Miseensi garee Itoophiyaa injifannoo atileetiksiin gammachuun boo’an maal himu?

Miseensa Garee Itoophiyaa gara Oregan imalee

Madda suuraa, World Athletics/Twitter

Guyyaa Dilbataa Atileet Taammiraat Tolaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti maaraatoonii injifachuun lammiilee Itoophiyaa guddoo gammachiise.

Kanneen gammachuun isaanii addunyaan daawwatte keessaa miseensonni garee Itoophiyaa magaalaa dorgommiin itti adeemsifame Oreganitti imalan ni jiru.

Keessumaa yeroo Taammiraat atileetota kaanirraa adda bahee qofaa fiiguu eegalu ogeeyyiiniifi aangawoonni federeeshinii atileetiksii Itoophiyaa yeroo gammachuun cookan mul’ata.

Kan boo'anis turan.

Leenjistonni immoo qarqara daandii karaa namni dhaabbatee daawwatuun fiigaa Taammiraat jajjabeessaa turan.

Suuraa Atileetiksiin Addunyaa gadhiiseefi miseensota garee Itoophiyaa yeroo boo’an mul’atan keessaa tokko Obbo Geetu Garramaw Sooressaati.

‘’Suuraan koo bakka baay’ee maxxanfamuu isaa dhihoon arge,’’ jechuun BBC’tti himan.

Isaan eenyu kan jedhu booda itti deebina. Gahee isaanii gaafanne.

Akka BBC’tti himanitti, kilaabii atileetiksii Humna Ibsaa hooggantummaan kanneen tajaajilan keessaati. Atileetonni isaanii keessaa kan maaraatoonii dubartootaa irratti hirmaatan ni jiru.

Isaan ‘’deeggaruuf’’ gara Oregan imaluu isaanii himan.

‘Injifannootu miira keessa nu galche’

‘’Iddoon itti dhaabannee ilaallaa turre bakka itti jalqabeefi xumuramu ture. Iskirinii guddaatu ture [foddaa Tv guddaa kan dorgommii kallattiin agarsiisu],’’ jechuun himu.

Atileet Taammiraat dorgommiin yeroo xumuramuuf fageenyi kilomeetira muraasa hafutti atileetota kaan keessaa of baasee qofaa fiigee injifate.

Injifachuu qofa osoo hin taane riikardii shaampiyoonaa maaraatooniin kana dura atileetii Keeniyaan galmaa’erree cabse.

Itoophiyaan waggaa sadii dura shaampiyoonaa Dohaatti yeroo dorgomamellee atileet Leellisaa Deessisaan, Moosinnat Garramaw of duuba aansee injifatee ture.

'Sababa addaa' isaan boochise

Namoonni baay’ee gammachuu biyyaan akka boo’an himu. Isaaniis kanuma mirkaneessan. Garuu sababni biraa jiraa?

‘’Fiigichi maaraatoonii biyya keenyaaf maal akka ta’e beekamaadha. Isatu miira keessa nu galche,’’ jechuun dubbatu.

Ogummaa isaanii Injiniira Elektirikaalaa kan ta’an Injinar Geetuun Atileet Taammiraat waliin walitti dhiheenyallee akka qaban himu.

‘’Obbolaakoo waliin fiigaa ture. Wanti dabarsinees baay’etu jira. Akka biyyaattis immoo maaraatooniin iddoo guddaatu kennamaaf.

‘’Akka biyyaattis rakkoon itti jirru ni beekama. Walitti ida’amee miira keessa nu galche,’’ jechuun BBC’tti dubbatan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

‘’Yeroo ummanni keenya yeroo adda addaatti rakkoon uumamaa jirutti waan ta’ef kunillee baay’ee natti dhagahama. Waldhageenyee osoo wajjiin gammadnee baay’ee natti tola,'' jedhu.

‘’Gaafan miira san keessa turetti gammachuu kana osoo kabajaan, wal jaalachuun kabajne kan jedhu keessa koo ture,’’ jechuun dubbatu.

‘Rakkoo biyya keessa jiru’ jechuun isaanii rakkoo nageenyaafi walitti bu’iinsa bakkeewwan biyyattii garagaraatti mudatu jechuu isaanii akka ta’e BBC’tti himaniiru.

