Atileet Shuraa Qixxaataa: 'Gorsi Qananiisaa dorgommicha akkan injifadhuuf na gargaareera'

Madda suuraa, Getty Images
Dorgommii maaraatoonii waggaa waggaan si'aayinaan eegamu Landan Maaraatoon irra aanuun mirgaan kan gale atileet Shuraa Qixxaataa, gorsi atileet Qananiisaa Baqqalaa akka isa fayyade BBCtti hime.
Fiigicha kanarratti morkiin atileetoota Keeniyaafi Itoophiyaa rikardii dorgommichaa qaban Eliwuud Kipchoogeefi Qananiisaa Baqqalaa haalaan eegamaa turan.
Ta’us Qananiisaan dorgommicharratti miidhamaan hirmaachuu akka dadhabe dorgommichaaf guyyoonni muraasni wayita hafetti beeksisuun namoota hedduu rifaasisees ture.
Sana booda dorgommiicharratti atileetiin Keeniyaa rikardii addunyaa qabate Kipchoogeen akka injifatu tilmaamni guddaan kennameefi ture.
Wayita dorgommichi xumuramu garuu ga’umsa olaanaan kan xumure atileetii Itoophiyaa umuriin isaa ganna 24 Shuraa Qixxaataa Tolaa ture.
Shuraan dorgommicha sa’a 2:05:41 fiiguun 1ffaan xumure, Atileetiin Keeniyaa eegamaa ture garuu saddeettaffaa bahuun dorgommicha xumure.
Dorgommii Figiicha maaratoonii Landan bara 2020 kan injifate atileet Shuraa Qixxaataa dorgommicha ilaalchisuun turtii addatti BBC wajjin taasiseen ''nan injifadha jedhee itti qopha’aan ture,'' jedheera.
''Dorgommicha %80 akkan injifadhuttin itti qophaa’e, shaakalas sirriitti hojjadheen dhaqe, haala gaarii irran ture. Dorgommicha injifachuun gammachuufi hamilee guddaa natti horeera,‘’ jedhee ibse.
Ta’uus, dorgommicharratti haallii qilleensa mijataan akka hin turree fi atileetoonni ciccimoon akka turan Shuraan dubbateera.
'Badhaasni kan duriirraa hir'ateera'
Dorgommichaa injifachuusaatiin badhaasa maallaqaa, doolara Ameerikaa 30,000 akka argatuufi badhaasota biroos akka qabu kan dubbatu atileetiin kun, ''Badhaasni kennamu kan duriirraa hir’achuu,'' himeera.
Dorgommii maaratooni atileetonni Keeniyaa olaantummaa irratti qabaachaa turan kana injifachuun, gareen Itoophiyaa si’achi olaantummaa akka fudhatu gargaaraa jedhe amana Shuraan.
Kanaan dura dorgommii maraatoonii irratti wayita hirmaataa ture sadarkaa qabatee injifachuun atileetii beekamu ture. Dogommii kanarratti garuu tilmaamni guddaan hin kennamneef ture.
‘Qananiisaan na gorse’

Madda suuraa, Reuters
Dorgommii Dilbataarratti gorsi atileetii gameessaa Qananiisaa Baqqalaa akka isa fayyade dubbata.
Shuraan Qananiisaa wajjiin dorgommii kanaaf qopha’aa akka turaniifi dorgommicharra miidhamee hafuu hordofee, fiigicha dursee Qananiisaan gorsa akka laateef dubbateera.
"Ganamaan baatee dorgommicha dursuu hin eegaliin, of eeggataa deemi. Fuulduratti baatee qilleensa of hin rukuchiisiin, bishaan biraan hin darbiin fudhadhu, yeroo bishaan fudhatan akka sitti hin buune irraa fagaadhu," jedheetu na gorse jedha.
"Wayita hirmaattoonni dorgommichaa bishaan dhugan fudhatan akka tasaa akka nan xaxne irraa hiiqaan ture, fageenya kiloomeetira Qananiisaan irratti bahi deemi naan jedhe eeggadheen fiigee injifadhe," jedhe.
Dorgommicha gara xumuraarratti Kipchogeen 'gurri na dhaga’uu didee’ jedhee kan inni toora Feesbuukiirratti barreesse ilaalchisees, tarii roobniifi bubbeen waan tureef gurrasaa hubuu malaa jedhee akka yaaduu Shuraan ibseera.
Kana malee, toora Feesbuukii Kibchoogee jalatti namoonni akka waan Shuraan qeeqa toora Feesbuukii Kipchoogee jalatti barreesseetti miidiyaa hawaasarratti qoodamaa ture garuu akka inni hin barreessine dubbateera.
Meeshaa waliirraa akka hiiqaniif isaan gargaaruu mormatti keewwatanii akka dorgommicharratti fiigaa akka turanillee itti dabalee kaaseera.
Dorgommii dura
Atileet Qananiisaa wajjiin shaakalaa akka turan kaasuun, garee atileetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatan kanneen biroo wajjiin sababa koronaavaayirasiin akka addaan bittimanii turaniifi dorgommichumatti wal arganillee dubbate.
Ta’us dorgommicha dura, ''akkatti wal gargaarree fiignu, akkatti mo’annu waliin haasofneerra,'' jedhe.
Dorgommicha booda namoonni akkamitti injifachuu dandeesse? jedhanii akka isa gaafatan, haalli qilleensaa akkam akka turellee gaafataa akka turan Shuraan kaaseera.
Atileetiin Itoophiyaa biroo Sisaay Lammaa dorgommii kanarratti atileetii Keeniyaa Vinsent Kipchumbaatti aanuun sadaffaa bahuun injifateera.
Kipchooge dorgoma jedhamee kan eegamaa ture Mosineet Garramaw dorgommicha sadarkaa 4ffaan xumure.
Leenjistoonni maal jedhu?
Leenjisaan atileetii Sisaay kan ta’an Obbo Gammadoo Daddafoo weerara koronaavaayirasii keessatti lammiin Itoophiyaa ga’umsaan injifachuutti gammaduullee dubbatan.
Shuraan injifachuusaatti hedduu gammaduu ibsaniiru.
Leenjisaan Shuraafi Qananiisaa Haji Adiloon garuuu Covid-19 qabamuun gara Landanitti otoo hin imalin hafuun isaaniis himameera.















