaloofi Ministirri Muummee Nunoo Goomeez Nabiyaam maricaa turanitti masaraa mootummaa haleelan.
Qaamolee nageenyaa keessaa maqaan isaa akka hin ibsamne kan gaafate tokko BBC'tti yoo himu qaamoleen waraanaa huccuu idilee hawasaa uffatan dhukaasa bananiin poolisiin tokko ajjeefameera jedhe.

Madda suuraa, Getty Images
Hoggantootni biyyoota Lixa Afrikaa ta'ii kanaan fonqolcha mootummaati jedhanii, waraanni mooraa isaatti akka deebi'u waamicha godhaniiru.
Yaalii fonqolchaa kana ilaalchisee wantootni hedduun ifa miti. Qaamni hidhataan yaalii kana raawwate kam akka ta'es hin beekamu. Pireezidantichis lakkoofsa qaamolee nageenyaa ajjeefamanii hin dubbanne.
Addunyaarratti biyyoota hiyyeeyyii jedhaman keessaa tokko kan taateefi kolonii Poortugaal jala kan turte biyyi kun, bara 1980 kaasee fonqolcha mootummaa milkaaheefi yaalii fonqolchaa walumaagalatti sagal ta'an keessummeessiteetti.
Liiqaa biyyoota alaa hedduu jala kan jirtu biyyi kun, diinagdeen ishee gara caalu deeggarsa biyyoota alaarratti hundaa'e. Daddabarsa waan sammuu namaa hadoochuu kan Laatiin Ameerikaarraa gara biyyoota Arikaa birootti ca'uufis akka buufata daddabarsaati.
Pireezidantiin biyyattii haleellaan ''sirriitti karoofamee fi qindaayee'' tarii warra waan sammuu hadoochu daddabarsan waliin walqabata jedhanii ture Kibxata galgala yaada kennaniin.
Embaaloon bara 2019 keessa filannoo taasifameen injifachataniis paarlaamaa biyyattiirraa mormiin isaan mudatee ture.

'Fonqolchi irra deebiin dhufaa jira'
Mayeenii Joones, Rippoortara Lixa Afrikaa
Fonqolchi mootummaa biyyoota Lixaafi gidduugala Afrikaatti deebi'ee dhufaa jira. Waggoota lama darban Maalii, Chaad, Burkiinaa Faasoo fi Giinii keessatti waraannii humnaan aangoo fudhateera. Sudaanittis akkasuma.
Ta'ii Giinii Bisaawuun walqabatee dhaabbatni tokkumaa biyyoota Lixaa Ecowas fi Gamtaan Afrikaa ibsa balaaleffannaa baasaniiru.
Wanti yaaliiwwan kun ifa gochaa jiran qaamoleen idila addunyaa gochoota akkasii hanqisuuf gumaachii qaban xiqqaa ta'uu isaati.
Ecowas Maaliifi Burkinaa Faasoo qoqqobus, naannichatti yaaliin fonqolcha mootummaa itti fufee jira. Giinii Biisaawus waggoota hedduuf qoqqobbii jala turte.
Gaaffiifi deebii dhiyeenya godhaniin Hoogganaan Komishinii Ecowas Giinii Bisaawu irratti qoqqobbiin kaahamee ture bu'aa fidee biyyattii gara nagaatti deebisuuf gargaareera jedhan. Yaadni sun amma waan fashalaa'e fakkaata.
Xiinxaltootni akka jedhanitti waggoota lamaan darban dimookrasii babal'isuuf tattaaffiiwwan godhaman osoo ija hin godhatiin naannichi deebi'ee gidduuggala fonqolcha mootummaa ta'uutti deebi'uu mala.














