Olompikii Tookiyoo: Garee atileetiksii Itoophiyaa Tookiyootti qabxii 'gaarii' galmeessuuf kaayyeeffate

Latasanbat Giday riikardii addunyaa 5,000m fi 10,000m kan of harkaa qabdu yoo ta'u warqiif eegamti

Madda suuraa, EAF

Ibsa waa'ee suuraa, Latasanbat Giday riikardii addunyaa 5,000m fi 10,000m kan of harkaa qabdu yoo ta'u warqiif eegamti

Olompikiin Tookiyoo 2020 Jimaata eegaluurratti atileetonni fiigichaan hirmaataniifi leenjistoonni qophii gahaafi qabxii kana dura ture caalu galmeessuuf qophii ta'uu BBC'tti himan.

Taphni Olompikii Jimaata Adoolessa 23 - Hagayya 08, 2021 [ALI Adoolessa 16 - Hagayya 02, 2013] magaalaa guddoo biyya Jaappaan Tookiyootti taasifama.

Itoophiyaanis Olompikii baranaa kanarratti atileetiksiidhaan alatti, bishaan daakkii, saayikilii (bishkileetii) akkasumas yeroo jalqabaaf tekuwaandoodhaan ni dorgomti.

Itoophiyaan gosa fiigichaa torba, tarkaanfiin dabalatee, Tookiyootti ni dorgomti. Kanaafis, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa Olompikii baranaa irratti atileetota 35 filachiisuu isaa beeksiseera.

Garee kana keessa meetira 5,000 fi 10,000'n riikardii addunyaa kan qabatte Lattasanbat Giday keessatti argamti.

Olompikii sababa weerara Covid-19 waggaa tokko booda qophaa'e kanaaf atileetonni Itoophiyaa baatiiwwan saddeetiif hoteela seenanii qophii gochaa turan.

Qophiin isaanii hangami? Ummannii hoo qabxii akkamii irraa eega? Atileetonniifi leenjistoonni maal akka jedhan gareen BBC bakka leenjii isaaniittti argamuun dubbiseera.

Solomoon Baaragaa

Yeroo dheeraaf qophii taasisuu isaanii kan himu Solomoon Olompikii Tookiyoo irratti 10,000m'n biyya bakka bu'ee dorgoma.

10,000m'n kan dorgomu Solomoon Baaragaan atileetonni keeniyaafi Yugaandaa morkattoota isaanii akka ta'u malan hima

''Qabxii gaarii fidna jennee yaadna,'' jechuun BBC'tti hime. Atileet Solomoon yeroo dheeraaf meetira 5,000 fiigaa ture. Kanneen fiigicha meetira 10,000 irratti isa dorgomuu danda'an eenyu?

''Hanga yoonaa 5,000m irrattin fiigaa ture. Ani jorroo fiigichaa irratti isaan waliin dorgomuu dhabuus yeroo fiigan isaan beeka. Kan dorgomnu atileetota Keeniyaafi Yugaandaa abbaa riikardii ta'an waliin.

''Falmiin laafaa na qunnama jedhee hin yaadu. Garuu, ciminniifi laafinni isaanii maal kan jedhu dorgommii isaanii ilaalaan qophaa'e,'' jechuun BBC'f hime.

Fiigichi 10,000m gaafa Jimaata Adoleessa 30, 2021 (ALI Adoolessa 23, 2013) dorgomamu irratti atileetota Itoophiyaan ala atileetota Keeniyaafi Yugaandaa irraa dorgommiin cimaa isa qunnama.

Itoophiyaa irraa Solomoon Baaragaa waliin Yoomiif Qajeelchaafi Barrihuu Aragaawwii ni dorgomu.

Yoomiif Qajeelchaan Olompikii Tookiyoo irratti 10,000m'n atileetota Itoophiyaa bakka bu'an keessaati

Madda suuraa, AMANUEL SILESHI

Ibsa waa'ee suuraa, Yoomiif Qajeelchaan Olompikii Tookiyoo irratti 10,000m'n atileetota Itoophiyaa bakka bu'an keessaati

Olompika Riyoofi Landan irratti bara 2012 fi 2016'tti fageenya 5000m fi 10,000m warqii kan fudhate Mohaammad Faarah sababa ulaagaa hin guunneef Olompikii baranaa irratti hin hirmaatu.

Olompikii irratti riikardiin 5000m akkasumas 10,000m ammallee atileetii Itoophiyaa Qananiisaa Baqqalaa harka jira. Qananiisaan bara 2008 Chaayinaa Beejingiitti yeroo dorgometti lamaanuu kan galmeesse.

Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Qabxii gaarii galmeessuuf qaamaaniifi miiraaniis itti qophoofneerra'

Shuraa Qixxaataa

Shuraa Qixxaataan barana yeroo jalqabaafi Olompikii irratti hirmaata.

''Waldorgommi kana biyyaafillee ofiifillee medaaliyaa warqee hin fidna jenneetu hojii seeraan hojjennee itti qophaa'aa jirra,'' jechuun gaazexeessaa BBC Ammayyuu Ittaanaatti dubbate.

