Raven Saunders: Atileetiin Tookiyootti mo'achuun meedaaliyaa badhaafamte harka qaxxaamursuun mormite maal himti?

Madda suuraa, Reuters
Olimpika Tokiyootti lammiin Ameerikaa darbannaa waqaraa ykn aloolloon medaaliyaa meetii argatte Raven Saunders, waltajjii gubbaa bahuun mormii jalqabaa agarsiiste.
Dorgomtuun kun medaaliyaa fudhattee suuraa wayita kaatutti harkashee olkaasuun qaxxaamursuun mallattoo X hojjette. Akka isheen jettutti ''qaxxaamurri kun bakka namoonni cunqurfaman itti walgahanidha.''
Atileetiin saba warra gurraachaa ganna 25 kun, jaalattuu saala walfakkaatu (gay) wayita taatu, mukaa'uun akka rakkattu ifatti dubbate - ''Of tahuun barbaade, kanatti dhiifama gaafachuu hin barbaadne.''
Dorgommichaan booda, "namoota addunyaa mararratti lolaa jiraniifi, akkasumas waa'eesaanii dubbachuuf carraa hin arganneef ifa tahuuf'' akka kaayyeffatte himte.
''Ani miseensa hawaasa hedduuti,'' jette Saunders. Erga aloolloo isa dhumaa darbatte boodas teessumashee raasuun shubbisaa turte.
Dorgommii kanaan dubartiin Chaayinaa Gong Lijiao warqee oggaa mo'attu, lammiin Niiw Ziilaand Valerie Adams nahaasa argatteetti.
Koreen Olimpikii Idiladdunyaa (IOC) Taphoota Tookiyoon dura uggura mormii dhageessisuurra turan laaffiseera. Atileetonni yeroo pirees konfiransii ''yaadasaanii ibsachuu danda'u'' jechuun waltajjii medaaliyaa irratti garuu mormiin siyaasaa ammallee dhorkamaadha.
Saunders adabbiin akkamii akka ishee eeggatu ifa tahuu baatus, mormii isheen taasifte garuu qorachaa jira. IOC'n warra kana daddarbaniif adabbiin maal akka tahe ifatti waan laf kaa'e hinqabu.

Madda suuraa, Reuters
''Dhalootni koo [si'anaa] waan dhimma qabu nati hin fakkaatu,'' jette Saunders. ''Dhumarratti dhugumaan [waan tokkoof] dhimma itti hin kenninu. Hawaasa koo saba gurraachaaf beekamtii kennuun barbaada. Hawaasa LGBTQ galateeffachuun barbaada. Kanneen rakkina fayyaa sammuu wajjin wal'aansoorra warra jiran kaasuun barbaada....''
Fayyaan sammuu atileetotaa dhimma ijoo Olimpikii baranaa taheera. Kunis dorgomtuun jimnaastikii Ameerikaa Simone Biles fayyummaa isheef dursa kennuun erga dorgommiiwwan hedduu keessaa of baaste boodadha.
Yeroo jalqabaaf Olimipkii Riyoo 2016tti gaggeeffame irratti kan dorgomte Saunders, bara 2018 keessa of ajjeessuuf yaaddee akka turte kaasteetti.
Waltajjii gubbaa bahuun mormii dhageessisuun durallee, Saunders rifeensashee magariisaafi dhiilgeen qalbii daawwattootaa hawwattee turte. Kana malees maaskiin haalaan adda tahan keewwachaa turtes dubbii tahee ture.

Madda suuraa, EPA
Saunders shaampiyoonota teenisii dubartootaa gurraachota tahan Venus fi Serena Williams argaa akka guddate wayita ibsitu: ''dubartoota gurraacha callee rifeensatti naqatanii, eenyummaasaaniitti hin qaanofne,'' jechuun, kunimmoo isheef waan guddaa tahuu himti.
Milkaa'ina isheen qabduufi ifatti dubbachuun namoota biroos kakaasuuf abdii qabdi.
Atileet Fayyisaa Leellisaas Olimpiika Riyoo bara 2016'tti gaggeeffame irratti Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomee lammaffaa yoo bahu, mallattoo diddaa Oromoo agarsiisuun mormii agarsiiseen kabajaa fi beekamtii guddaa horateera.















