Olompikii Tookiyoo: Lammeechaa Girmaa waggoota 41 booda 3000m gufachiisaan medaaliyaa argachuun seenaa dalage

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Lammeechaa Girmaa Olompikii Tookiyootti adeemsifamaa jiruun 3000m gufachiisaa dhiiraan lammaffaa bahuun medaaliyaa meetii argate.
Atileetiin dorogommicha injifate atileetii Morookoo Soufiane El Bakkali jedhamu yoo ta'u kanneen durumaa eegamaa turan keessaati.
Atileetiin keeniyaa Beenjaamiin Biigen immoo sadaffaa bahe. Keeniyaan erga Olompikii 1984 as yeroo jalqabaaf 3000m gufachiisaan medaaliyaa warqii dhabde.
Medaaliyaan Lammeechaan, ganna 20, argate erga Olompikii Moskoo bara 1980 atileet Isheetuu Turaadhaan maaldaan argamee as meedaaliyaa karaa dhiirotaan yeroo duraaf waggoota 41 booda argamedha.
Dabalataan, Olompikii bara 1984 eegalee si'a sagaliif walitti aansuun fageenyichaan kan warqii argataa ture atileetota Keeniyaadha.
Injifannoon har'a atileetii Morookoon galmaa'e kana xumura itti tolcha. Kanaanis, atileetiin Morookoo seenaa haaraa dalageera.
Gulaallii Olompikii marsaa xumuraaf darbuuf taasifameen Lammeechaan 8:09:83' fiiguun yeroo saffisaa addunyaa kana dura sadarkaa Olompikiitti galmaa'e hin beekne waan galmeesseef eegamaa ture.
Isaan ala atileetin Itoophiyaa fageenyichaan muuxannoo dheeraa qabuufi 5000m'nis kan dorgomu Geetinnat Waala afraffaa bahuun xumure.

