Hogganaan waraanaa Burkinafaasoo fonqolchaan aangoo qabate fonqolchaan buufame

Madda suuraa, Radio Television Burkina
Qondaalli waraanaa Burkinafaasoo hogganaa waraanaa kan ture Leetanaal Koloneel Pool-Henarii Daamibaa, kan fonqolcha gaggeessuun aangootti dhufe, fonqolchuu TV biyyattii irratti dhiyaachun labsan.
Dursaa garichaa Ibraahiim Tiraa’oree, hogganaan duraanii Let. Konaleen Daamibaan finciltoota biyyatti keessa socha’an haalaan to’achu waan hin dandeenyeef aangoorraa buufamu dubbatan.
Kana malees daangaalee biyyattii cufamuufi sochiileen siyaasaa kamuu yeroo muraasaa dhorkamus dabaluun himan.
Gareen amma aangoorraa buufamu himamee Let. Kol. Daambiibaan hogganus, Amajjii bara darbee keessa ture bulchiinsa mootummaa ummataan filatame irratti fonqolcha gaggeessuun aangoo kan qabate.
Yeroo sanatti mootummaan haleellaawwan gareewwan isilaamaatiin gaggeeffaman dhaabsiisuu hin dandeenyee jechuun fonqolcha raawwachu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Jimaata kaleessaa gara ganamaa keessa magaalaa guddoo biyyattii Waagaaduguu keessa dhukaasni cimaan erga dhagahameen booda, Let’ Kolaneel Daamniinaan ummanni akka tasgabbaa’uuf gaafatanii ture.
Kaleessa galgala keessa ammo looltoonni 20 ol ta’aniif baayyeensaanii kan fuulasaanii haguuggatan hidhannoo waliin TV biyyaaleessaa irratti dhiyaachuun, ibsa hogganaa garichaatii jedhaman Tiraa’oreen mallatteeffame dubbisan.
‘‘Rakkoon cimaa dhufe waan nu mudateef Daambiibaan akka dhimmoota nageenyaa qofarratti xiyyeefatu gochuuf irra deddeebiin yaallee jirra. Garuu gochaan Daambiibaa kan nuti raawwachuuf yaadneen ala waan ta’eef amma aangoorraa buusuuf murteessineerra’’ jedheera ibsichaan.
Kanaan boodas biyyattii guutuutti galgala sa’aatii 3 hanga barii 11tti dhorkaan sochii kan kaa’ame yoo ta’u, Let Kol Daambiibaan eessa akka jiran ammatti kan beekame hin jiru.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ameerikaan wanti Burkinaafaassoo keessatti ta’aa jiru ‘’baayyee akka ishee yaaddeessee’’ ibsuun,lammeeliin biyyattii keessatti argaman sochii isaanii akka xiqqeessa gorsite.
Dubbii Himaan Waajjira Dhimma Alaa Ameerikaa ‘‘tasgabbiin akka bu’uufi qaamooleen hundi gochaa kamu irraa akka of qusataniif’’ waamicha taasisaniiru.
Waldaan Diinagdee Biyyoota Afiirkaa Lixaa (ECOWAS) ‘‘aangoo karaa heera mootummaatiin alata ta’een qabatamu fi aangoorra irra turamu cimseen morma’’ jechuun fonqolcha biyyattii keessatti raawwatame balaaleeffateera.
Burkinaafaassoontti sochiileen hidhattoota islaamaa waggoota torbaan duraa kaasee kan mul’atu yoo ta’u, Kanaan wal qabatees namoonni kumaatamaan lakkaa’aman ajjeeffamanii, kanneen miiliyoona lamatti siqan ammo qe’eefii qabeenyaa isaanii irraa buqqaafamaniiru.
Biyyi Burkinaafaassoo bara 1960 erga walabummaa ishee gonfatteen booda, hanga yoonaatti fonqolchiiwwan mootummaa milkaa’an saddeeti keessatti gaggeeffameera.












