Atileet Siifan Hasan fiigicha fageenya m10,000n rikkardii Awurooppaa harka galfatte

Madda suuraa, Getty Images
Atileet Siifan Hasan dorgommii fiigicha fageenya m10,000 Hengiloo, Nezarlaanditti dorgomteen rikardii Awurooppaa harka galfatte.
Atileet Siifan haala mijataa hin taaneefi rooba keessa fiiguun sa'aatii 29:36.67 tiin galuun ture kan injifatte.
Bara 2002tti rikardii lammii UK kan taate Atileet Paawul Radiikiliif galmeessite sekondii 24n fooyyeessuun rikkardii Awurooppaa kan harka galfatte Siifan.
Haaluma walfakkaatuun, dorgommii Hoolaand Heengiloottii gaggeeffameen fageenya m5000 tiin Atileet Yoomiif Qajeelchaa 1ffaa bahuun injifateera. Yoomiif sa'aatii 13:12.84 galmeessuun injifateera.
Siifan dorgommiin booda maal dubbatte?
Dhalattuun Itoophiyaa lammuummaa Daach taate Siifan umuriin ishee ganna 27. Shaampiyoona idil-addunyaa Dohaatti dorgomameerratti fageenya m10,000 fi m1,500 tiin meedaliyaa warqee gonfattee turte.
Kanaan dura atileet Raadikiliif fageenyicha 30:01.09 Jarman Muunikitti fiiguun rikardii bara 2002 qabatte cabsiteetti.
Siifaan dubartoota torba Awurooppaatti dorgommicha daqiiqaa 30 gadiitti fiiguun xuuran keessaa jalqabarra jirti.
‘’Dorgommii Awurooppaatti rikardii haaraa galmaa’e kanatti hirmaachuu kootti gammadeera, yeroo dheeraaf atileetii jabduu Paawol Radikiliifin qabamee ture, ‘’jette Siifan.
Fiigicha karaarra fageenya km5 fi maayila tokkoon bara 2019 rikardii addunyaa kan qabatte Siifan, haala dorgommii kana laaftuu hin turre jetteetti.
"Dorgommiin fiigichaa rakkisaa ture; ni qorra; roobatu jira; miira jabachuutu natti dhaga’ame,’’ jetteetti.
Atileetin fiigicha fageenya gabaabaas ta'e dheeraa fiigdetti milkaa'uu qofa osoo hin taane riikardiillee cabsuutti jirtudha atileet Siifan Hasan.
Dhaabbanni Atileetiksii Addunyaa atileetota 10 ciccimoo jedhee badhaasaaf bara 2019 keessa kaadhime keessa tokko Siifan turte.
Sadarkaa atileetiksii dubartootaa dhabbanni kun bara 2019 keessa baasen atileetin dursaa jirtu atileetii dhalootaan Itoophiyaa garuu Nezerlaandif kan fiigdu Siifan Hasanidha.
Turtii addatti BBC Afaan Oromoo waliin bara darbe taasifteen umuriishee waggaa 15tti baqattummaan gara Awurooppaa kan imalte shaampiyoonaan addunyaa atileet Siifan Hasan, qormaata jireenyaa hedduu keessa darbuushee dubbatti.
Atileet Sifaan dubartoota fageenya giddugaleessaafi dheeraatiin tileetota Baha Afrikaaf qormaata cimtuu taaterti.
Atileet Siifan Hasan, osoo gara biyya Awurooppaa Neezerlaandistti hin imaliin magaalaa Adaamaatti dhalattee garuu Arsii Aanaa Muunessaa magaalaa Qarsaatti guddate.
