Viidiyoo federeeshinichi bakkee miseensonni garee Itoophiyaa turanirraa dabarsaa ture miseensonni garichaa yeroo gammachuun miira keessa seenan mul’isa.

Injinar Geetuun Pirezidantiin federeshinichaa Daraartuunis jiraachuuse dubbatu.

‘’Abbaba Biqilaarraa eegalee waan jiru beekamaadha. Mo’u malee ilaalcha jedhu san.

‘’Ijoolleen keenyammoo waan kana akka gaaritti nutti agarsiisan gammachuu guddaatu nutti dhagahame jechuudha. Wanti guddaan hunda keenya miira keessa nu galchees isa kanadha.‘’

Shaambal Atileet Abbabaa Biqilaa yeroo jalqabaaf Olompikii gubbaatti warqii fiiguun atileetii gurraacha jalqabaati. Sanuu miilaa qullaan fiige injifate.

Atileetota boodarra Baha Afrikaatii bahaniifis bu'uura akka ta'e ogeeyyiin himu.

Nami biraa eenyutu boo’e jedhamanii gaaffii gaafatamaniif, ‘’Yeroo sanatti namni hunduu miira keessa ture,’’ jechuun Injinar Geetuun deebisan.

Atileetota maaraatooniin biyyaaf medaaliyaa fidan keessaa tokko Mosinnat Garramawidha. Mosinat Dohaattis bara 2019 dorgomee Leellisaa Deesisaa duuba lammaffaa ta’un xumure.

Atileet Mosinnat Garramaw waliin maqaan abbaa keessan tokkodha. Isin obbolaadhaa?

‘’Firummaa dhiigaa hin qabnu. Akka atileetiksiitti hundi keenya obbolaadha. Garee tokko keessa jirra.’’

‘Obbolaankoo hiriyyoota Taammiraat turan du’aniiru’

Sababoota boo’uu isaaniif Injinar Geetuun kaasan keessaa inni ijoo gammachuu injifannoo atileetiksii ta’us, haala rakkoo biyya keessa jiruufi seenaa maatii isaaniin kan walqabatu akka jirullee dubbatu.

Obbolaan isaanii lama Taammiraat waliin akka walitti dhihaatan himu. Inumaa inni tokko Taammiraatiif moggoodha - maqaan isaanii tokko.

‘’Wajjiin turani. Durillee Taammiraat mana nubira ni dhufa ture. Isaan balaa konkolaataatiin boqotani. Sunis sababa tokko jechuudha,’’ jechuun sababa itti boo’an keessa kunis akka tokko ta’e himu.

Akka isaan himanitti obbolaan isaanii kuni sadarkaa ‘’addunyaatti ol bahanii hin fiigne. Garuu biyyuma keessa fiigaa turani.’’

Garuu balaa konkolaataa waggaa torba dura mudateen isaan dhabani.

Injinar Geetuu Garramoon ogeessa olaanaadha

Madda suuraa, Getu Geremew

‘’Maqaan isaanii Taammiraat Garramawuufi Baqqala Garramawu jedhamu. Lamaan isaaniiyyuu balaa konkolaataatiin boqotani. Gadda keessa turre jechuudha.’’

Osoo isaan lubbuun jiraatanii akkuma Taammiraat milkaa’e isaaniis milkaa’u ture jettanii yaadduu?

‘’Akka nama tokkootti sitti dhagahama. Akka tasaa isa [Taammiraat Tolaa] waliin haasofnee turre. Yaadichis miira keessa nama galcha.’’

Injinar Geetuun Itoophiyaan walitti aansitee shaampiyoonaa lama irratti maaraatooniin injifachuu isheetiin ‘’gudddaa na gammachiise’’ jechuun ibsu.

Injinar Geetuun eenyu?

Injinar Geetuu Garramaw Sooressaan ogeessa olaanaadha.

Akka BBC’tti himanitti, yeroo ammaa Tajaajila Humna Ibsaa Itoophiyaaf I/Gaafatamaa I/Aanaa [Deputy CEO] ta’un tajaajilaa jiru.

Tajaajila Humna Ibsaa Oromiyaa dhihoo hundaa'e immoo hoogganaa ta’un tajaajilu.

''Ogummaan kiyya electrical mahandisiidha,'' jechuun of ibsan. Garuu, ''Fiigichaaf garmalee jaalala guddaan qaba.''