Olompikii Tookiyoo: Dhimmoota ijoo torba qabxii atileetiksii Itoophiyaa badeef ogeeyyiin akeekan

Atileetin tokkichi olompikii Tokiyootti faarun biyyaalessaa Itoophiyaa akka faarfamu taasise atileeti 10,000m'n warqii argamsiise Solomoon Baaraggaadha

Madda suuraa, INA FASSBENDER

Ibsa waa'ee suuraa, Atileetin tokkichi olompikii Tokiyootti faarun biyyaalessaa Itoophiyaa akka faarfamu taasise atileeti 10,000m'n warqii argamsiise Solomoon Baaraggaadha
    • Barreessaa, Ameyu Etana
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo, Nairobi

Gareen Itoophiyaa Olompikii Tookiyoo sababa koronaavaayirasiin waggaa tokko harkifatee dorgomame irratti gosa ispoortii afuriin hirmaatee medaaliyaa afur argachuun guyyaa Kamisaa biyyatti deebi'eera.

Itoophiyaan walumaagala medaaliyaa afuriin addunyaarraa 56ffaa atileetiksiin immoo 14ffaa ta'un xumurte. Biyyoonni Baha Afrikaa Keeniyaanis ta'u Yugaandaan Itoophiyaa caalaniiru.

Biyyattiin yeroo jalqabaaf tekuwaandoodhaan hirmaachuun akkasumas fiigicha gufachiisaa dhiiraan yeroo dheeraa booda medaaliyaa argachuun akka waan gaariitti ibsamuu danda'a.

Haa ta'u malee, qabxiin barana sanuu yeroo kamuu caalaa bajanni olaanaa ramadameefi qophii ji'oota saddeet booda galmaa'e garuu biyya hin gammachiisne.

Qabxiin Itoophiyaan Olompikii Tookiyoo irratti galmaa'e; warqii tokko, meetii tokko fi nahaasa [maaldaa] lama olompikii Baarselonaa bara 1992 booda qabxii gad - aanaa galmaa'edha.

Pirezidantiin Itoophiyaa alabaa biyyaa atileetotaaf kennanii ergan Saahilawarq Zawudee ''Olompikii Tookiyootti hirmaannaa Itoophiyaa ilaalchisee gabaasa akka eegan'' beeksisaniiru.

Sababni ijoo fiigichi sanuu kan biyyattii waggootaaf sadarkaa addunyaatti beeksise maaltu qunname? BBC'n dhimma kana ogeeyyii garaa garaa dubbiseera. Itti dhihaadhaa!

Presentational grey line

Waldhibdee Federeeshiniifi Koree Olompikii

Waggoota muraasa darbaniif Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaafi Koree Olompikii Itoophiyaa gidduu wal dhabdeen ture gara biyya alaattis ce'ee Tookiyoottis ijoo dubbii ta'eera.

Komiifi wal himannaan gaafuma guyyaa duraa sagantaa baniinsaa taphoota olompikii irratti Itoophiyaan namoota lama qofaan bakka buute eegale.

Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi atileetiin warqii Olompikii qabu Gazzaahany Abarraa ''gaafasumas warqii tokko dhabne'' jechuun ibsa.

Isa boodaafis qabxiiwwan badaniif ''rakkoon guddaa'' Koree Olompikii Itoophiyaati jechuun himata. Koreen Olompikii Itoophiyaa Dr Ashabbir W/Giyoorgisiin hoogganamu kana hin fudhatu.

Koreen kuni atileetota federeeshiniichi dorgommii taasise file dhiisuun ''ogummaa isaa malee'' kaan, kan hin hirmanne akkasumas duubarra xumuran dabalate hirmaachiisu hima Gazzaahany.

Sababni waldhibdee ijoo federeeshiniifi koree olompikii Itoophiyaa 'koreen daangaa hojii isaa darbuudha' jedha federeeshinichi

Madda suuraa, EOC/Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Sababni waldhibdee ijoo federeeshiniifi koree olompikii Itoophiyaa 'koreen daangaa hojii isaa darbuudha' jedha federeeshinichi

Ta'us, qorannoon gaggeeffame qaamni badii qabu itti - gaafatama akka fudhatu dhaama. Qabxiin kuni atileetii Itoophiyaa Olompikii gubbaa 10,000m'n meetii lama qabu Silashii Sihiinis mufachiiseera.

''Qabxiin galmaa'e kan baay'ee gaddisiisuufi mufachiisuudha'' kan jedhu Silashiin, ''sababni ijoo waliigaluu dhabuu federeeshiniifi koreen olompikiiti'' jechuun BBC'tti hime.

