Hokkorri Iraan keessatti ka'e garamitti deemaa jira?

Hogganaa Ol'aanaa biyyattii Ayatollah Ali Kahameni

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hogganaa Ol'aanaa biyyattii Ayatollah Ali Kahameni

Hiriirri mormii Iraan guyyoota kurna lakkoofsisaa jiru, gara hokkoraatti jijjiramuun naannoolee hedduutti babal'achaa jara.

Viidiyoon mormitoonni yeroo alaabaa Iraan buusan fi siidaa jeneraalaa Iraan duraanii Ameerikaan ajjeefaman Qaasim Soleimaanii kuffisan miidiyaa hawaasarratti qoodamaa jira.

BBC'n viidiyoon kana mirkaneeffachuu baatuus, haalli Iraan keessa jiru gara hokkora cimaatti jijjiramaa akka jiru gabaasaleen kan ibsan.

Mormiin kun torban darbee eegalee kan itti fufe yoo ta'u, sababni ijoon mormichaa gatiin maallaqaa Iraan gad cabuu fi qaala'insi gatii hammaachuudha.

Haala kanaan mormiin magaalaa guddoo Tehiraanitti eegale, magaalota kaanittis babal'achuun hanga mormitootaa fi poolisoota gidduutti dhukaasa walitti banutti ga'e.

Guyyoota 3'n darban Iraan keessatti bakka hedduutti mormitoota mootummaa fi humnoota tikaa gidduutti dhukaasni taasifamaa jira.

Dhaabbanni oduu Iraan kan Eegdota Warraaqsaatti dhihoo ta'e akka jedhetti, magaalaa kibba dhiha Lordegan keessatti poolisoonni lama namoota dhuunfaa hidhataniin rasaasaan rukutamuun ajjeefamaniiru.

Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanfamanis mormitootaa fi humnoota nageenyaa gidduutti walitti bu'iinsa taasifamu kan mul'isu yoo tahu, sagaleen dhukaasaa duubaan dhaga'ama.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaalee biroo biyyattii hedduu irraa suuraan humnoonni nageenyaa qawwee fi gaazii imimmaanessu gara mormitootatti heddumminaan dhukaasu. Mormitootnnis dhagaa yeroo humnoota nageenyaatti darbatan ni mul'ata.

Mormiin kun hanga ammaatti naannawa bulchiinsa biyyattii 31 iddoowwaan 111 keessatti babal'achuu isaa Dhaabbanni Oduu Mirga Namoomaa Ameerikaa beeksiseera.

Hokkora kana keessatti yoo xiqqaate mormitoonni 34 fi hojjettoonni nageenyaa afur akka ajjeefaman, mormitoonni 2,200 to'annoo jala ooluu isaanii gabaafameera.

BBC'n du'a namoota 21 kan eenyummaan isaanii hin beekamnee mirkaneessera. Aanga'oonni Iraan ammoo du'a humnoota nageenyaa shan gabaasan.

Qondaalotni mootummaa lamallee ''namoota dhuunfaa hidhataniin'' kan mootummaan garee ''jeequmsa'' jedhee waamu kanaan rasaasaan rukutamanii ajjeefamaniiru.

Mormiin kun kan jalqabe Mudde 28 yoo ta'u, abbootiin suuqii daandii magaalaa guddoo Tehran irratti bahuun duula lagannaa hojii taasisuu fi gatiin maallaqa Iraan akka malee kufuu mormii dhegeessisuun eegale.

Doolaarri Ameerikaa tokko Riyaala Iraan gara kuma tokkotti sharafama. Maallaqani Iraan akka malee gadi kufuu fi qal'iinsi jireenyaa biyyattii ammoo aarii mormtootaa kana kaasera.

Mormii Iraan keessatti deemaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mormii Iraan keessatti deemaa jiru

Waggaa darbe keessa qoqqobbii sagantaa niwukilaaraa Iraan irratti kaa'ame diinagdee biyyattii laaffiseera. Bulchiinsi mootummaa badaa fi malaammaltummaani mootummaatiinis waan hammaateef qaala'iinsi jireenyaa gara %40tti ol guddateera.

Barattoonni yunivarsiitiillee osoo hin turiin mormii daldaaltotaa kanatti makamuun guutuun biyyattii mormii fi hokkora keessa seentetti.

Namoonni hedduun dhaadannoowwan Hogganaa Ol'aanaa biyyattii Ayatollah Ali Kahameeni mormuu dhageessisaa turan.

Maqaa Kaameenii waamuun dhaadannoowwan "du'a abbaa irree" jedhu dhageessisaa turan.

Kaleessa mormitoota keessa kanneen du'an akka jiran himamaa jira. Garuu BBC fi miidiyaaleen idil-addunyaa walaba ta'an biroo Iraan keessaa akka barbaadanitti socho'anii gabaasa dhiyeessuu waan hin dandeenyeef gabaasalee kanneen mirkaneessuun hin danda'amne.

Walgahii kaabinee Kibxata darbe gaggeeffame irratti mormitoota irratti ''tarkaanfiin akka hin fudhatamne''jedhameera.

Itti dabaluudhaanis, "Warri qawwee fi meeshalee waraanaa biroo hidhatanii buufata poolisii fi iddoowwaan biroo haleelan jeequmsa kaastoota waan ta'aniif, mormitoota fi namoota jeequmsa kaasan adda baasuu qabna," jechuun dubbataniiru.

Miidiyaaleen mootummaas akka gabaasanitti mootummaan rakkoo qaal'iinsa jireenyaa ol'aanaa salphisuuf lammiilee miiliyoona 71'f deeggarsa haaraa ji'a ji'aan doolaara 7 waliin wal gitu kaffaluu eegaleera.

Gama biraatiin ammoo hogganaan haqaa biyyatti kanneen''jeequmsa kaasan'' kana dhorkuuf, himannaa fi adabbii ''saffisaan'' akka isaan mudatu himaniiru.

Hogganaa olaanaan Iraan akka jedhanitti, aanga'oonni ''mormitoota waliin haasa'uu qabu'' garuu ''kanneen ta'e jedhanii hokkora kaasaa jiran adaba godhachuu akka qaban himan.''

Yaadni hogganaa kun kan dhaga'ame erga Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp humnoonni nageenyaa Iraan mormitoota karaa nagaa ajjeefnaan US gidduu seenti jechuun doorsisanii boodadha.

Tiraamp "Iraan namoota hiriira nagaa gaggeessaa jiran kan ajjeestu yoo ta'e, hidhannee deemuuf qophii xumurree jirra," jechuun dubbatan.

Yunivarsiitii Teehran keessatti piroofeesara saayinsii siyaasaa kan ta'an Sadegh Zibakalam sababa doorsisa Tiraamp kanaan aangawoonni Iraan tarkaanfii cimaa ta'e mormitoota irratti fudhachuu maluu jedhu.