Atileetonni Tigraay matii isaanii akka argan Daraartuu Tulluu tumsa gaafatte

Simannaa atileetotaaf Finfinneetti godhame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Simannaa atileetotaaf Finfinneetti godhame

Atileetonni Tigraay Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa irratti biyyaaf injifannoo argamsiisan maatii isaanii arguu akka danda'an tumsi akka godhamuuf Daraartuu Tulluu gaafatte.

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara kanaa Ameerikaa Oregoonitti taasifame irratti warqee 4 meetii 4 fi nahaasa 2 walumaagalatti meedaaliya 10 argachuun Ameerikaatti aantee sadarkaa lammataan xumurte.

Seenaa dorgommichaa keessatti Itoophiyaan qabxii olaanaa akkanaa yoo argattu kun yeroo jalqabaatiifi.

Atileetonni dorgommii kanarratti hirmaatan Kamisa gara biyyaa yoo deebi'an simannaan ho'aan taasifameefi jira.

Sirna simannaa masaraa biyyaalessaa guddichatti bakka pireezidantiin biyyattii Aadde Saahilawarq Zawudee fi aanga'oonni kaan jiranitti godhameef irratti "atileetonni Tigraay hiree maatii isaanii dubbisuu hin arganne" jechuun Daraartuun kan dubbatte.

Warqee Itoophiyaan argatte afur keessa sadi kan fidan atileetota dhalattoota Tigraay ta'anidha.

Atileet Gooyitatoom Gabrasillaasee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Gooyitatoom Gabrasillaasee maaraatooniin Warqee injifatte

Atileetonni kunneen maatii isaanii arguu akka danda'an bulchiinsi Tigraay akkasumas mootummaan federaalaa haala akka mijeessan gaafatte.

Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa koloneel Daraartuu Tulluu atileetonni Tigraayitti hafan dorgommii itti aanurrattu hirmaachuu akka danda'an haalli akka mijatuufis gaafatte.

"Gammachuun keenya guutuu akka ta'u, dorgommii itti aanuufis ofitti amanamummaa guutuun akka hiriirru, atileetonni Tigraay jiran kaan achumatti akka shaakala eegalan, kaan ammoo akka as dhufan mootummaan karaa akka banu..." jechuun gaafatte.

Naannoo Tigraay waraana baatilee 20f mootummaa federaalaa fi TPLF jidduutti adeemaa jiruun guutummaatti Itoophiyaan gargar cittee jirti. Geejjibni akkasumas tajaajilawwan bu'uuraa akka ibsaafi komunikeeshinii adda citee jira.

Atileet Taammiraat Tolaa maaraatooniin Warqee injifate

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Taammiraat Tolaa maaraatooniin Warqee injifate

Milkaa'ina Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa irratti argameen wal-qabatee hoggansa kenniteen hedduu jajamaa kan jirtu koloneel Daraartuu Tulluu, qabxii argametti akka boontu dubbatte.

Haata'u malee dorgommiin kana caalaa cimaan akka isaan eeggatu atileetotaa fi leenjistoota isaanii hubachiifte.

Meedaaliyaa Itoophiyaan argatte:

Warqee

  • Maaraatoonii Dhiirotaa - Atileet Taammiraat Tolaa
  • Maaraatoonii Dubartootaa - Atileet Gooyitatoom Gabrasillaasee
  • Meetira 10,000 Dubartoota - Atileet Lattasanbat Giday
  • Meetira 5,000 Dubartoota - Atileet Gudaaf Tsaggaay

Meetii

  • Maaraatoonii Dhiirotaa - Atileet Moosinnat Garramawu
  • Meetira 3000 Gufachiisa Dhiirota - Atileet Lammeechaa Girmaa
  • Meetira 1500 Dubartoota - Atileet Gudaaf Tsaggaay
  • Meetira 3000 Gufachiisa Dubartoota - Atileet Warquhaa Geetaachoo

Nahaasa

  • Meetira 3000 gufachiisa Dubartoota - Atileet Maqidas Abbabaa
  • Meetira 5,000 Dubartoota - Atileet Daawiit Siyyuum