Hogganaan waraanaa Burkinaa Faasoo fonqolcha mootummaa booda aangoo gadhiise

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan waraanaa Burkinaa Faasoo, kan Jimaataa aangoorra fonqolchame, seeraan angoo gadhiisuuf walii galuu isaa hoggantoonni amantaa fi hawaasaa himan.
Hogganaa haaraa biyyattii kan ofiin jedhe, Kaapteen Ibraahim Tirawooreen, wali galtee angoo gadhiisu fi haaldureewwan Lt Kol Pool-Henri Damibaa kaa’e simachuu isaas himaniiru.
Beeksisi kun kan dhufe erga Lt Kol Damibaa wiirtuu waraanaa Firaans dhoksuun isaa himamuu booda haleellaa dhaabbilee Firaans irratti gaggeeffameen boodadha.
Kun biyyatti keessatti bara kanatti fonqolcha mootummaa isa lammataadha.
Haala lamaan keessattiyyu, rakkoon nageenyaa biyyattii fi hidhattoota Islaamummaa bakka buuna ofiin jedhan to’achuu dhabuun, akka sababa fonqolcha raawwatameetti himamaniiru.
Burkiinaa Faasoon daangaa isaa keessaa %60 qofa jedhu ogeessiti, haleellaan hidhattoota Islaamummaas hammaateera.
Gamtaan Afrikaa yoo xiqqaate hanga Adoolessa bara 2023tti, gara nageenya heeratti akka deebi’amuuf gaafateera. Dabalataanis gartuu naannicha Hawaasa Diinagdee Biyyootii Lixa Afrikaa (Ecowas) waliin, hogganaa Lt Kol Damibaa angoorraa kaasuun “heera kan eeggate miti” akka hin taane walii galeera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ecowas dursee yeroo biyyattiin bulchiinsa siviiliitti seenuuf hojjechaa jirtutti finciltoonni humni waraanaa aangoo qabachuun isaanii “sirrii miti’ jedheera.
Lt Kol Damibaan kallattiin hanga ammaatti ibsa kenne hin qabu.
Ta’us garuu hoggantoonni amantaa fi hawaasaa, Lt Kol Damibaan ofiin aangoo gadhiisuuf kan filate, “waldhabdeen qabeenyaa fi nama irratti miidhaa fiduu danda’u hambisuufidha” jechuu isaanii AFP gabaaeera.
Dabalataanis Lt Kol Damibaan aangoo gadhiisuu isaa dura haaldureewwan torba – kan akka nageenya isaa eguu, nageenya biyyatti eeguu itti fufuu fi wagga lama keessatti bulchiinsa siviiliitti deebi’uuf hojii hojjetamu itti fufsiisuu akka kaa’eeru himaniiru.
Koloneelli amma aangoorraa fonqolcha,ee, ofii isaas Amajjii keessaa Pirezdaant Rooch Kabooree aangoorraa fonqolchee ture. Sababni inni fonqolcha kanaaf dhiyeessees pirezdaantichi haleellaa gartulee Islaamummaa to’achuu dhabeera kan jedhudha.
Lammileen Burkiinaa Faasoo yeroo dheeraaf soda keessa jiraachaa turaniiru.
Hidhattooti Islaamummaa bakka buuna ofiin jedhan biyyatti keessatti kan mul’atan bara 2015’tti yoo ta’u, du’aa namoota kumaataman lakka’amnii fi qe’eerraa buqqa’uu lammilee miiliyoona lama ta’aniif sababa ta’aniiru.
Bara 1960’tti walabummaa argachuun booda Burkinaa Faasoo keessatti fonqolchi mootummaa saddeet gaggeeffameera.












