Olimpikii Tookiyoo 2020: Gaaffilee keessaniif deebiifi ragaalee beekuu qabdan biroo

Sirna baniinsaa Tokyo 2020

Madda suuraa, Getty Images

Taphni Olimpiikii Tookiyoo 2020 sababa weerara koroonaavaayirasiin achi butame Adoolessa 23, 2021 kan jalqabe oggaa tahu, lammiilee Jaappaan dabalatee qaamoleen garagaraa akka achi dabarfamu yookaan haqamu gaafachaa turan.

Tahus garuu taphni addunyaa gubbaatti si'aawinaan eegamufi atileetota kumaatamatti lakkaa'aman hirmaachisu, bakka daawwattoonni hinjirreetti jalqabeera.

Seenaa keessatti taphni Olimpikii Ammayyaa jedhamu yeroo duraaf kan gaggeeffame magaalaa Ateens, Giriik keessa bara 1896 ture. Kunis baruma waraanni Aduwaa gaggeeffamaa ture sanatti jechuudha.

Olimpikni Jaappaan marroo lammeessoof qopheessitu kun gama kunuunsa naannootiin ''isa magariisa tahe'' jedhamuun leellifamaa jira. Maddi aannisaa hundi maddeen haaromfamanirraa oggaa tahu, medaaliyaanis meeshaalee gataman irra deebiin fayyadamuun kan midhaaffamedha.

Akka waliigalaatti ispoortiin Olimpikii: Tapha Summer Olympic fi Tapha Winter Olympic jedhamuun kan qoodamu wayita tahu, garuu irra hedduun keenya kan beeknu Summer Olympics kan jedhamu kanadha.

Inni 'Winter Olympics' yookaan Olimpikiin Yeroo Gannaa ispoortiiwwan cabbii irratti gaggeeffaman hammata.

Akkasumas dorgommii Paaraalimpikiifi Olimpikii Dargaggootaa kan jedhamanis ni jira.

Olimpikiin waggaa afuriin marsee dhufu fiigichaan qofa beekama miti - gosota ispoortii hedduullee kan of keessatti hammatudha.

Waa'ee Olimpikii Tokiyoo baranaafi waliigalaan gaaffilee namoonni nuuf dhiyeessan akkasumas wantoota isin beekuu qabdan jennu odeessa kana keessatti qixeessineerra.

Dorgommiiwwan keessaa gariin

Gosa taphaa meeqatu jira?

Baay'inni gosoota ispoortii dorgommii Olimpika adda addaan gargari - garii ni hir'ata, yeroo baay'ee ammoo ni dabalama. Fakkeenyaaf barana ispoortiiwwan haaraa shan dabalamaniiru.

Kanaanis gosti ispoortii 33 kan argaman yogguu tahu, achi jalatti garuu dameen yookaan disippiliiniin 46 ni argamu. Kana jechuunis fakkeenyaaf dorgommii bishikileetii jalatti: BMX Freestyle, BMX Racing, Mountain Bike, Road fi Track kan jedhaman jiru.

Akka waliigalaatti dorgommiiwwan medaaliyaaf taasifaman (medal events) 339 jiru. Kana jechuun medaaliyaa 339 qofatu jira jechuu miti - kanneen gareen dorgomanis akka tapha tokkotti ilaalama waan taheef.

Marsariitiin dorgommii isa kanadha - odeeffannoo dabalataa irraa argachuu dandeessu.

Gosota ispoortii kamtu Tapha Olimpikii baranaarratti ida'ame?

  • Kaaraatee, Iskeet boording, Ispoort Kilaayimbing, Beezbool/Softbool fi Sarfing kan jedhamanidha.

Gaaffilee keessaniif deebii

gaaffii

Kooba ALi: Een ni qaba. Gareen biyyoota 16 meedaaliyaa warqeef morkachaa jiru.

gaaffii

Faiz Aman gaaffii keetiif deebiin kunooti: Itoophiyaan Olompikii baranaa kanarratti atileetiksiidhaan alatti, bishaan daakkii, saayikilii (bishkileetii) akkasumas yeroo jalqabaaf tekuwaandoodhaan dorgomti.

Biyyattiin gosa fiigichaa torba, tarkaanfiin dabalatee, Tookiyootti ni dorgomti. Kanaafis, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa Olompikii baranaa irratti atileetota 35 filachiisuu isaa beeksiseera.

gaaffii

Qarsaa Kombolchaa akkam ati? Akkuma armaan olitti eerametti, taphni Olimpikii haala ammayyaa taheen yeroo duraaf kan gaggeeffame magaalaa Ateens, Giriik keessa bara 1896 ture.

