Olompikii Tookiyoo: Atileet Siifan Hasan 5000m'n medaaliyaa warqii injifatte

Madda suuraa, Getty Images
Atileetiin dhalootaan Itoophiyaa yeroo ammaa Nezerlaandiif fiigaa jirtu Siifan Hasan 5000m'n medaaliyaa warqii injifatte.
Dorgommii atileetonni Itoophiyaa eegaman irratti Gudaaf Tsaggaay sadaffaa bahuun maaldaa yoo argattu atileetiin Keeniyaa Heelan Obirii lammaffaa baate.
Atileet Siifan Olompikii baranaa irratti dorgommii sadii fiigaa kan jirtu yoo ta'u isaan keessaa tokko dorgommii har'a warqii itti goonfattedha. Medaaliyaan kuni isheef medaaliyaa olompikii jalqabaati.
''Buna malee gonkumaa shaampiyoonaa tahuu hin danda'u,'' Siifan Hasan. Siifan guyyoota saddet keessatti fageenya gidduugaleessaa fi dheeraan yeroo jaha fiiguuf jetti.
Siifan fiigicha gulaallii meetira 1,500 irratti har'a ganama yoo fiigdu kuftee ture. Yeroo sana sadarkaa 11ffaa irraa ka'uun 1ffaan xumurte.
''Amanuu hin dandeenye. Yeroon fiigaa ture waan ajaa'ibaa ture. Yeroon kufee utaalee ka'e aannisaa baay'ee akkan fayyadamaa jiru natti dhagahame. Miira miilla koo irraa natti dhagahamu amanuu hin dandeenye. Aannisaankoo waan dhumate natti fakkaatee ture,'' jette.
''Baay'ee dadhabeera. Buna malee tasuma shaampiyoonaa tahuu hin danda'u ture. Kaafeenii hundan barbaade.'' Siifan erga Olompikii Beejiingitti Xirunesh Dibaabaa meetira 5,000 fi 10,000 warqee injifattee dubartii lammaffaa fageenyichaan Olompikii tokko irratti injifatte tahuuf dorgomaa jirti.
Siifan erga 2000 Sidiniitti atileetiin Roomaaniyaa Gabri'eellaa Sbazo meetira 5,000niin warqee injifatteen as atileetii jalqabaa lammii Itoophiyaa ykn Keeniyaa hin taane fageenyichaan mo'atte taate.
Atileetiin Keeniyaa yeroo lama shaampiyoonaa turte Helen Obiirii, lammaffaa yoo baatu, daqiiqaa 14:38.36 galte.
Siifana Hasan walakkaa xumuraaf darbuuf fageenya meetira 1,500 Roobii kan dorgomtu yoo tahu, boqonnaa fudhachuuf yeroo gahaa waan qabdu miti.
Kana dura fageenya meetira 1500 fi 10,000 shaampiyoonaa dunyaa taatee kan ture yoo tahu meetira 5,000 fiigdees naasaa argatteetti.
Haa tahu malee, Siifan waggaa shan dura Olompikii Riyoo irratti hirmaattus medaaliyaa hin arganne ture. Olompikii kana irratti garuu 5000m'n ala 1500m fi 10,000m ni dorgomti.
Yaadni kuni kan dhufeef erga Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa bara 2019 Dohaa dorgomame irratti 1500m fi 10,000m warqii lama injifattee boodadha.
Atileet Heelan Obirii, ganna 31, barana yeroo sadaffaaf Olompikii dorgomte. Waggaa shan dura Olompikii Riyootti fageenyuma walfakkaataan lammaffaa bahuun xumurtee turte.
Dorgommii har'aa Tookiyootti fageenya meetira 5,000 gaggeeffame Gudaaf Tsegaayee daqiiqaa 14:38.87 galuun xumurte. Yeroo gaarii galmeessuun kan beekamtu Gudaaf dorgommii kana irratti morkattuu cimtuu turte.
![Atileet Gudaaf Tsaggaay 5000m dubartootaan medaaliyaa maaldaa [nahaasii] biyyaaf argamsiiste](https://ichef.bbci.co.uk/ace/ws/640/cpsprodpb/CF8B/production/_119713135_gettyimages-1331955874.jpg.webp)
Madda suuraa, Abbie Parr
Gama biraan atileetiin Itoophiyaa Lammeechaa Girmaa fiigicha gufachiisaa meetira 3000 Tookiyootti fiigameen lammaffaa bahuun seenaa hojjete.
Atileet Lammeechaa Girmaa Olompikii Tookiyootti adeemsifamaa jiruun 3000m gufachiisaa dhiiraan medaaliyaa meetii argate.
Atileetiin dorogommicha injifate atileetii Morookoo Soufiane El Bakkali jedhamu yoo ta'u kanneen durumaa eegamaa turan keessaati. Atileetiin keeniyaa immoo sadaffaa bahe.
Medaaliyaan Lammeechaan argate erga Olompikii Moskoo bara 1980 atileet Isheetuu Turaadhaan meetiin argamee as meedaaliyaa karaa dhiirotaan yeroo duraaf waggoota 41 booda argamedha.
Dabalataan, Olompikii bara 1984 eegalee si'a sagaliif walitti aansuun fageenyichaan kan warqii argataa ture atileetota Keeniyaadha. Injifannoon har'a atileetii Morookoon galmaa'e kana xumura itti tolcha.
Itoophiyaan hanga ammaa Olopmikii Tookiyoo irratti medaaliyaa sadii kan argatte yoo tahu atileet Solomoon Bareggaa fageenya meetira 10,000 warqee, fiigicha gufachiisaa meetira 3000 maaldaa atileet Lammeechaa Girmaan kan biraa naasaa atileet Gudaaf Tsegaayee fiigicha meetira 5000 dubartootaani.
