Madda suuraa, NurPhoto
MM Abiy Ahimad qabxiiwwan atileetonni Itoophiyaa guyyaa har'aa galmeessisaniin baga gammaddan jechuun ibsaniiru.
Waggaa lama dura Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa Dohaa dorgomame irratti Lammeechaan medaaliyaa meetii ofiifis biyyaafis kan jalqabaa ta'e galmeesse.
Atileetiin Morookoo har'a isa injifate, Soufiane El Bakkali, ganna, 25 yeroos Dohaatti Lammeechaatti aanuun sadaffaa bahe.
Atileetiin Dohaatti tokkoffaa baheefi Olompikii Riyoo irratti warqii injifate, Conseslus Kipruto, sababa ulaagaa guutuu hin dandeenyeef olompikii Tookiyoo irratti dorgomuu hin dandeenye.
Injifannoo Siifan
Dorgommii 5000m dubartootaa har'a gaggeeffameen atileetiin Neezarlaand Siifan Hasan warqii argatteetti.
Sifaanitti aanuun atileetiin Keeniyaa Riyootti fageenyichaan meetii argatte Heelan Obirii ammallee medaaliyaa dabalataa gonfatte.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Atileetooni Itoophiyaa sadii dorgommii xumuraa kana irratti hirmaatanis kan medaaliyaa argachuu danda'e abbaa riikardii Fiigicha Mana Keessaa Addunyaa 1500m kan taate Gudaaf Tsaggaay qofaadha.
Maaldaa kan argatte Gudaafif dorgommiin Olompikii kuni kan lammataa ta'us Olompikiidhaan medaaliyaa yoo argattu garuu kan jalqabaati.
Atileet Siifan Hasan 5000m'n ala 1500m fi 10,000m akka dorgomtu beeksisuun ishee ni yaadatama.
Itoophiyaafi 3000m gufachiisaa
Itoophiyaan erga yeroo jalqabaaf Olompiki irratti bara 1956 Olompikii Meelbarn irratti hirmaachuu eegalte as hanga Olompikii Riyootti medaaliyaa 54 argatteetti.
Waggoota kanneen keessa gosa dorgommii garaagaraanis hirmaattu medaaliyaan argaman hundi garuu atileetiksiini.
Kanneen keessaa medaaliyaan 3000m gufachiisaan argame medaaliyaa lama qofaadha. Yeroo jalqabaaf Shaambal Isheetuu Turaan Olompikii Moskootti bara 1980 sadaffaa bahuun maaldaa [nahaasii] argatan.
Dubartootaan immoo Soofiyaa Asaffaa Olompikii Landan bara 2012 irratti lammaffaa bahuun meetii argatte.
Injifannoon har'aa atileet Lammeechaa Girmaan galmaa'e seenaa kana kan jijjiiredha.
Atileet Lammeechaan waggoota 41 booda waltajjii Olompikii irratti 3000m gufachiisaan medaaliyaa argamsiisuu danda'eera.
Atileetiin kuni jalqaba yeroo dorgommiiwwan gulaallii Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa qopheesse irratti waan miidhamaan hin hirmaanneef Olompikiif hin filamne ture.
Ta'us boodarra, Olompikiin osoo hin eegaliin torban muraasa dura Daayimand ligii Monaakootti dorgomee 8:07.75 ta'en yeroo saffisaa addunyaa galmeessuun injifate.
Lammeechaan atileet Haayilamaariyaam Amaara, Olompikii Riyoorratti fageenyichaan 8ffaa ta'un xumure, bakka bu'uuni gara Olompikii Tookiyoo kan deeme.
Atileetiin H/Maariyaamis kana mormuun komii guddaa dhageessise.
Lammeechaa Girmaa eenyudha?
Dhaloonni isaa Godina Arsiidha. Jalqaba Kilaba Atileetiksii Xurunash Dibaabaa magaalaa Asallaatti argamutti 1500m leenji'uuf seene.
Haa ta'u malee, leenjisaan kilabichaa Kaffiyaalewu Alamuu hojjaafi utaalchoo isaa erga hubatanii osoo gufachiisaan leenji'e gaarii ta'a jedhanii yaadan.
Boodarra Lammeechaan Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaa Magaalaa Finfinnee argamu seenuun leenjisaa gufachiisaa biyyaalessaa Tashoomaa Kabbadaa jalatti leenji'uu eegale.
Achirraa jalqabee dorgommii biyya keessaa garagaraa irratti hirmaatuu eegale. Sadarkaa idil-addunyaatti dorgommiin jalqabaa irratti hirmaate Daayimandi ligii Paaris bara 2019 irrattidha.
Dorgomee sadaffaa bahe. Itti aansees Daayimandiligii Biraasalsitti fiigee sadaffaa bahe.
Atileetonni inni yeroos waliin dorgome keessaa har'a dorgommii xumuraa irratti kan waliin fiigu, El BakkaliSoufiane, ni jira.
Ergasii booda ture Lammeechaan Shaampiyoonaa Atiletiksii Addunyaa bara 2019 Doha dorgomame irratti seenaa kan dalage.

Madda suuraa, Matthias Hangst
Atileetii Keeniyaa Conseslus Kipruto Olompikii Riyoo irratti fageenyichaan warqii argate waliin walfalmee lammaffaa bahe.
Walitti siqanii xumuruu isaaniirraa kan ka'e deeggarsa meeshaan ture abbaan moo'e kan barame.
Medaaliyaan meetii yeroos Lammeechaan gonfate medaaliyaa jalqabaa Itoophiyaan Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaarratti argattedha.
Kanaanis bara 2019 Konfedereeshinii Atileetiksii Afrikaa irraa badhaasa 'Atileetii dargaggoo waggaa kanaa' jedhamu badhaafame.
Karoora isaa yeroosi Atileetiksii Addunyaatti yoo himuus ''Olompikii irratti warqii biyya koof fiduudha,'' jedhe. Dorgommii har'a taasiseenis medaaliyaa meetii argamsiisuu danda'eera.