Itoophiyaan maaraatoonii irratti kana dura dhiirotaan warqii afur argattee beekti. Lama Abbabaa Biqilaatiin bara 1960 Room, bara 1964 Tookiyoo, Maammoo Waldeetiin immoo bara 1968 Meksikootti.

Waggaa dheeraa boodammoo bara 2000 irratti Atileet Gazzaahany Abarraa warqii fiduun isaa ni yaadatama.

Maaraatoonii Landan bara 2020 Iluud Kipchoogee kan injifate Shuraan ammas irra deebiin Tookiyootti abbaa riikardii addunyaa Kipchoogee falma.

Atileet Shuraa Qixxaataan maaraatoonii Landan 2020 irratti atileetii Keeniyaa Iluud Kipchoogee injifachuun warqii argate

Madda suuraa, Getty Images

Shuraa waliin Itoophiyaa irraa kanneen fageenyichaan maqaa gaarii horatan Leellisaa Deessisaafi Sisaay Lammaa ni dorgomu.

Sadarkaa addunyaatti Kipchoogeetti aanuun yeroo saffisaa lammataa kan qabu atileetin fageenya dheeraan maqaa guddaa horate Qananiisaan sababa fiigicha gulaallii hin fiigneef osoo hin filatamiin hafeera.

Leenjisaa Huseen Shiboo

Leenjisaan olaanaa fiigicha fageenya dheeraa garee Itoophiyaa Komaandar Huseen barana yeroo jahaffaafi Olompikii irratti kan hirmaatan.

''Qabxii olaanaa biyya keenyaaf galmeessuudhaaf atileetonni keenyas, nuyis qaamaanis sammuudhaanis qophoofnee jirra,'' jechuun BBC'tti himan.

Waggootaaf qabxiiwwan addunyaan atileetota Itoophiyaa ittiin beektu keessaa inni ijoo 5000m fi 10,000m dha. Komaandar Huseenis gareewwan kana hoogganu.

''Gareen koo afur. 5000 dhiiraafi dubara, 10,000 dhiiraafi dubara. Tokkoffaafi lammaffaa bahudhaafi kan xiyyeeffannee hojjetaa jirru,'' jechuun ofitti amanamummaan dubbatu.

''Yeroo kaanirraa qabxiin wayyaa'aa ta'e ni galmaa'a jedhe dubbachuu nan danda'a.''

Akkuma yeroo Olompikii taasifamu Pirezidantiin Itoophiyaa atileetota irbaata affeeruun akka mirgaan galan alaabaa biyyaa kabajaan itti kennaniiru

Madda suuraa, Office of the President, Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Leellisaa Deessisaafi Sambaree Tafarii alaabaa biyyaa Pirezidantii Itoophiyaa harkaa fudhatan

Sababa kana jedhaniif keessaa tokko atileetota gosoota fiigichaa lamaan, koorniyaa lamaaniinuu, biyya bakka bu'an keessaa gara caalu atileetota haaraa Olompikii irratti hin hirmaanne ta'u isaanii eeruuni.

''Harka 100 keessaa 98% haaraa warra kanaan dura olompikii irratti hin hirmaanne wanta ta'anif miira gaariidhaan waldorgommii kanarratti hirmaatanii qabxii olaanaa ni galmeessu kan jedhu abdiin qaba.''

Garee kana keessa abbaan riikardii 5,000m fi 10,000m Lattasanbat Giday atileetii dhalootaan Itoophiyaa garuu Nezarlaandiif fiigdu, Siifan Hasan irraa morkiin cimaa ishee eeggata jedhamee eegama.

Daraartuu Tulluu

Atileetiin bifaan gurraacha biyyoota Sahaaraa gadiirraa yeroo jalqabaaf Olompikiidhaan warqii argatte Atileet Daraartuu Tulluu, barana federeeshinii hoogganaa atileetota of duuba aansuun dorgomsiifti.

''Rakkoon tokko tokko cinaadhaan hin dhabamu garuu qophiin keenya baay'ee gaariidha.

''Addunyaan mo'achuudhaaf qophaa'a. Nutis akka biyya guddaa tokkotti qophaa'aa jirra,'' jechuun Pirezidantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa BBC'f himte.

Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee atileetota bakka isaan leenji'anitti qaamaan dhaqanii jajjabeessaniiru

Madda suuraa, Office of President, Ethiopia

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Itoophiyaa Saahilawarq Zawudee atileetota bakka isaan leenji'anitti qaamaan dhaqanii yeroo jajjabeessaniitti 5000m'n kan dorgomu Geetinnat Waala suuraa yeroo waliin ka'u

Keessumaa magaalaan Tookiyoo waggoota 57 dura Atileet Abbabaa Biqilaan maaraatooniin irra aane waan ta'ef Daraartuun dorgommiin baranaa ''addadha'' jetti.

Baatii saddeet darban keessa federeeshinichi dorgommii sadii, biyya keessaafi ala dabalatee, kan ga'umsa atileetotaa itti hubatee filu taasiseera.

''Rabbi yoo nu gargaare qabxii gaarii fidna jennee yaadna. Wanti guddichi nu jeeqee sirriitti akka garaa keenyaa hin hojjennee nu godhe tokko Covid-19 dha.''

Weerarri Covid-19 qe'ee Olompikiittis mul'achuun yaaddoo dorgommichaa biraati.