Atileet Shaambal Abbabaa Biqilaa akkamiin yaadatama?

Madda suuraa, Keystone-France
Dilbata hardhaa Onkololeessa 25’tti atileetiin maaraatoonii beekamaa Abbabaa Biqilaa, erga du’aan addunyaa kanarraa boqotee waggoota 41 lakkoofsiseera.
Atileetichi atileetiksii Itoophiyaa qofaaf osoo hin taane, Afriikaafillee karra kan bane ture. Injifannoon isaas onnee lammiilee Itoophiyaa hunda keessa jira.
Seenaa Abbabaa galmeen seenaa, ispoortii, miidiyaaleen addunyaa akkasumas lammiileen Itoophiyaan haalaan yaadatuun.
Injifannoosaa hunda caalaan ifee kan mul’atu injifannoo inni Roomitti miila duwwaan fiigee Itoophiyaa fi ummatoota gurraachaaf argamsiiseedha.
Dorgommiin Olimpiikii addunyaa 17ffaan bara 1960 Xaaliyaan, Roomitti ture kan taasifame. Dorgommii kanarratti ispoortessitoonni 5,000 ol biyyoota 83 ol irraa babbahan irratti hirmaataniiru.
Dorgommii kanarratti namni gurraachi biraa injifannoon milkaa’es jira – Mahaammad Alii ulfaatinna salphaatiin meedaaliyaa warqee argatee ture. Ta’us garuu meedaaliyaan warqee Mahaammad Alii hammas kan leellifame hin turre.
Taateen biraa seenaa yeroo sanii keessatti yaadatamus jira – Afriikaan Kibbaa dorgommii ardiitiin yeroo dhumaaf hirmaattee dhorkamte ture. Biyyattiin sababa sirna yeroos ture Appaartaayidiif ture kan dhorkamte.
Ta’us dorgommiin olimpiikii yeroo sanii meedaaliyaa Mahaammad Alii yookiin dhorkamuu Afriikaa Kibbaatiinii miti kan yaadatamu.
Dorgommichi atileetii Itoophiyaa miila duwwaa fiigee riikordii galmeessise - Atileet Shaambal Abbabaa Biqilaan yaadatama.

Madda suuraa, Keystone
Yeroo sanitti atileetii Abbabaa Biqilaa jedhamuu mitii biyyi Itoophiyaa jedhamtuyyuu lammiilee biyyoota biroo beekan lakkoofsaan muraasa.
Haa ta’uu malee dorgommichi Xaaliyaanitti taasifamuu fi oduun Xaaliyaan Itoophiyaa weerartee Itoophiyaan injifatamuushee miidiyaaleen gabaasaa turan; injifannoon Abbabaa Biqilaa oduu ijoo ta’e.
Miidiyaaleen idil addunyaa atileetiin hin eegamne dorgommicha injifachuusaatiin nahanii; atileetii Itoophiyaa miila duwwaa fiigee injifatee walharkaa fuudhanii gabaasan.
“Mosolooniin loltoota kumaatamatti laakka’aman bobbaasee meeshaalee waraanaa fi gaazii summaa’aa fayyadamee yeroo Itoophiyaa weerarutti; loltuun Itoophiyaa tokko Xaaliyaan qofa osoo hin taane addunyaa guutuu injifate,” oduuwwan jedhan gabaafaman.
Mudannoo san…
Yeroo dorgommiin olompiikii taasifame sanitti lammiileen Itoophiyaa muraasni magaalaa Room jiraatu ture.
Isaanis hordoftoota amantaa Kaatolikii kan turan yoo ta’u, barnoota amantichaa akka barataniif kan garas ergamaniidha.
Bara 1960’tti haati takka hojiidhaaf Asmaraarraa gara Room imalanii turan. Haati Aadde Saaraa Salbaa jedhaman “fuula gurraachootaa osoo hin argin jiraadha; Asmaraan itti dhaladhee guddadhes yaadaan na keessa deddeebiti ture.
Darbee darbee baratoonni barnoota amantiif dhufan kophummaa kiyya hubatanii dhufanii na gaafatu ture,” jedhanii itti himanii turuusaanii mucaansaanii ni yaadata.
Aadde Saaraan Abbaba Biqilaa dorgommicha yeroo injifatu tv’n ilaalaniiru. Warroonni adii isaan waliin turan “mucaan biyya keetii injifate” jedhaa iyyaa akka turan ni yaadatu.
Ta’us garuu Aadde Saaraan isaan waliin gammaduurra booyicha filatan. Sababni booyichasaanii kan ture ammoo miila duwwaa fiiguu Abbabaati.
Shaambal Abbabaa fi leenjisaasaa Onii Niskaanan
![Lammii Swidiin ka tahe Onii Niskaanaan [1910-1984]](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/161B1/production/_115054509_da70322e-a911-40ec-85cd-2ffcc7a63e2a.jpg.webp)
Madda suuraa, Getty Images
Abbabaa Biqilaa Hagayya 30 bara 1925 bulchiinsa Shawaa kutaa biyyaa Dabir Birhaanitti abbaasaa Obbo Biqilaa Damissee fi haadhasaa Aadde Wuddinesh Manbaruurraa dhalate.
Abbabaan dargagummaasaa tiksee ta’uudhaan maatiisaa gargaareera. Ganna 12’ttis barnoota lubummaa xumureera. Umurii ijoollummaasaatti taphataa beekamaa tapha qillee akka ture ni himamaafi.
Bara 1944’tti gara Finfinnee deemuun Kibur Zabanyaa keessatti loltummaan qacaramee tapha qillee fi ispoortiitiin muuxannoo argachaa ture.
Lammii Siwiidin Onii Niskaanan [1910-1984] Kibur Zabanyaa keessatti leenjisaa ispoortii ture.