Gaaffii kee lammaffaaf deebii quubsaa argachuu hin dandeenye. Dorgommii Ateensitti bara sana gaggeeffame irratti medaaliyaan warqee hin turre. Nama tokkoffaa baheef warqee otoo hin taane meetii fi damee ejersaa mataarra kaahu turan.

gaaffii

Abdi gaaffii keetiif deebiin gabaabduun, sababa weerara Covid-19n silaa bara dabre ture dorgommiin kun kan gaggeeffamuu male. Taphni Olimipkii gosa armaan olitti eerre kamuu, waggaa afur afuriin marsee dhufa. Summer Olympics ittaanu Paarisitti 2024tti gaggeeffama. Kana jechuunis ganna sadi booda adeemsifama. Si deebi'e mitii?

gaaffii

Kadir Adem, biyyaa biyyatti gargari. Miidiyaaleen biyya keessa jiran dorgommii namni hedduu ilaala jedhanii yaadan filatanii dabarsu. Fakkeenyaaf Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa hedduu keessatti dhaabbanni DSTV kanfaltiin dorgommiiwwan hedduu chaanaalota garagaraan dabarsa.

Dorgommiiwwan keessaa gariin

Atileetiin eenyu?

Yeroo hedduu namoonni maqaa atileetii jedhu nama fiigicha dorgomutti beeku. Hiikni jecha kanaa kanneen fiigicharratti dorgoman dabalatus, isaan qofa kan murtaa'u miti.

Hiikni galmee jechootaa tokko, atileetiin ''nama gosoota ispoortiifi taphoota cimina qaamaa olaanaa barbaadaniin leenji'e'' jechuun ibsu.

Kanaafuu Olimpikiirratti inni kaaraatee dhahus, isheen bishikileetii guluftus atileetiidha.

1,2,3,... Olimpikii Tookiyoo Lakkoofsaan

  • 43 - Olimpika baranaaf bakka garagaraa dorgommiin itti dorgomamu - istaadiyemiifaa jechuudha.
  • 6,210,000 - Medaaliyaa warqee, meetiifi nahaasa mo'attootaaf kennamu tolchuuf akka oolutti, lammiileen biyyattii mobaayiloota hagana tahan bilisaan kennan. Isa kana baqsanii mimmidhaassuun medaaliyaa kana hojjetu. Kun ajaa'iba!
  • 33 - gosoota ispoortii barana dorgommiif dhiyaatan
  • 339 - Baay'ina dorgommiiwwan torban lama keessatti adeemsifamanii.
  • 11,091 - Lakkoofsa atileetotaa tapha baranaarratti ni hirmaatu jedhamee eegamu
Dorgommiiwwan keessaa gariin

Waa'ee Olimpikii waan adda tahaniifi beekuu qabdan biroo:

  • Asxaan Olimpikii geengoon walitti maraman ykn walxaxan shanan sun maal akka tahan beektuu? Cuquliisa, keelloo, gurraacha, magariisaa fi diimaa - ardiiwwan ijoodha jedhaman shanan bakka bu'u.
  • Makoodii tapha itti ijjeesan: Kun ajaa'ibadha - bara 1900 tapha Olimpikii Paarisitti taasifameen, makoodii ykn gugee akka dorgommiitti wayita isheen balaliiti rasaasaan dhawanii ijjeessan. Dorgomaa lammii Beeljiyem Leon de Lunden jedhamu, makoodiiwwan 300 keessaa 21 dhahee lafaan buusuun warqee nyaate. Tahus garuu Koreen Olimpikii Addunyaa (IOC) dorgommiin kun raawwachuusaayyuu dagadhaa jechuun, beekamtii itti hin kennu.
  • Medaaliyaa walakkaatti ciran: Olimpika Barlin 1936n akka tahe - atileetonni Jaappaan Shuhei Nishida fi Sueo Oe jedhaman lammaffaa tahuun meetii argachuuf qabxii walfakkaatu fidan. Jennaan, lammaffaafi sadaffaaf dorgomaa jedhaman. Jarri garuu lakkii kun hin tahu, medaaliyaa meetiifi nahaasaa walakkaatti kunnee addaan hiranna jedhan. Akkanaan kan kutan gosa lamaan walitti baqsuun medaala tokko tokko midhaasan. Kunis "the medals of friendship" yookaan medaaliyaa hiriyummaa jedhamuun beekamu.
  • Warqee? Kanneen warqee mo'atanif dhuguma warqeen kennama sitti fakkaataa? Lakkii, akkas miti. Yeroo dhumaatiif medaaliyaan guutummaatti warqeerraa hojjetame kanneen mo'ataniif kan kenname Olimpika Istokhollm 1912tti dorgomame irratti. Ergasii medaaliyaan 'warqee' jedhamu warqee giraama jaha kan gubbaatti midhaassan oggaa tahu, harki 92.5 meetiidha.