''Wanti hunduu furamuu kan danda'u dhaabbileen lamaan waliigalanii yoo hojjetanidha'' kan jedhu Silashiin kana dura olompikii irratti yeroo waldhaban ''argees dhagahees hin beeku.''

Leenjisaa fiigicha dheeraa Mohaammad Hebboof garuu waldhibdeen qaamota lamaanii dorgommii 5000m dhiiraafi 10,000m'n dubaraan alatti ''rakkoo baay'ee olaanaa hin geessisne.''

Waldhibdeen dhaabbilee lamaa osoo beekamu osoo hin furamiin turuu isaaf Gazzaahanyifii Silashiin mootummaa komatu.

''Himannaa nuti kanaan dura himachaa turre namni nu dhagahees hinjiru,'' jechuun kana dura qaamolee mootummaatti himanis furmaata dhabuu dubbata Gazzaahany.

Itti gaafatamni federeeshiniifi koree olompikii adda bahee seeronni biyyaafi idil - addunyaa osoo jiru kuni mduatuun isaanii qeeqameera.

''Seeronni suni hojiirra ooluu isaanii qaamni mootummaa hordofuu qaba ture'' jechuun Silashiin rakkoon ijoo qaama mootummaa ispoortii hordofu bira jira jechuun akeeka.

Fayyaa sammuu

Atileetiin tokko qaamaan qofa osoo hin taane xiinsammuunis ga'umsa cimaa qabaachuu qaba. Keessumaa waltajjiin ispoortii guddichi olompikiin xiyyeeffannoo addaa fedha.

Atileetiin cimtuu Ameerikaa jimnaastikiidhaan warqii olompikii danuu argatteefi Tookiyootti dorgommiiwwan kan dhiifte dhimmi fayyaa sammuu ijoo dubbii akka ta'u gooteetti.

Waldhibdee qaamolee lamaaniin filannoo atileetotaa irratti walii galtee dhibuun mul'ateera. Kunis, xiinsammuun atileetota miidheera.

Atileetiin 3000m gufachiisaan yeroo dheeraaf qophaa'aa ture H/Maariyaam Amaara maatiitti nagaa dhaamee manaa bahuus sa'aatii xumuraarratti tasa buufata xiyyaaraa Booleetti akka deebifamu ta'e.

Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa leenjisaa intarnaashinaalaa Baamlaak Tasammaa Olompikii Tookiyootti taphoota shan taphachiisaniif simannaa ho'aa taasiseera

Madda suuraa, JONATHAN NACKSTRAND

Ibsa waa'ee suuraa, Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa leenjisaa intarnaashinaalaa Baamlaak Tasammaa Olompikii Tookiyootti taphoota shan taphachiisaniif simannaa ho'aa taasiseera

Taaten akkanaa Koree Olompikiin raawwatame atileeticha akka miidhe himeera.

''Olompikiin [koree] ogummaa isaa malee atileetota tokko tokko keessaa baasee, kan shanaffaa bahan fuudhee deemee hoteela teechisee ijoolleen xiinsammuu miidhamtee jirti,'' jechuun Gazzahany hima.

''Lamaan isaanii waliigaluu dhabuun ijoollee jeeqeera jedheen yaada'' kan jedhu Silashiin gama isaatiin akka atileetii olompikii gubbaa dorgometti wanti kuni hangam akka miidhu dubbata.

''Akkamitti hin ulfaatu? Baay'ee ulfaata malee. Nan hirmaadha hin hirmaadhu yaaddamoo waa'ee dorgommii yaadda. Atileetonni ba'aa lama baatan. Dhiibbaan isaa guddaadha.''

Atileetin Olompikii Tookiyoorratti warqii takktti biyyi argatte kan argamsiise Solomoon Baaraggaa erga biyyatti deebi'ee dubbii dubbatees rakkoo cimaa keessa akka turan kan akeekudha.

''Atileetonni waan xinnoon jeeqamu, boqonnaa dhabuun jira. Keessumaa 5000m irratti hanga dhumaa eenyu akka fiigu hin beekamu ture. Kuni kuni dhiibbaa nurratti umeera jedheen yaada,'' jechuun ETV'f dubbate.

Rakkoo bulchiinsaafi filannoo

Waldorgommii idil - addunyaa qoqophaa'u irratti kanneen dhimmi isaanii isaan ilaallatun alatti hogganoonni garagaraa deemuun komii yeroo dheeraaf turedha.

