Olompikii Tookiyoo: Solomoon Baaraggaan 10,000m'n warqii jalqabaa Itoophiyaaf argamsiise

Atileet Solomoon Baaraggaa turtii BBC waliin taasiseen warqii fiduuf warqii fidna jedhee ture

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Atileet Solomoon Baaraggaa turtii BBC waliin taasiseen warqii fiduuf warqii fidna jedhee ture

Olomikii Tookiyoo adeemsifamaa jiruun Atileet Solomoon Baaraggaan 10,000m'n injifatee warqii jalqabaa Itoophiyaaf argamsiise.

Solomoon, dorgommicha 27:43.22'n xumuruun yoo injifatu atileetiin Yugaandaa fageenyichaan abbaa riikardii addunyaa ta'e Jooshuyaa Jeeptegeyi lammaffaa bahe.

Atileet Barrihuu Aragaawwiin atileetii Yugaandaa birootti aanuun afraffaa baheera. Atileetiin Itoophiyaa biroo Yoomiif Qajeelchaa 8ffaa bahe.

MM Itoophiyaa, Abiy Ahimed, Itoophiyaan atileet Solomoon Baareggaan Olompikii Tookiyoo irratti warqee jalqabaa argachuusheen, ''baga gammadne,'' jedhan.

Ministirri muummee Abiy, ''Olompikii Tokiyoo irratti Itoophiyaan warqee isa jalqabaa fiigicha meetira 10,000 tiin Salamoon Baaraggaatiin argachuusheetiin baga gammanne jechuun barbaada. Dorgomtoota hafaniifis carraa gaariin hawwa. Itoophiyaan qorumsa ishee mudate ceetee ilmaansheetiin injifannoo galmeessisuu itti fufti.

Itoophiyaan Olompikii irratti fageenya 10,000m'n warqii yoo argattu erga Olompikii Beejingii bara 2008 Atileet Qananiisaa Baqqalaan itti argamsiise as kuni kan duraati

Olompikii Landan 2012 irratti akkasumas Olompikii Riyoo bara 2016 taasifame irratti fageenyichaan atileetiin dhalootaan Somaaliyaa lammiin UK ta'e Moo Faarah injifachuun ni yaadatama.

Moo Faarah dorgommii baranaa irratti ulaagaa guutuu waan hin dandeenyeef hirmaachuu hin dandeenye.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Atileetota Yugaandaafi Keeniyaa riikardii qaban dorgomna - Atileet Solomoon Baaraggaa

Atileet Solomoon turtii BBC waliin taasiseen atileetota Yugaandaafi Keeniyaa akka morkatu ibsuun, ta'us warqii fiduuf akka qophaa'an himee ture.

Miseensota garee 5000m fi 10,000 korniyaa lamaan gara Olompikii Itoophiyaa bakka bu'anii deeman keessaa gara caalu yeroo jalqabaafidha Olompikii irratti kan hirmaatan.

Leenjisaan Olaanaa garichaa Komaandar Huseen Shiboo ''Tokkoffaafi lammaffaa bahudhaafi kan xiyyeeffannee hojjetaa jirru,'' jechuun ofitti amanamummaan yeroo qophii isaanii BBC'tti himanii turan.

Itoophiyaan kana dura 10,000m'n dhiiraan Miruuts Yifxar, Hayilee G/Sillaasee, akkasumas Qananiisaa Baqqalaan waltajjii Olomikii irratti warqii argatteetti.

Itoophiyaa Tookiyootti

Itoophiyaan Olompikii Tookiyoo irratti gosa ispoortii afuriin dorgomaa jirti. Isaan keessaa yeroo jalqabaaf tekuwaandoodhaan hirmaatte.

Bishkilitiin kan dorgomte atileetiin Itoophiyaa immoo dorgommii adda kutteetti. Dorgommiin biraa bishaan daakkiidha.

Gudaaf Tsaggaay 5000m'n dorgomti

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii atileetiksii har'a eegaleen gulaalliin gufachiisa 3000m dhiiraa, 800m dubartoota akkasumas 5000m dubartootaa atileetonni Itoophiyaa irratti hirmaatan taasifameera.

Atileetonni Itoophiyaa sadanuu 5000m irratti hirmaatan; Gudaf Tsaggaay, Sanbaree Tafariifi Ijjigaayyahuu Taayyee dorgommii xumuraaf Wixata dorgomamuuf darbaniiru.

Gufachiisaa 3000m'n immoo Lammeechaa Girmaafi Getiinnat Yaalaw gulaallii lammataaf yoo darban Taaddasaa Taakkalaa garuu dorgommii xumuraaf hin darbiin hafe.

Gulaallii 800m'n immoo Haabitaam Alamuu ramaddii isheerraa 2ffaa ta'un dabarteetti. Natsaannat Dastaa garuu ramaddii isheerraa 4ffaa baatus marsaa itti aanuf hin dabarre.