Hoggantoonni Afrikaa gara Yukireeniifi Raashiyaa imalan maal milkeessan?

Hogganoota Afrikaa

Madda suuraa, Reuters

Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan imala ergama nagaa gara Yuukireen Raashiyaa dureewwan Afrikaa taasisan hogganuun 'seena-qabeessa' jedhamuun leellifamaniiru.

Hoggantoonni Afrikaa ''ergama nagaa qabachuun Afrikaan ala imalli taasisan kuni kan jalqabaati,'' jedhameera.

Haa tahu malee, qaamoti wal waraanan haasaa nagaaf otoo walii hin galiin, imallisaanii garaagarummaa akkamii fiduu mala, moo Raamaafoosaan rakkoo Afrikaa Kibbaatti isaan qabee jiruuf xiyyeeffannoo addunyaa argachuuf kana raawwachaa jiru?

Imala ergama nagaa kanaan bakka buutonni biyyoota Afrikaa torba Pireezidantii Yukireen Viloodamiir Zeleenskii fi Pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin dhuma torbee darbee irratti argatanii dubbisaniiru.

Imalli Raamaafoosaan hogganame kuni waraana haala jireenyaa Afrikaa irra akkaan dhiibbaa gahaa jiru dhaabuu akka danda'u abdiin ture.

Jilli biyyoota Afrikaa, Masrii, Afrikaa Kibbaa, Senegaal, Koongoo Biraazaaviil, Komoroos, Zaambiyaa fi Yugaandaa qabate yaada furmaataa qabxii 10 qabu dhiyeessee ture.

Kunis biyyoonni wal waraanan walabummaa waliinii kabajuu akkasumas, alergii midhaanii akka hin dhaabbanne fa'i of keessaa qaba.

Wal-waraanuu xiqqeessuu, mariin atattamaan akka jalaqabu, hidhamtoonni waraanaa akka gadhiifamiifi deeggarsi namoomaa akka qaqqabu kan jedhan gaaffiiwwan hoggantoonni kunneen dhiyeessan keessaati.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Afrikaan Kibbaa qaamoleen haasa'uuf waliigaluu isaanii ibsitus, Pireezidantiin Raashiyaa garuu gaafa Sanbataa yaada furmaataa kenname kan kuffiste fakkaata.

Yukireen immoo yaada biyyooti Afrikaa dhiyeessan garaa guutuun waan fudhatte hin fakkaattu.

Waraanni biyyoota lameeni kuni biyyoota Afrikaa keessatti hanqina midhaaniifi xaa'oo fideera. Sababa kanaan addunyaa irratti keessumaa Afrikaa keessatti gatiin nyaataa akkaan dabaleera.

Baankiin Misoomaa Afrikaa waraanni kuni hanqina midhaanii toonii miiliyoona 30 qaqqabsiiseera jedheera.

Pireezidant Puutiin dooniiwwan Yukireen midhaan fe'an karaa buufata doonii Galaana Gurraaachaa Raashiyaa irraan akka hin darbineef doorsisaa jiru.

Puutiin akkanatti doorsisuun isaanii kan jalqabaa miti, akka jedhan yoo raawwatan kuni hanqina nyaataa Afrikaa hammeessuu mala. Hoggantoonni Afrikaa immoo karaa danda'ameen kana hambisuu barbaadu.

Gama biraan Puutiin hariiroo dippiloomaasii biyyoota Afrikaarraa qollifamuu hin barbaadan.

Waraanni dhiibbaa Afrikaa irratti dhaqqabsiisu irratti hubannoo uumuun dabaltaan hoggantoonni Afrikaa weerara Raashiyaan Yukireen irratti taasifte akka balaaleffatan gaafatamaa turan.

Afrikaa Kibbaa fi Yugaandaan Raashiyaa akka deeggaranitti ilaalamu. Baatii darbe Ameerikaan Afrikaan Kibbaa Raashiyaaf meeshaa waraanaa dhiyeessuun dhimma biyyoota kaaniirraa walaba tahuu sarbiteetti jette. Afrikaan Kibbaa garuu kana ni haalti.

Walgahii yaa'ii biyyoota shanii 'Brics' irratti Puutiin yoo argaman Afrikaan Kibbaa dabarsitee Mana Murtii Yakkaa Addunyaaf ni kennitii kan jedhu ammallee ifaa miti.

Kaayyoon ijoo imala kanaa waraana Yukireen keessatti adeemaa jiruuf furmaata marii dippiloomaasii jabeessuu ture, gama kanaan milkaa'eera jechuun hin danda'amu.

Yukireeniifi Raashiyaan imala nagaa kana duras tahe booda ulgaaleen bu'uuraa otoo hin guutamiin mariif akka hin teenye irra deddeebiin himaniiru.

Yukireen, daangaan biyyashee gara isa bara 1991tti turetti akka deebi'u barbaaddi. Kana jechuun Raashiyaan daangaawwan Yukireen kanaan dura fudhatte Galoo Galaan Kireemiyaa dabalatee, keessaa bahuu qabdi jechuu dha.

Raashiyaan immoo dhimma kana akkaan mormiti, Raashiyaan marii nagaa adeemsisuuf Yukireen ''haala daangaa haaraa'' fudhachuu qabdi jetti.

Dubbii himaan Kireemiliin Dimiitrii Peeskoov Wiixata darbe mariin hogganoota Afrikaa wajjin taasifamu itti fufa jedhan.

Biyyoota lameen kunneen walitti fiduu hanqatan illee Raamaafoosaan hogganooti kunneen marii egereedhaaf karaa bananiiru jedhan.

Raamaafoosaan bu'uura misoomaa kufaa jiru, ibsaa yeroo yerootti baduufi uummanni mootummaatti gammadoo tahuu dhabuun rakkoo manaa qaban tahus, waltajjii addunyaa irrattii milkaa'ina argachuuf barbaadaa turan.

Tahus ergamni nagaa kuni injifannoo fedhan isaaniif hin argamsiisne.