Olompikii baranaa irrattis kuni mudateera. Ispoortii biyyaa itti dhiheenyaan kan hordofu gaazexeessaan FBC duraanii fi yeroo ammaa Ameerikaa jiru Taammiruu Alamuu

''Inni ijoo rakkoo bulchinsaati. Gosa ispoortii afur hirmaanne hunda irratti rakkoo bulchiinsaa argeera.''

''Fakkenyaaf bishaan daakkiin namoota lama ergamanii garuu tokko qofatu dorgome. Salaam Ammahaan bishkilitii modeela bara 2015 sanuu kan kilaba ishee ta'en dorgomuun ishii namni ishee galagalee ilaale akka hin jirre agarsiisa.

''Tekuwaandoodhaan qabxiin gaarii jedhamu dippiloomaan argamuus leenjiftuufi dursituun garee taphicha ilaaluu [qaamaan] kan dhabde rakkoo bulchinsaani. Federeeshinii atileetiksittimmoo ni caala,'' jechuun hima.

Atileetin bishaan daakkiin ji'ootaaf Bishooftuufi Finfinneetti qophaa'aa turteefi olompikii Riyoottis hirmaatte Raahel Fissahaa, Tookiyoorraa hambifamu isheef koree olompikii himachuun BBC'tti himte.

Gareen olompikii Itoophiyaa yeroo Tookiyoodhaa biyya galu namoonni muraasni buufata xiyyaaraatti koree olompikii Itoophiyaa komiin irratti ka'aa ture mormeera

Madda suuraa, Ethio Runners/ Facebook

Ibsa waa'ee suuraa, Gareen olompikii Itoophiyaa yeroo Tookiyoodhaa biyya galu namoonni muraasni buufata xiyyaaraatti koree olompikii Itoophiyaa komiin irratti ka'aa ture mormeera

Keessumaa filannoo atileetotaa irratti wladhibdeen uumamuufi qaamoleen lamaan waliigalanii dalaguu dhabuun isaanii qabxiin wayyoo qabu akka hin galmoofne gochuu hima.

Filannoo atileetotaa irratti harki manaajarootaa dheerachuu kan komatanis jiru.

Kilaboonni laafuu

Gosa ispoortii kamuufu bu'uurri pirojektoota, kilabootaafi akkadaamiiwwan ispoortii dhaloota ijoollummaan qaraniifi leenjisanidha.

Sababoota garaa garaan garuu kilaboonni atileetiksii laaffachuu kanneen itti dhihoo jiran ni himu.

''Kilaboonni cimoo jiraachuu dhabuun isaanii dhiibbaa ni qaba,'' jechuun jireenyi cimuufi deeggarsi hanqachuu rakkoo akka uumuu malu amana Silashiin kan kana duraan walbiraa qabuun.

''Qabxiin amma argame kan hojii keenyaati jedhee kaniin yaadu'' kan jedhan leenjisaan Mohaammad immoo ''Invastimantiin atileetiksii xiqqaachaa'' deemuu himu.

''Waldorgommiin manneen barnootaafi godinaalee deebi'uu qaba. Pirojektiiwwaniifi giddugaleessotaaf xiyyeeffannon itti hojjetamuu qaba.''

Atileetota kilaboonni qopheessan keessumaa manaajaroonni qaxxaarumaan dorgommii galii itti argatan irratti akka bobba'an gochuu akkasumas yeroo malee maaraatoonii akka seenan gochuun komii biraa kaan duras dhihaatudha.

''Atileetonni guddachaa hin jirani. Osoo bakka hin gahiin karaatti citaa jiru'' kan jedhan leenjisaan kuni keessumaa kanaan naannoon Oromiyaa miidhamuu himu.

Saayinsii Ispoortii

Gosa atileetiksii garaagaraa irratti saffisni atileetotaa dabalaa jira. Kanaaf sababni ''warraaqsa saayinsii ispoortii'' ta'u eeru ogeeyyiin.

Kunis, leenjii saayinsiin dabaalame, soorata qorannoon taasifamu, kophee ammayyaa itti fiigan akkasumas deeggarsa teeknolojii garaagaraa akka fakkeenyaatti kaasu.

Deeggarsi saayinsii atileetota kanneen akka Iluud Kiphchogee, Moo Faarah akkasumas Siifan Hasan kennaan alatti ga'umsa cimaa akka horatan isaan taasisu xiinxaltoonni atileetiksii himu.

''Atileet Siifan medaaliyaa [kana] hunda yoo fiddu maallaqa dugda duuba kan jiru yoo ilaaltu gara biraatiin invastimantiidha'' jedhu leenjisaa Mohaammad.

