Atileetiin Itoophiyaa Shuraa Qixxaataa osoo eenyuyyu hin eegiin Maraatoonii Landan injifachuun hedduu ajaa'ibsiise

Atileet Shuraa Qixxaataa

Madda suuraa, Getty Images

Atileetiin Itoophiyaa Shuraa Qixxaataa maraatoonii Landan irratti injifannoo argateera. Atileetii Keeniyaa Eliyud Kipchoogee caaluun sadarkaa 1ffaan yoo xumuru Kipchoogeen 8ffaan xumure.

Eliyud kipchogeen dorgommii kana mo’achuu hin dandeenye. Kipchogeen haalaan eegamaa turus sadarkaa 8ffaan xumure.

Shuraa Qixxaataa dorgommicha sa’a 2:05:41 galuun 1ffaan xumure. Lammiin keeniyaa Vinsent Kipchumba 2ffaa yoo bahu, Siisay Lammaa 3ffaa baheera.

Kipchoge dorgoma jedhamee kan eegamaa ture Mosinet Geremew dorgommicha sadarkaa 4ffaan xumure.

Waasihun Mulee 5ffaa, Tolaa Taammiraat 6ffaan yoo xumuran atileetotni Itoophiyaa dorgommii kanaan milkaa’aniiru.

Shuraa Qixxaataa akkan dorgommicha mo’adhuuf Qananiisaan na gargaarera jedhe. Haala akkamiin akkan fiiguu qabu isatu na gorsaa ture jedhe.

Shuraan dorgommicha mo’achuu isaaf akka hedduu gammades himeera.

Atileetiin Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaa miidha isa mudateen Jimaata darbe ture akka dorgomuu hin dandeenye kan ibse.

Dorgommiichi Qananiisaa fi Kipchoogee gidduutti taasifama jedhames haalaan eegamee ture.

Atileetotni lamaanuu dorgommichaan saffisa guddaa addunyarratti kan galmeessan yoo tahu Qananiisaan bara darbe Berlinitti sekendii lamaaf qofa ture rikardii cabsuu irraa kan hanqate.

Haalli qilleensaa Landan ammaa roobaa fi qilleensa ciidha hamaan kan guutamedha.

Shuraa Qixxaataa

Madda suuraa, Reuters

Dorgomtoota Maraatooniif rakkisaa tahuu akka hin hafne miidiyaaleen UK gabaasa turan.

Dorgommii Maraatoonii dubartotaa Landan Virjin Manii Landan kanaan atileetiin Keeniyaa rikardii harkaa qabdi Birigid Kosgi 1ffaan yoo xumurtu, atileetiin US, Saaraa Haal ammo 2ffaan xumurte.

Atileetiin Keeniyaa biraan Ruut Chpinigetich sadarkaa 3ffaan xumurte.

Atileetotni Itoophiyaa Asheetee Bakaree fi Magartu Alemu sadarkaa 4ffaa fi 5ffaa qabachuun dorgommicha xumuran.