Lattasanbat Giday 10,000m’n shaampiyoonaa addunyaa taate

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Lattasanbat Giday dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Ameerikaa Oregonitti gaggeeffamaa jiru irratti fiigicha fageenya meetira 10,000'tiin injifatte.
Dorgommii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa yeroo 18ffaaf tibbana USAtti gaggeeffame kanaan daqiiqaa 30.09.94'tiin xumuruun medaaliyaa Warqee Itoophiyaaf argamsiifteetti.
Lattasanbat atileetota Keeniyaa ciccimoo Helen Obirii fi Margaareet Cheliimoo Kipkembo’iin of duubaan lamaffafi sadaffaatti hambistee galte.
Dogommii fageenya meetira 10,000 kanaan dhalattuun Itoophiyaa lammii Neezerlaandis taate Siifan Hasan afraffaan xumurteetti.
Qabxiin kuni qabxii guddicha Lattasanbat waltajjii morkii idil-addunyaarratti maqaa isheetiin galmeessitedha.
Waggaa darbe Olompika irratti sadaffaa yoo baatu, bara 2019'ttimmoo shaampiyoonaa Dohaatti dorgomameen lammaffaan xumuruun ishee ni yaadatama.
Dorgommii Lattasanbat medaaliyaa warqee jalqabaa Itoophiyaaf argamsiifte kana irratti atileetonni Itoophiyaa biroo Ijigaayyoo Taayyeefi Boossennaa Mulaateen hirmaataniiru.
Injifannoon booda dubbii dubbatteen, "kana mo'achuun koo anaaf gammachuu guddaadha," jette Atileet Lattasanbat.
Atileet Ijigaayyoo Taayyee 6ffaa, Atileet Boossennaa Mulaateen ammoo 8ffaa bahuun xumuran.
Dorgommii fageenya 10,000m dubartootaa kanarratti morkii cimaatu ture. Lattasanbat cimina addaa agarsiisuun saffisa dabaluun shaampiyoonaa taate.
Atileet Lattasanbat Giday fiigicha walakkaa maaraatoonii Onkoloolessa bara 2021 Vaalensiyaa, Ispeenitti fiigdeenis rikardii addunyaa galmeessite.
Lattasanbat riikardii addunyaa walakkaa maraatoonii kana atileetii Keeniyaa Ruut Chepgetichiin galmaa'e daqiiqaa tokko oliin fooyyessuun 1:02:52'tti xumuruun harka galfatte.
Dorgommicha Shaampiyoonaa atileetiksii Addunyaa 18ffaa kanarrattti , Ityoophiyaan dhiiraa 21 fi dubartootaa 19 waliigalaan atileetota 40’n hirmaachaa jirti.
Atileetonni kunneen fiigicha gufachiisaa meetira 800, 1500, 3000’n akkasumas fiigichaa meetira kuma 5 fi kuma 10 akkasumas maaraatooniin akka hirmaatan eerameera.