Miseensota kutaa ispoortii keessaa muxannoon Abbabaa lamaanii qalbiisaa hatee akka ture yaadannoon dhiisee deeme ni mul’isa.
Abbabaa Biqilaa atileetiksiitti kan makame yeroo ganna 24 turetti. Onii Niskaanan osoo Abbabaan akka atileetiksitti seenuuf dhiibuunii baatee, atileetii ta’uu dhabuu akka danda’u dubbata. Abbabaan kubbaa kachoo fi miilaa taphachuu ni jaallata ture.
Leenjisaan Onii Niskaanan Abbabaan dorgommii fiigichaarratti akka hirmaatuuf ni jajjabeessaan ture. Haalli fiigichasaa fi ofitti amanamummaasaa jaalata waan tureef, dorgommii Kibur Zabanyaa keessatti yeroo hirmaatu qabxii gaarii fiduu jalqabe.
Onii Niskaanan muxannoo fiigichaa Abbabaa Biqilaa fi Abbabaa Waaqjiraa ilaalee Olimpiikii Roomitti taasifamerratti akka hirmaataniif isaan qopheesse.
Abbabaa Waaqjiraan Abbabaa Biqilaa ganna 10’n kan caaluun yoo ta’u, olimpiikii Room irratti akka Abbabaa Biqilaa miila duwwaa fiiguun torbaaffaa bahuusaa galmeen seenaa ni hima.
Abbabaan lamaan maaliif miila duwwaa fiigan
Olompiikii Room irratti Abbabaa Biqilaa maaliif miila duwwaa akka fiige yaadonni adda addaa kennamaa turan.
Galmeen hedduun kopheen Abbabaaf ta’u dhabamuusaa; yaales kopheen waan itti dhiphateef miila duwwaa fiiguuf filachuusaa barreessaniiru.
Galmeen kunneen Abbabaa Waaqjiraa maaliif miila duwwaa akka fiige wanti isaan galmeessan tokkollee hin jiru.
Ta’us garuu Onii Niskaanan Abbabaa fa’a qabee erga gara Room imalee booda leenjii taasisu ture.
Leenjischis kophee fi miila duwwaan taasifama ture. Onii Niskaanan yeroo leenjichaatti waan tokko hubate. Atileetonni lamaan miila duwwaa fiiganii saffisa fooyyee qabu galmeessisanii turan.
Abbabaa Biqilaa kophee godhatee yeroo fiigu daqiiqaa tokkotti tarkaanfii 5-6 akka harkifatu leenjisaansaa Onii Niskaanan mirkaneessaniiru.
Dorgommicha booda Onii Niskaanan barreeffamoonni barraa’an dhugaarraa kan fagaatan ta’uusaa dubbatee ture.
Yaadonni ‘kophee akka hin qabnee fi kopheen bitameefis waan itti dhiphateef’ jedhan dhugaa miti jedheera Onii Niskaanan.
Oniin akka jedhutti atileetonni lamaan kunneen Room deemuusaanii dura waa’ee dorgommichaa odeeffannoon gahaan kennameefii ture.
Atileetonni saffisa gaarii qaban eenyu fa’a kan jedhu, lakkoofsa dorgommiisaanii wajjin haalan itti himamee ture.
Atileetota isaan waliin dorgoman keessaa atileetiin lammii Morookoo Radii bin Abdulsalaam isa tokko. Abbabaan faati waa’eesaa odeeffannoo qabaatanis lakkoofsa jijjiirachuusaa garuu hin beekne ture.
Radiin lakkoofsi dorgommiin dura isaa kenname waan hin argamneef lakkoofsi haaraa kennameefi ture.
Abbabaan faati Radiidhaaf lakkoofsi haaraa kennamuusaa quba hin qaban. Abbabaan atileetota biroo fageenya guddaan dhiiseen yeroo fiigutti Radiin garuu fageenya dhihootti isa hordofa ture.
Yeroos Morookoon atileetota sadi hirmaachistee waan turteef; Abbabaan sadan keessaa tokko ta’uu mala jechuun hamma siidaa Aksuum Roomitti argamu gahuuf hamma sana itti hin yaadofne ture.
Abbabaan wantoota leenjisaasaarraa itti himame keessaa tokko yeroo siidaa Aksuum bira gahu saffisasaa akka dabaluuf ture.
Innis dorgommichi xumuramuuf yeroo km2 isa hafu siidaa Aksuum biratti saffisasaa dabale.
Abbabaan yeroo sanitti yeroo muraasaafillee ta’uu hin qalbeeffanne turee carraa Radiin injifatamusaa akka ture ni himama.
Akka ibsa leenjisaasaa Onii Niskaananitti osoo km40 namni waliin fiige Radii ta’uusaa beekee, osoo dursee fiiguun sa’aatii galmeesse caalaa rikordii fooyyee qabu galmeessisuu danda’a ture jedha.
Abbabaan dorgommii Jappaan Tookiyootti taasifamerratti rikordii mataasaa fooyyessuun injifateera.
Dorgommicha dura ji’a tokko dursee yaala baqaqsanii yaaluu taasisus, dorgommicha gahumsa gaariin xumureera.
Bara 1968’tti yeroo ganna 36 turetti dorgommii olompiikii yeroo sadaffaaffa hirmaatus, miidhaa irra gaheen osoo hin xumurin baheera; dorgommichi garuu injifannoo atileetii Itoophiyaa biraa Maammoo Woldeetiin xumurameera.
Atileeti Abbabaa Biqilaa balaa konkolaataa irra gaheen ganna 41’tti addunyaa kanarraa du’aan boqoteera.
















