Zeleniskiin MM Abiy Kiivitti affeeran: Dureewwan lamaan maal waliin dubbatan?

Akka waajjirri Pirezidantii Yukireen ibsetti hoggantoonni lamana yeroo jalqabaaf bilbilaan wal argan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Akka waajjirri Pirezidantii Yukireen ibsetti hoggantoonni laman yeroo jalqabaaf bilbilaan wal argan

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimadiifi Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin guyyaa Kamisaa mari’achuu hoggantoonni lamaanuu beeksisaniiru.

Mariin bulchitoota lamaan gidduu taasifame seenaa keessatti kan jalqabaadha jedheera waajjirri Pirezidantii Zeleniskii.

Mariin bulchitoota lamaan gidduu taasifame yeroo Raashiyaan waliigaltee midhaan Yukireen karaa Galaana Gurraacha gabaaf dhiheessu seente keessaa baatee jirtuttiidha.

Waliigalteen midhaanii Itoophiyaan irraa fayyadamaa turte diigamuu isaa irratti Ministira Muummee Abiy Ahimaditti dubbachuu Pirezidant Zeleniskiin himaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Yukireen akka daawwatan Pirezidantiin Yukireen Volodimiir Zeleniskiin waamicha taasisaniiru.

Dubbiin hoggantoota lamaanii torban dhufu marii Raashiyaa Afrikaa Moskootti qophaa’uufi hoggantootni biyyoota Afrikaa danuu irratti hirmaatu jedhame dura waan mudateedha.

Michuu cimaa Raashiyaa kan taate Itoophiyaan waraana biyyoota lamaanii waggaafi ji’a afur dura eegale irratti ejjennoo gar-tokkotti hin caalsifne qabaachuuf carraaqaa jirti.

Maal jedhan?

MM Abiy Ahimad Zeleniskii waliin marii gaggeessuu ibsanii odeeffannoo bal’aa garuu hin kennine.

‘’Pirezidant Zeleniskii waliin bilbilaan dhimma waloofi idil-addunyaa,’’ irratti mari’achuu ibsan.

Dabaluunis, karaatti ‘’Raashiyaafi Yukireen gidduu nagaan bu’u’’ mari’achuu Tiwiitara gubbaa qoodan.

Biyyoonni lamaan waraana dhaabanii mariin akka furan MM Abiy kana durallee yaada dhiheessanii turan.

Waajjirri pirezidantii Yukireen ibsa baasen ‘’seenaa hariiroo biyyoota lameen keessatti bilbilaan yeroo jalqabaaf’’ Zeleniskiin MM Abiy waliin haasa’u ibse.

Akka Waajjirri Zeleniskii ibsetti, bulchaan Yukireen dhimma Raashiyaan waliigaltee midhaanii keessaa baate, imala danquu akkasumas miidhaa Raashiyaan geessisaa jirti jedhan himaniiru.

Sababa saamichaan walqabateen UN fi UN deeggarsa Itoophiyaaf kennan Waxabajjii keessa adda kutuu beeksisaniiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sababa saamichaan walqabateen UN fi UN deeggarsa Itoophiyaaf kennan Waxabajjii keessa adda kutuu beeksisaniiru
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Miidhaa murteen Raashiyaa kuni biyyoota guddataa jiran irratti qaburratti yaaddootu jira.

Raashiyaan akkaataa waliigalteetti midhaan biyyoota gargaarsi barbaachisuuf bira gahaa hin jiru jechuun komatti. Yukireen kana ni mormiti.

Qondaalli olaanaa Keeniyaa tokko murtee Raashiyaa kana ‘’dugda keessa waraanamuu’’ jechuun ibsaniiru.

‘’Sochii midhaanii Galaana Gurraachaan Yukireen midhaan toonii 300,000 Itoophiyaatti erguu,’’ Ministira Muummee Abiyyitti himuu beeksisaniiru.

Kanaan alas midhaan toonii 90,000 gama deeggarsa namoomaan biyya baha Afrikaa kanaaf erguu Zeleniskiin dubbataniiru.

Biyyoota midhaan qamadiifi kaan gabaa addunyaatti dhiheessuun beekaman keessaa tokko kan taate Yukireen, ammallee kana gochuuf ‘’qophii ta’uu’’ Zeleniskiin MM Abiyyitti himaniiru.

Itoophiyaan yeroo jalqabaaf waggaa kana keessa qamadii biyya alaatti erguu jalqabuu ibsitus biyya waraana, hongee, walitti bu’iinsaafi kaaniin lammiileen miiliyoona 20 ol deeggarsa namoomaa barbaadu.

'Sagalee Itoophiyaa barbaanna' - Zeleniskii

Teessoo Gamtaa Afrikaafi biyyoota Afrikaa lakkoofsa ummataa hedduu qaban keessaa sadarkaa jalqabaa jiran keessa tokkodha Itoophiyaan.

Biyyi waraana dura dhageettii olaanaa qabdu kuni eega waraana kaaba biyyattiitti lammiilee kuma dhibba dhiiga dhangalaaserraa bayyanattee reefu ji’a muraasadha.

Sababa waraana Yukireen keessa adeemaa jiruun lamatti kan hiraman biyyoonni Afrikaa sababa waraanichaan qaala’insa jireenyaa, boba’aafi kaanin hubamaniiru.

Pirezidant Zeleniskiin dubbii isaaniin ‘’Sagaleen Itoophiyaa, Gamtaa Afrikaa, Afrikaa guutuu nuuf baay’ee nu barbaachisa,’’ jechuun dubbataniiru.

Dureewwan Afrikaa waraanni akka dhaabatu gaafachuufis baatii darbe gara Raashiyaafi Yukireen imaluun araara gaafataniiru.

Waraanni ammallee itti fufee adeemaa jiru kuni akeekkachiisa Raashiyaan doonii qamadii geessan walqabatee baasten gatiin qamadii takkaatti ol guddateera.