Milkaahinni gareen Itoophiyaa Origanitti galmeessaa jiru 'seenaa haaraadha' jette Daraartuu Tulluu

Daraartuu Tulluu atileetota meetira 5,000 injifannoo argatan waliin

Madda suuraa, Ethiopian Athletics Federation

Pireezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Daraartuu Tulluu injifannoo gareen Itoophiyaa Shaampiyoonaa Origanitti argachaa jiru ''seenaa haaraa'' jechuun ibsite.

Gudaf Tsaggaayee meetira 5,000 warqee afraffaa argamsiisuu ishee hordofee yaada kan laatte Daraartuun, gamachuu ishee yeroo ibsitu “Itoophiyaan haa kolfitu” jetteetti. 

Itoophiyaan seenaa shaampiyoonaa kanaa keessatti warqee afur argattee hin beektu.

Daraartuun seenaa shaampiyoonaa kanaan ''injifannoo isa olaanaa'' argameedha jette.

Barri haaraa Itoophiyaa akkuma dhiyaachaa jiruun injifannoon kun kennaa bara haaraa gareen isaanii uummata biyyattiif kennu ta'uu ibsite Daraartuun.

Walqabsiisuunis walitti bu'iinsiifi rakkoon Itoophiyaa keessa jiru bara haaraa dhufaa jiru kanatti akka dhaabbatu hawwite.

''Bakka kanatti du'e, bakka kanatti namni qe’eerra buqqa’e, bakka sanatti namni beela’e isa jedhu Waaqni nuuf balleessee, bara dhufu kan waliin taanee biyya keenya gara fulduraatti deemsifnuufi kan tokko taanee waliin dhabbannu nuuf haa godhu,” jechuun hawwii ishee ibsiteetti.

Atleetonni fageenya garaagaraa lama irratti akka dorgoman jiraachuufi kanaanis injifannoon argamuun tarsiimoo itti yaaduun gahumsa isaanii bu'uura godhatee raawwatame ta'uus Daraartuun dubbaatte.

“Bu’aa fi dandeettii ijoollee kanaa irratti hundoofneeti kan filanne. Jalqaba sa’aatii isaanirratti hundoofne, erga takka fiiganii yeroo lammaffaa irratti ammo figichaa isaanii irratti hundoofneetu irra deebisiisnaani.”

 ''Tarii filannoo akkanaa gaggeeffameen namootni mufatan muraasi yoo jiratan maqaa Waaqaan dhiifaman gaafadha'' kan jettu Daraartuun, “hanga ani beekutti eenyuniyyuu haala hin taaneen xiqqeessuuykn ol guddisuuf hin eeyyamne,” jetteetti.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

 Atileetotni akka Gudaf Tsaggaay, Latasanbat Giday, Salamoon Baareggaa fa'aa atileetota dorgommii fageenya adda addaa lama irratti akka dorgoman godhaman keessaati.

Gudaf fageenya lamaaniinuu meedaaliyaa warqee tokkoofi meetii tokko injifatte. Latasanbat ammoo Warqee tokko injifattee injifannoo Gudaf edaa keessatti ammoo qooda olaanaa baate.

“Nama hundaaf kun isaaniif mala, kun sirridha, bu’aa kana nii fidu, yoo asitti fiigan ni mijataafi kan jedhuun filanne. Waaqayyos nu gargaare kanarra geenyeerra” jetti Daraartuun bu'aa tarsiimoo kanaan argame yoo ibsitu.

 Injifannoon kun hundi kan argame sababa “ani bulchiinsa irra jiruuf miti” kan jettu Daraartuun, kun dadhabii atleetootaan, deeggarsaa maatii isaanii, deeggarsaa fi dadhabbii hojjeetoota federeeshinichaa hunda waan dhufedha jetteetti. 

Dorgommii kana irratti lammilee Itoophiyaaa US, Origan fi naannashee jiraatan kan deeggarsaaf argaman hunda Daraartuun galateeffatteetti.

Gareen atileetiksii Itoophiyaa shaampiyoonaa Origanitti gaggeefamaa jiru kanaan warqee afur, meetii afurii fi nahaasa lama, waliigalatti meedaaliyaawwan 10 injiffattee addunyaarratti Ameerikaatti aantee sadarkaa lamaffaarra argamti.