Qananiisaa Baqqalaan dorgommii maaraatoonii Dilbataarratti hin hirmaatu

Qananiisaa Baqqala

Madda suuraa, Getty Images

Atileeti Qanaaniisaa Baqqalaa fiigicha maaraatooniirratti saffisaan sadarkaa lammaffaarratti argamu yoo ta’u, sababa miidhaa miilaasaarra gaheen dorgommii maaraatoonii Dilbataarratti hin hirmaatu.

Atileetiin kunis erga Fulbaana bara 2019 Jarman Barliinitti fiigee dorgommicha mo’atee as fiigichi Dilbata dhufuu kun isa jalqabaati ture.

Innis dorgommii bara 2019 ji’a Fulbaanarratti taasifameen sa’aatii 2:01:41 ture dorgommicha kan mo’ate.

Inni akkas jedheera: “Fiigicha Dilbataarratti hin hirmaadhu, baay’ee gaddeera.''

“Uggura Covid-19 waliin qophii jabaa taasisuun ni ulfaata ture. Haala gaarii keessa ture ta’us garuu leenjii torbee lamaan walitti aansee taasisaa turee dhukkubbiin miila kiyya bitaarratti na mudateera.

Erga guyyaasaaniitii guyyaa guyyaadhaan yaala argachaa ture akkasumas fiigicha Dilbataaf ni dhqqaba jedhee yaada ture, har’a garuu natti hammaate, kanaaf dorgommicharratti hin hirmaadhu.”

Dorgommiin kun anaaf baay’ee murteessaa ture. Sa’aatii fiigicha Barliin irratti galmeessise ofitti amanamummaa fi kaka’uumsa guddaa naa kennee ture anis dorgommii kanarratti hirmaachuuf abdii eeggachaa ture, dorgommichaaf cimee hojjachaa ture jedha Qananiisaa Baqqalaan.

“Guutuu addunyaarratti namoonni baay’een dorgommii kanaaf na eegaa turan, kunis deeggartoota kiyya, qopheessitoota dorgommichaa akkasumas atileetota ana waliin dorgomuuf ta’an dallansiisuu kiyyaaf dhiifama gaafachuu barbaada.

Bayyanachuuf yeroo fudhadhee erga bayyanadhe booda waggaa itti aanuu Landanitti wal argina jedhee abdii qaba.