Atileet Qananiisaa Baqqalaa maaraatooniin yeroo saffisaa addunyaa lammataa qabaatus gulaallii federeeshinichaa waan hin fiigneef osoo hin filatamaniin hafe

Madda suuraa, DANIEL LEAL-OLIVAS

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Qananiisaa Baqqalaa maaraatooniin yeroo saffisaa addunyaa lammataa qabaatus gulaallii federeeshinichaa waan hin fiigneef osoo hin filatamaniin hafe

Haa ta'u malee, saayinsiin kun hangam atileetiksii Itoophiyaa keessatti bal'inaan akka hojiirra oolu ifatti dubbachuun ni rakkisa.

''Osoo [saayinsii ammayyaa] jiraatee ijoolleen keenyas fayyadamanii baay'ee gaariidha,'' jedha Silashii Sihiin.

Qilleensa

Dhimmoota ijoo lama federeeshinii atleetiksii Itoophiyaa Tookiyootti yaaddesse keessa tokko qilleensa biyya Jappaanii ture.

Kanumaafis, atileetonni Finfinnee keessaa bahuun gama Awaashiifi bakkeewwan ho'i jirutti Komaandar Huseen Shiboo BBC'tti himaniiru.

Haa ta'u malee, gahaa hin turre jechuun qeequ leenjisaafi hoogganaa kilabii atileetiksi Korporeeshinii Korinistiraakshiniifi Injinaringii Oromiyaa kan ta'an Mohaammad Hebboo.

''Namni tokko jalqaba xiinsammuun isaa bilisa ta'uu qaba. Bakki itti qophaa'u qilleensa sanaan kan wal madaalu ta'u qaba. Acclimatization fi adaptation hin hojjetamne.''

Taammiruunis komii walfakkaataa qaba, Silashiin garuu kanaan wal hin galu. ''Waan qophaa'an natti fakkaata'' jechuun hima.

Olompikii Tookiyootti keessumaa maaraatoonii irratti korniyaa lamaan atileetotni shan dhiirota sadan seenaa Abbaba Biqilaa deebisuu yaadan dabalatee dorgommii hin xumurre.

Kanaaf sababoota eeraman keessaa tokko ho'a magaalaa Saapporooti. Walumaagala maaraatoonii Saapporoo dorgomameen atileetonni 30 dorgommicha hin xumurre.

Presentational grey line

Itoophiyaa Olompikii Tookiyootti:

Presentational grey line

Rakkinoota kaan

Qabxiin biyya tokko akka gaarii hin taanef sababoonni garaagaraa jiraachuu malu. Qorannoo bal'aas ni barbaadu.

Olompikii baranaa irratti atileetonni dhalattootaan Itoophiyaa garuu biyyoota kaanif fiigan cimanii mul'ataniiru.

Tookiyootti warqii lama kan argatte Siifan jalqabumaa Nezarlaanditti fiigicha eegaltus, 10,000m'n meetii kan argatte Qaalkidaan Gazzaahany garuu kanaan dura Itoophiyaaf medaaliyaas fiddee beekti.

Sababoota garaagaraan atileetonni biyya biraaf fiiguun ''biyya irratti miidhaa guddaa qaba'' jedhu leenjisaa Mohaammad.

''Atileetonni deemuun mataan isaa rakkoodha jedhee hin fudhadhu. Hedduminaafi qulqullinaan oomishuu dhabuutu rakkoodha.''

Dhalattoonni Itoophiyaa lammiilee Itoophiyaa waliin waltajjii idil-addunyaa irratti yoo dorgoman haaraa ta'u baatus kan biyya bakka bu'anirraa cimanii yoo mul'atan garuu kana dura hammana hin mul'atu ture.

Rakkoon biraa ''dhibeen koronaa kuni atileetota hedduu of irraanfachiisee jira,'' yaada jedhu kan qabu leenjisaan kuni. ''Waldorgommiin silaa atileetota haaraa itti argachuun itti danda'amu dhabame.''

Furmaata

Keessumaa olompikii Paaris bara 2024 dhufuuf rakkoon qaamolee lamaan gidduu yoo hin furamu ta'e badiin biraa dhalatuu mala.

Silashii Sihiin furmaanni haa dhufuuf federeeshiniifi koreen olompikii ''waliigaluun isaanii dirqama'' jechuun ibsa.

Qaamoleen lamaan akka waliigalan immoo ''Daangaa ittiin bulmaata isaanii darbuu akka dhiisan'' gochuun barbaachisaa ta'u kan eeran immoo Mohaammad Hebboodha.

Dabalataan, 'Maanaajaroonni seeraan akka bitaman barsiifamuu qaba.'