Janaraalli fonqolcha Niijeer qindeesse hooggana biyyatti gochuun of dhiyeesse

Gen Abdourahmane Tchiani

Madda suuraa, AFP

Janaraal Abdourahmane Tchiani, kan fonqolcha mootummaa Niijeer qindeesse hogganaa biyyattii ta'uu isaa beeksise.

Maqaa Omar Tchiani jedhuunis kan beekamuufi fonqolcha pireezidantii biyyattiirratti raawwatame adda durummaan qindeesse kun gartuu eegduu addaa pireezidantichaa hooggana ture.

Fonqolchi kun ega biyyattiin bara 1960 birmadummaa ishee argattee booda cee'uumsa gara nageenyaafi dimookraasiitti gochuuf abdatteetti hurrii mareera.

Pireezidantiin biyyattii aangoorraa fonqolfaman Mohaammed Bazuum fayyaa gaariirra akka jiran gabaasamus eegdootni addaa mataa isaaniin ugguramanii jiru.

Pireezidantichi duula farra finxaaleyyii Islaamaa irratti godhamu keessatti harka mirgaa warra Lixaati jedhamu.

Fonqolchi kun dhaabbilee idila addunyaan irra deddeebiin balaaleffatameera. Kanneen morman keessa Gamtaan Afrikaa, Tokkummaan Biyyoota Lixa Afrikaa Ecowas, Gamtaan Awuroopaafi UN ni argamu.

Haata'uyyuu malee hoogganaan garee hidhattoota miindeffamanii Raashiyaa, Waagner, fonqolcha kana deeggaruun injifannoo ittiin jedheera.

''Wanti Nijeeritti raawwate waldhaansoo uummatni biyyattii koloneeffattoota isaaniirratti godhaniidha'' jedhe Yivgeenii Priigoozhiin.

BBC'n yaadni kun dhugaa ta'uufi dhabuu isaa ofiin hin qulqulleeffanne.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Janaraalli fonqolcha kana qindeessee amma abbaa aangoo of godhe bara 2011 irraa kaasee hooganaa garee waraaaa pireezidantii eeganiiti.

Janaraalli ganna 62 kun bara 2018'tti pireezidantii duraanii Mahaamaaduu Isaafuutiin muudama janaraalummaa argate.

Qondaali kun yaalii fonqolcha mootummaa bara 2015'nis himatamee mana murtiitti dhiyaatee harka keessaa qabaachuu haaleera.

Janaraalli kun aangoo humnaan qabachuu kan beeksise Niijeer keessa rakkoo nageenyaa, rakkoo diinagdee fi malaammaltummaan jiraacuun sababa akka ta'e haasaa gama televizhiniin darbeen beeksise.

Waggoota as dhiyoo keessa biyyoota Lixa Afrikaa fonqolcha mootummaa keessummeessan keessaa Nijeer biyya arfaffaadha. Dhiyoo kana Maalii, Giiniifi Burkinaafaasootti fonqolchi gaggefameera.

Pireezidantiin Naayijeeriyaafi hogganaan Ecowas pireezidant Bola Tinubu, naannoo isaaniitti shorokeessummaa babal'achuufi yaaliin fonqolchaas sadarkaa yaachisaarra gahuu akeekkachiisanii turan.