'Raashiyaafi Chaayinaan akka hin fudhanne US Giriinlaand abbummaan ​​qabaachuu qabdi'- Tiraamp

Tiraamp

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Raashiyaafi Chaayinaan Giriinlaand akka hin fudhanne Ameerikaan 'abbummaan' qabaachuu qabdi jedhu.

Tiraamp Jimaata darbe gaaffii BBCn gaafateef yoo deebii kennan "biyyoonni mirga abbummaa qabaachuu qabu,waan mirga abbummaa itti qabdu ni eegda. Liiziin yoo ta'e eeguu hin dandeessu. Nuti immoo Giriinlaand eeguu qabna," jechuun dubbatan.

"Kanammoo kara salphaanis ta'ee karaa ulfaataa ta'een ni raawwanna," jedhan.

Waayit Haawus dhiheenya kana bulchiinsi Ameerikaa naannoo walakkaa ofiin of bulchitu kana miseensa NATO kan taate Deenmaarkirraa bitachuuf yaadaa akka jiru ibsee ture. Garuu yoo ta'uu baate humna fayyadamuufi kan jedhu ni haale.

Deenmaark fi Giriinlaand naannoon kun gurgurtaaf kan hin dhiyaannee akka hin taane himaniiru.

Deenmaark tarkaanfiin waraanaa Ameerikaan fudhattuun kan NATOn callisu taanaan xumura diigamuu gamtichaa ta'a jechuun akeekkachiifteetti.

Giriinlaand naannoo ummatni walitti sissiqee keessa jiraatu kan Ameerikaa Kaabaa fi Arktiik gidduutti argamtu yoo taatu sirna akeekkachisa dursaa haleellaawwaan misaa'elaa, akkasumas dooniiwwan naannicha keessa jiran hordofuuf bakka tarsimawaa kan taatedha.

Pirezidaantiin Ameerikaa Giriinlaand nageenya biyyaalessaa Ameerikaatif murteessaadha jechuun irra deddeebiin dubbatu.

Ragaan kana agarsiisu jirrachuu baatus Tiraamp "doonii Raashiyaa fi Chaayinaa marsanii jiru" jedhan.

Ameerikaan erga Waraana Addunyaa Lammaffaa booda buufata waraanaa ishee Pitufik, fiixee kaaba dhiha Giriinlaanditti argamutti loltoota 100 ol dhaabbataadhaan buufattee jirti.

Waliigaltee Deenmaark waliin taasifteen US loltoota hamma barbaadde gara Giriinlaandii fiduuf aangoo qabdi.

Garuu Traamp Waashingitanitti gaazexeessitootaaf ibsa kennaniin waliigaltee ''liizii qofti'' gahaa akka hin taane ibsaniiru.

Itti dabaluudhaanis, "biyyoonni waliigaltee waggaa sagalii ykn waggaa 100 gochuu hin danda'an," kanaaf abbummaan qabaachuu qabu jedhan.

"Ummata Chaayinaas, ummata Raashiyaas nan jaalladha, garuu Giriinlaanditti ollaa koo akka ta'an hin barbaadu" jedhan Tiraamp

''Dubbii keenya irratti NATOnis sana hubachuu qaba,'' jechuun Pirezidaantiin Ameerikaa kun gaazexeessitootti himan.

Giriinlandi

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kibxata darbe biyyoonni Awurooppaa jaha Deenmaark deeggarsa qaban ibsaniiru.

Hoggantoonni UK, Faransaay, Jarman, Xaaliyaanii, Poolaandi, Ispeeniifi Deenmaark ibsa waloo baasaniin, "Giriinlaandii kan ummata isheeti. Dhimmoota hariiroo isaanii ilaallatan irratti murteessuu kan danda'an Deenmaark fi Giriinlaand qofa." jedhan

Nageenya Arktiik irratti akkuma US fedhii guddaa akka qaban cimsanii ibsuun, kun ammoo US dabalatee michoota isaaniitiin ''walumaagalatti'' galma gahuu qaba jedhan.

Akkasumas "abbaa biyyummaa, walabummaa fi daangaawwan dabalatee qajeeltoowwan Chaartara Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka kabajaman" gaafataniiru.

Tiraamp erga tibbana humna waraanaa Veenzuweelaa irratti fayyadamuun pirezidaanti Niikolaas Maaduroo kaaseen booda egeree biyyattii irra deebiin qoratamaa ture.

Traamp kanaan dura bara 2019 yeroo jalqabaaf odola kana bitachuuf yaada dhiyeessan, garuu gurgurtaaf akka hin taane itti himameera.

Ministirri Dhimma Alaa US Maarkoo Ruubiyoon torbee dhufu Deenmaark waliin ni mari'atu.

Waggoota dhiyoo asitti fedhiin albuuda Giriinlaandi gati jabeeyyii ta'an kanneen akka Yuuraaniyeemiifaadabalaa dhufeera.

Albuudoonni kun sababa jijjiirama qilleensaatiin cabbiin waan baquuf salphaatti argamuu danda'u.

Saayintistoonni kuufamni boba'aa fi gaazii guddaan jiraachuu akka danda'u amanu.

Jimaata halkan paartilee mormitoota dabalatee hoggantoonni paartii Giriinlaand ibsa baasaniin "Ameerikaan biyya keenya tuffachuu dhiisuu qabdi."jedhan

"Ameerikaa ta'uu hin barbaannu, Deenmaark ta'uu hin barbaannu, Giriinlaand ta'uu barbaanna.

Eegereen Giriinlaand ummata Giriinlaandiin murtaa'uu qaba'' jedhan.