Putiin biyyi isaanii biyyoota Afrikaaf midhaan tola akka ergitu himan

Pireezidant Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, AFP

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin yaa'iin Raashiyaa-Afrikaa eegaluu sababeeffachuun haasaa godhaniin Gamtaan Afrikaa miseensa G20 akka ta'u ''nan deeggara'' jedhan.

Itti dabaluunis biyyoota Afrikaaf midhaan tola akka ergan beeksisan.

Yaa'iin inni lammaffaa Raashiyaa-Afrikaa kun wayita Raashiyaan Yukireen weeraruu isheetiin balaaleffatamaa jirtuttiifi biyyootni hedduun dhimmicha irratti ejjannoo qabachuuf rakkatanitti Seent Piiterersbergitti gaggeefamaa jira.

Putiin dhimmi Gamtaa Afrikaa miseensa G20 gochuu kun ''jalqaba ji'a Fulbaanaa dhufu yaa'ii garichi Niiw Delhiitti gaggeefeessu irratti akka murtaa'u abdii qabna'' jechuun dubbatan.

Akkuma kanaan duraa Raashiyaan jabina walabummaa biyyoota Afrikaa deeggaruuf wanta hunda ni gooti, Afrikaan sirna haaraa haara, 'multipolar world order', fiixewwan adda addaa addunyaa walitti fidu keessatti michuu murteesituu akka taatus akkasuma'' jedhan.

Waraana Yukireen waliin itti jiran kana sababeeffachuun gatiin midhaaniifi boba'aa addunyaa dabaleera.

Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii midhaan Yukireen gabaa addunyaaf yaaddoo malee dhiyeessuu irratti biyyoota lamaan walitti fiduun waliigaltee galame keessaa Raashiyaan tibba kana bahuu ishee beeksisteetti.

Dhimma kana irratti kan dubbatan pireezidantichi, Raashiyaan rakkoo kana furuuf ni hojjetti jedhaniiru.

Itti dabaluunis biyyi isaanii biyyoota Afrikaa jahaaf ji'oota dhufan keessatti midhaan tola akka ergitu beeksisaniiru.

DW akka gabaasetti Eertiraan biyyoota Raashiyaa irraa midhaan tola argatan keessaati.

''Ji'oota dhufan keessatti miidhaan toonii 25,000-50,000 ta'u Burkinaafaasoo, Zimbaabwee, Maalii, Somaaliyaa, Rippaablika Giddugaleessaa Afrikaafi Eertiraaf erguu ni mirkaneessina'' jedhaniiru.

Yaa'ii Raashiyaa Afrikaa isa jalqabaa warana kana dura bara 2019 gaggeefame irratti biyyootni Afrikaa 43 hirmaatanii kan turan yeroo ta'u kan baranaa kana irratti garuu biyyoota 17 hin caalletu hirmaata jedhamee eegama.

Sabbabni ammoo biyyootni addunyaa waraana Yukireeniifi Raashiya irratti bakka lama ykn saditti qoodamanii jiraachuu isaaniiti.