Dr Warqinaa Gabayyoo marsaa lammataaf barreessaa olaanaa IGAD ta'uun muudaman

Dr Warqinaa Gabayyoo waggoota afur dura ture Barreessaa Olaanaa IGAD ta'un kan muudaman

Madda suuraa, Workneh Gebeyehu/ Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Dr Warqinaa Gabayyoo waggoota afur dura ture Barreessaa Olaanaa IGAD ta'un kan muudaman

Dr Warqinaa Gabayyoo marsaa lammataaf barreessaa olaanaa Dhaabbata Wal-ta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) ta’uun muudaman.

Lammiin Itoophiyaa kuni yaa’ii hoggantoota biyyoota Baha Afrikaa Wiixata kaleessaa taasise irratti kan muudaman.

Bara 2007 murtee waraanni Itoophiyaa Somaaliyaa seenu mormuun IGAD keessaa kan baatee turte Ertiraanis waggoota 16 booda barana dhaabbatichatti deebiteetti.

‘’Yaa’iin kuni ana irratti amantaa horatee marsaa lammataaf waggoota afuriif aangoo kiyya waan dheeresseef baay’een galateeffadha,’’ jechuun Dr Warqinaan yaada isaanii ibsaniiru.

Lammiin Itoophiyaa kuni eega dhaabbatichi bara 1986 hundaa’e as hoogganaa dhaabbatichaa jahaffaadha.

Bara 2019 ture lammii Keeniyaa Ambaasaaddar Maahibuub Maalim irraa aangoo kan fudhatan.

Dr Warqinaan kana dura Ministira Dhimma Alaa akkasumas Ministira Geejjibaa Itoophiyaa ta'un tajaajilaniiru.

Gama kaaniin, yaa’ii dhaabbatichaa 14ffaa gaafa Wiixataa Jibuutiitti taasifameen Dura Taa’ummaa dhaabbatichaa Jibuutiin biyya waggoota afuriif gaggeessaa turte Sudaan harkaa fudhatteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Osoo Sudaan dura teessuu dhaabbatichaa hin ta’in dura aangawoonni Itoophiyaa waggoota sagaliif dura taa’aa ta’anii tajaajilaniiru.

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad eega gara aangootti dhufanii booda waggaa tokkoof dura taa’aa ta’un tajaajilani.

Isaan dura Ministirri Muummee Mallas Zenaawwiifi H/Maariyaam Dassaalany bara 2010 eegalee walitti aansuun Dura Taa’aa IGAD ta’un tajaajilaniiru.

Yaa’ii hoggantoota biyyaa baranaa irratti dambiiwwan dhaabbatichi bakka bu’u qopheeffamaniiru. Waligalteen bara 1996 haaromfamee waliigaltee haaraa irratti biyyootni wal ta’aniiru.

Kana dura dhimmi biyyoota dura taa’aa ta’uu qaban dhimma waldhabsiisaa ture. Yaa’ii baranaa irratti rakkoo kana furuuf waliigaltee haaraa raggaasisuun isaanii dhagahameera.

Akkaatuma kanaan biyyootni miseensa ta’an waggaa tokko tokkoon wal jijjiiraa dura taa’aa dhaabbatichaa ta’u.

Kanaan ala qoqqobbii kaa’uufi waldhabdeewwan biyyoota keessatti dhalatu mariin akka furamu mana maree dhaabbatichaaf aangoon kan kenname akka ta’e ibsameera.

Dhimma ijoo yaa'ii baranaa

Yaa’ii Jibuutiitti taasifame irratti dura aantummaan dhimma Sudaan, Sudaan Kibbaafi Somaaliyaa dhimmoota ijoo irratti mari’atamedha.

Yaa’ii kana irratti Dr Warqinaan rakkoo Sudaan keessaa yeroo ibsan ‘’obbolaan keenya dhibbaan lakkaa’aman lubbuu dhabaniiru.

‘’Kumaatamaan kan lakkaa’aman madaa’aniiru, akkasumas miiliyoona 1.4 ol kan ta’an qe’eerraa buqqa’aniiru,’’ jedhan.

Qaamoleen lamaan lola keessa jiran waliigaltee dhukaasa dhaabuurra akka gahan gaafachuun ‘’marii nagaaf akka carraa kennan’’ gaafatani.

Lola waraana biyyattiifi humna atattamaa gidduu adeemaa jirun kan jeeqamaa jirtu Sudaan, yaa’ii kana irratti Dura Taa’aa I/Aanaa Mana Maree Cee’umsaa biyyattii ta’un kan muudaman Maalik Agaariin bakka buufamte.