Olompikii Tookiyoo 2020: Qophii Itoophiyaafi Filannoo Atileetotaa

Koreen Olompikii Itoophiyaa qophii dorgommii Olompikii Tookiyoo 2020f taasifamaa jiru ilaalchisee har'a midiyaalef ibsa laatera.
"Atileetin Itoophiyaa madaalu ni deema. Kanaan ala wanti nu yaaddessu hinjiru" jedhan prezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr. Ashabbir Waldagiyoorgis.
Filannoon atileetotaa keessattuu damee maraatoonii dhiirotaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaatin filatamuu dhabuun atileet Qananiisaa Baqqalaa dhimma mormii kan ture yemmuu ta'u, Koreen Olompikii Itoophiyaa filannoon xummuraa atileetota biyyattii bakka bu'an ammatti kan hin xummuramne ta'uu himeera.
Gama biraatin Koreen Olompikii Itoophiyaa uffata atileetootni Olompikii Tookiyoorraatti biyyattii bakka bu'an uffatanii dorgoman ifoomsera.
Qophii atileetotaa…
Korichi Olompikii Tookiyoof xiyyeeffannoo guddaa kennuun qophii taasisaa jiraachuu kan himan Pirezidaantiin korichaa Dr. Ashabbir Waldagiyoorgis, dorgomichi magaala Shaamball Abbaba Biqilaan dorgommii maraatoonii itti mo'ate Tookiyootti kan taasifamu ta'usaatin hiikaa addaa kan qabu akka ta'e himaniiru.
Kanaafis dorgommii Olompikii torbee sadi booda biyya Jaapaanitti adeemsifamuuf atileetootni Itoophiyaa ji'ootaaf qophii taasisaa turuunsaanii himameera.
Dorgommiiwwan kanaan duraa irratti atileetotni dorgomichaaf jiini tokko yeroo hafu hoteela seenanii qophaa'aa kan turan yemmuu ta'u bara kana garuu atileetootni ji'oota saddeet dursanii hoteela seenun qophii taasisaa jiraachuu Koreen Olompikii Itoophiyaa beeksiseera.
Qabxiiwwan atileetootni dorgomiiwwan calallii taasifamaa turan irratti galmeessisan bu'uura godhachuunis gareen Olompikii Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomu hirmaannaaf qofa osoo hintaane qabxii gaarii fiduuf akka dorgomu himameera.
"Ummatafi biyya keenyaaf qabxii foyyee nifidna, alaabaa keenyas olkaasna jennee yaadna" jechuun atileet Komaandar Daraartuu Tulluu dubbataniiru.
Filannoo atileetotaa…
Filannoo atileetotaan walqabatee keessattuu damee maraatoonii dhiirotaan Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaafi Koree Olompikii Itoophiyaa gidduutti waldhibdeen turuunsaa ni yaadatama.
Kunis Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetota gama maraatoonin biyyattii bakka bu'an dorgommii calallii magaala Sabbataatti ji'oota muraasa dura adeemsiseen filachuusaa kan beeksise yemmuu ta'u dorgomicharratti kan hin hirmaanne atileet Qananiisaa Baqqalaan komii kaasaa tureera.
Yeroo ammaatti filannoon atileetotaa sadarkaa xummuraarra akka argamu kan himan Pirezidaantiin Koree Olompikii Itoophiyaa Dr. Ashabbir Waldagiyoorgis, Olompikii Tookiyoof filannoon atileetotaa inni xummuraa torbee tokko booda Waxabajjii 29 bara 2013 kan xummuramu ta'uu himan.
Federeeshiniiwwan biyyaalessaa tartiira atileetotaa filatan ji'a Eblaa keessa Koree Olompikiif galchusaanii kan himan pirezidaantichi, "filannoon xummuraa (shortlist) guutummaatti hojii Koree Olompikii Itoophiyaati" jedhan.
"Ebalu ni deema ebalu hindeemu kan jedhu koree teknikaa biyyaalessaatu murteessa waan ta'ef atileetota deeman yeroo filannoon xummuramu ifa ta'a" jechuunis dubbatan.
Haa ta'u malee filannoo isa xummuraa irratti federeeshiniiwwan biyyaalessaas yaadasaanii akka kennan yoo taasifamefi walin yoo hojjetan gaarii ta'uu himan.
"Atileetii Itoophiyaa madaalu danda'u kan erginu waan ta'eef dhimma kanarratti baay'ee rakkachuunis ta'e dhiphachuun hin barbaachisu" jedhan Dr. Ashabbir.
Gama biraatin Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa atileetota fiigicha meetira 800 hanga maraatoonii Olompikii Tookiyoof filate midiyaalef kan ibse yemmuu ta'u atileetotni kunneenis qabxii dorgommiiwwan garaagaraa irratti galmeessisanin kan filataman ta'uun himameera.
Haaluma kanaan fiigicha meetira 5000 dhiiraan Geetinnat Waala, Nibrat Malaakfi Milkeessaa Mangashaa (eeggataa) yemmuu ta'an dubartootaan immoo Gudaaf Tsaggaayee, Ijjigaayyahu Taayyee, Sanbaree Tafariifi Faantu Warquu (eeggattuu) filamaniiru.
Meetira 10,000nin dubartootaan Lattasanbat Gidey, Tsiggee Gabrasalaamaa, Tsahaay Gammachuufi Gudaaf Tsaggaayee (eeggattuu) ta'uun yemmuu filataman dhiiraan immoo Salamoon Baaraggaa, Yoomif Qajeelchaa, Barrihuu Aragaawiifi Haagos Gabrahiwat (eeggataa) ta'uun filamaniiru.
Maraatoonii dhiiraan Shuraa Qixxaataa, Lelisaa Desisaa, Sisaay Lammaafi Caalu Deesso (eeggataa) ta'uun filamusaanii Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.
Federeeshinichi atileetota filate kunneen Koreen Teknikaa Biyaalessaa akka raggaasisuf abdii qabu himeera.
















