Daraartuu Tulluun gumaacha nagaaf taasifteef IGAD irraa beekamtii argatte

Daraartuun yeroo waraana kaaba Itoophiyaa nagaan akka bu'u ifatti dubbachuun beekamti

Madda suuraa, Nuur Mohamud/ Twitter

Ibsa waa'ee suuraa, Daraartuun yeroo waraana kaaba Itoophiyaa nagaan akka bu'u ifatti dubbachuun beekamti

Jaarmiyaan Walta’iinsa Misoomaa Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Atileet Daraartu Tulluu waliin jireenyaafi nagaa labsuun qooda bahachuu ishee ibsuun beekamtii kenneef.

Sagantaa biyya Keeniyaa, magaalaa Mombaasaa qophaa’e irratti Daraartuun Barreessaa Olaanaa dhaabbatichaa Dr Warqinaa Gabayyoo harkaa beekamtii fudhatteetti.

Daraartuun yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa nagaan akka bu’u waan ifatti dubbataa turteef beekkamtiin kennamuu Dr Warqinan dubbachuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Wal tajjii kamirrattuu nagaaf dhaabbachuun ambaasaaddara gaarummaa ta’uu ishee hojiin agarsiisteetti jechuunis dubbachuu isaaniitu gabaafame.

Dhaabbati IGAD naannicha rakko nageenyaafi hongeen hubamaa jiru keessatti namoota nagaafi tasgabbiin akka jiraatu gumaachan jedhe badhaaseera.

Namoonni beekamtiin isaaniif kennamuu ibsame 21 dha.

Kanneen keessaa Daraartuun ala lammiileen Itoophiyaa kaan kanneen akka Atileeti maqaa guddaa qabu Hayilee G/Sillaaseefi qorataan seenaa Dr Ahimad Zakkaariyaa keessatti argamu.

Dameen namootni itti filataman gargaridha.

Daraartuun yeroo waraana Kaaba Tigraay atileetonni Naannoo Tigraay irraa dhufan rakkatuufi furmaanni akka argamu irra deddeebiin dubbataa turteef dura aantummaan eeramti.

Rakkoo Tigraayin ala rakkoowwan kaan akka biyyaatti jiran irrattis darbee darbee ni dubbatti.

Dura Taa’aan TPLF Dr Dabratsiyoon G/Mikaa’el dhihoo atileetota yeroo dheeraa booda gara Maqalee fudhattee imalte akkaan jajaniiru.

Waraanni Kaaba Itoophiyaa biyyattii gaaga’e turtii waggaa lama booda marii nagaan xumura argateera.

Kanneen jaarsummaan marii kana irratti hirmaataa turan keessaa tokko immoo dhaabbata buufata isaa Jibuutii godhateefi IGAD jedhamudha.

Olompikii irratti atileetii jalqabaa biyyoota Sahaaraa gadi keessaa warqii Olompikii kan argatte Daraartuun, yeroo ammaa Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa hoogganaa jirti.