Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii: Itoophiyaan medaaliyaa shanaffaa argatte

Atileet Zarfee Wandimmaagany 3000m gufachiisaan lammaffaa bahuun meetii argatte

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC

Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadii irratti atileetiksiitiin medaaliyaa shanaffaa argatte.

Fiigicha 3000m gufachiisaan gaafa Jimaataa kan hirmaatte Zarfee Wandimmaagany atileetii Keeniyaa Jaakiliin Chepkowechitti aanuun lammaffaa xumurtee meetii argatte.

Atileetiin Keeniyaa biroo Feeyiz Cherotich immoo sadaffaa atileetiin Itoophiyaa biroo Immabeet Kabbadaa immoo afraffaa baate.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa umrii 20 gadi Roobii eegalee biyya ollaa Itoophiyaa Keeniyaatti adeemsifamaa jira.

Dorgommii guyyaa sadaffaa isaa qabateen Itoophiyaan warqii tokko, meetii sadiifi maaldaa yookiin nahaasa tokko argatteetti.

Gabatee medaaliyaa shaampiyoonichaa Keeniyaan warqii 3, meetii 1 fi nahaasa 2 argachuun dursaa jirti.

Itoophiyaan warqii lamaafi meetii tokko kan qabdu Finlaanditti aantee medaaliyaa shaniin sadarkaa sadaffaarra jirti.

Qabxiin galmaa’e

Dorgommii 3000m gaafa Roobii dorgomameen atileet Taaddasaa Warquufi Alu Abdulmannaan atileetii Ertiraa Habtom Saamu’el of duuba aansuun warqiifi meetii argamsiisan.

Gaafa guyyaa lammataa, Kamisa, immoo atileetiin 3000m’n warqii argate Taaddasaan 5000m’n dorgomee lammaffaa bahuun ofiifis biyyaafis medaaliyaa lammataa argate. Addis Yihuneen immoo 4ffaa bahe.

Gama kaaniin immoo fiigicha 3000m dubartootaan immoo Malkinaat Wudduu isheef yeroo saffisaa kan ta'e galmeessuun sadaffaa baate nahaasa argatte.

Dorgommii 5000m dhiiraafi 3000m dubartootaa lamaanuu kan injifatan atileetota Keeniyaati.

Atileetiin medaaliyaa warqii argate maal jedhe?

Dorgommii warqii itti argate booda BBC’n kan isa dubbise atileet Taaddasaa Warquun guddaa gammadu hime.

Atileet Taaddasaa Warquu Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii irratti medaaliyaa lama argate

Madda suuraa, Peter Njoroge/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Taaddasaa Warquu Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa ganna 20 gadii irratti medaaliyaa lama argate

‘’Dorgommiin waggaa 20 gadii kuni ka’umsa waan ta’efi dorgomees warqii waan fideef baay’ee gammadeera,’’ jechuun dorgommii fuul duraaf akka isa kakaasu hime.

‘’Kana dura kanneen akka Salamoon Baaraggaafi Muktaar Idiriis fa’i dorgommii kana irratti medaaliyaa argatanii turan.

''Anis isaan fakkeenya godhadhee Shaampiyoonaa addunyaafi olompikii dhufuu irratti cimee hojjedhee nan hirmaadha jedhee nan yaada.''

Guyyaa bori dorgommii 1500m dhiiraafi 800m dubartootaa akkasumas adeemsa miilaa 10,000m dubartootaa atileetin Itoophiyaa irratti hirmaattu ni gaggeeffama.

Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa gaafa Dilbataa xumurama.