Atileet Shuraa Qixxaataa: 'Doktora ta'uf malee atileetii ta'uf hawwee hin beeku ture'

Atileet Shuraa Qixxaataa maaraatoonii Landan 2020 yeroo irra - aanu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Shuraa Qixxaataa maaraatoonii Landan 2020 yeroo irra - aanu

Atileetii yeroo jalqabaaf sa'aatii lamaa gadi xumure Eliwud Kipchooge injifachuuf maaltu barbaachisa?

Shaakala cimaa akkasumas kennaa jechuu dandeessu. Shaampiyoonaan maaraatoonii Landan Shuraa Qixxaataa garuu ciree gaarii jedha.

Dorgommii waggaa darbe irratti afraffaa bahuun yeroo xumure Shuraan kuduraa qofan nyaadhe, garaachi dugdatti na maxxanee ture jechuun barreesse.

Barana garuu dogongora isaarraa bare of gahee nyaate.

''Hunduman nyaadhe,'' jechuun BBC Ispoortii Afrikaatti hime.

''Mooqa, daabboo, hanqaaquu akkasumas itittuu - wanta humna naaf ta'u hunda nyaadhe. Kanaanis, injifachuu danda'e.''

Maaraatoonii dhiiraan abbaan rikardii addunyaafi shaampiyoonni Olompikii Kipchoogeen erga bara 2014 as dorgommicha olaantummaan to'ateera.

Barana yoo injifate yeroo shanaffaaf ta'uu danda'a ture. Ta'us, dorgommicha 8ffaa ta'e akka xumureen rakkoon gurraa akka isa qunname ibse.

Qilleensa cimaa

Fiigicha fageenya dheeraaf haalli qilleensa qorraafi jiidhina qabu mijataa miti. Yeroon Shuraan dorgmmicha xumures, 2:05:41, kanuma agarsiisa.

Ta'us, Itoophiyaa yeroo turees qilleensa walfakkaataa keessa leenji'u isaa himuun, haalli qilleensaa kuni akka isaaf mijate dubbata Shuraan.

Ji'a shaniif leenjisaa isaa waliin dalagu kan himu Shuraan shaakala cimaa taasisu isaan injifachuu isaa BBC'tti himeera.

Erga bara 2013 maaraatoonii Landan atileetiin Itoophiyaa yoo injifatu kan duraati.

Dorgommicharratti kan eegame ture Qananiisaa Baqqalaafi Eliwud Kipchoogee turan.

Ta'us, Qananiisaan dorgommiin taasifamuf guyyaan lama yeroo hafu miidhamaan hirmaachuu akka hin dandeenye ibse.

''Sababa kanaaf, shaampiyoonaan biraallee akka jiru addunyaatti mul'isuu yaadee ofitti dubbadhe. Kanattis, hanga xumuraatti ofitti amanamummaan fiigee injifadhe,'' jechuun hima.

Maaraatoonii Landan Kipchoogeen ni injifata jedhamee eegamee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Maaraatoonii Landan Kipchoogeen ni injifata jedhamee eegamee ture

Shuraan bara 2018 achuma Landanitti dorgomee lammaffaa bahun ni yaadatama. Baruma sana maaraatoonii Niw Yoork lammaffaa ta'un xumure.

Ofitti amanamummaa qaba

Kanneen atileet Shuraatti dhihaatan amala callisuu qaba, garuu atileetii ofitti amanamummaa qabudha jedhu.

Bakka bu'aan isaa Huseen Makke akka jedhutti, nama maatii isaa jaalatuufi nama hojii isaa qalbiin hojjetu ta'us, wanti guddaa ani irratti arge ofitti amanamummaa isaati jedha.

Landanitti akka injifatu kan isa gargaarees kana jechuun ibsa.

Leenjistoota Shuraan yeroo gabaabaa keessatti sadarkaa guddaa akka gahu taasisan keessaa inni ijoon Haji Adiloodha.

Waggoota shan darbanif kan isa leenjisan Haji Adiloon, sababa dorgommii dura koronaavaayirasiin qabamaniif yeroo Shuraan Landanitti inijfate achitti argamuu hin dandeenye.

Doktora ta'u barbaada ture

Ilma qonnaan bulaa ijoollee torba qaban keessa kan dhalate Shuraan, atileetii ta'uf yaada hin qabu ture.

''Barumsa nan jaalla. Doktora yookiin balaliisaa ta'un fedha ture. Garuu, maatii hiyyeessa keessaa waaniin dhaladheef maatii gargaaruuf qonnatti deebi'uf dirqame,'' jedha.

Waan ijoollummaatti kaayyeffate ta'uu dhabus, amma bakka guddaa gaheera.

''Takkaa guyyaa tokko beekamaa ta'ee addunyaarra naanna'a jedhee yaadee hin beeku. Ergan injifadhee booda yeroo jalqabaaf ministirri muummee waa'eekoo barreessan.

''Sababa atileetiksiin jireenya jiraadha jedhee hin abjonne jiraachaan jira,'' jechuun hima.

Kaayyoon isaa itti aanus dorgommii maaraatoonii irra aanee, turtii waggoota 20 booda warqii biyyattiif fiduudha.

''Meedaaliyaa warqii biyyaafi ijoollee kiyyaaf fidee yaadannoof ol kaa'uun yaada. Ijoolleen koo gaafa tokko abbaankoo atileetii warqii Olimpikii gubbaa argatedha jedhu,'' jechuun ibse.