Olimpiikii Tookiyoon dorgomtoonni Afriikaarraa eegaman eenyu fa'i?

Olompiikii Tookiyoo: Atileetota Afriikaa hordofuu qabnu

Dorgommiin Olimpiikii Tookiyoo 2020, sababa weerara Koroonaavaayirasiin 2021'tti dabarfame, Adoolessa 23, 2021 wayita eegalu, atileetota Afriikaa hordofuu qabnu eenyu akka ta'an ilaalla.

Atileetonni kunneen gosoota ispoortii garagaraa irraa filatamani, gariin isaanii ardii kana keessatti baay'ee hin beekamani.

Gariin ammoo warra duraan ture ta'anus yeroo jalqabaaf Olimpiikii irratti kan hirmaatanidha.

Olompiikii Tookiyoo: Atileetota Afriikaa hordofuu qabnu

  • Towfiiq Maakluufii, ganna 33

    AljeeriyaaKan fiigu

    Towfiiq Maakluufii atleetii fageenya giddugaleessa (meetira 800 fi 1,500) irratti dorgomudha.

    Olompiikii Landan 2012 irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaate yoo ta'u, fageenya m1,500'n meedaaliyaa warqee argate. 2016 Rio irratti ammoo meedaaliyaa birrii lama argate.

  • Waalii Biidaanii, ganna 27

    AljeeriyaaUlfaatina kaasuu

    Waalii Biidaanii lammii Aljeeriyaa ulfaatina kaasuun dorgomu yoo ta'u, Olompiikii Landan 2012 irratti yeroo jalqabaaf hirmaatee kan Rio 2016 lammeeffatedha.

  • Azenaayid Kaarloos, ganna 31

    AngoolaaKubbaa harkaa

    Azeenaayid Kaarloos taphattuu kubbaa harkaa yoo taatu, miseensa garee biyyaalessaa Angoolaa 'The Pearls' jedhamuun waamamaniiti.

    2008 irraa kaastee yeroo sadiif Olompiikii irratti hirmaattee jirti.

  • Naayijel Amoos, ganna 27

    BootisiwaanaaKan fiigu

    Naayijel Amoos atileetii fiigicha meetira 800'n Olompiikii Landan 2012 irratti meedaaliyaa birrii argatedha.

    Olompiikiin Tookiyaa dorgommii sadaffaa isaati.

  • Huuguwees Faabriis, ganna 28

    Burkiinaa FaasooUtaalchoo

    Huuduwees Faabriis lammii Burkiinaa Faasoo utaalchoodhaan dorgommii Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti meedaaliyaa Nahaasaa infatedha.

  • Firaansiin Niyaansoobaa, ganna 28

    BurundiiFiigicha

    Firaansiin Niyaansoobaan atileetii Burundii dorgommii meetira 800 kan dubartootaan Olompikii riyoo fi Atileetiksii Addunyaa 2017 irratti meedaaliyaa Birrii injifattedha.

  • Cheeyik Siisee, ganna 27

    KootdivoorTeekwoondoo

    Cheeyik Siisee Olompiikii Riyoo 2016 irratti biyyi isaa yeroo jalqabaaf meedaaliyaa Warqee akka argattu taasisuun seenaa hojjeteera.

    Akkasumas nama Afriikaa yeroo jalqabaaf Teekwoondoon meedaaliyaa Warqee argate ta'eera.

  • Merii-Joosee Taa Luwoo, ganna 32

    KootdivoorFiigicha

    Merii-Joosee Taa Luwoo atileetii fiigicha meetira 100 fi 200'n dorgomtudha.

    Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti meedaaliyaa Nahaasaa argatte. Olompiikii Riyoo 2016 irrattis fageenya lamaaniinuu 4ffaa baate.

  • Haaydii Moorsii, ganna 22

    MasriiPeentaatlan

    Haaydii Moorsii atileetii dorgommii peentaatlan jabanaawaa bishaan daakaa fi guluffii fardaan dorgomtudha.

    Olompiikiin Tookiyoo dorgommii lammaffaa isheedha.

  • Azmii Meheelbaa, ganna 30

    MasriiDhukaasa

    Azmii Meheelbaa dorgomaa dhukaasaa Olompiikii irratti yeroo sadaffaaf dorgomaa jiru dha.

    Dorgommii ISSF 2021 reefuu xumurame irratti dhukaasa shugguxiin meedaaliyaa Warqee argateera.

  • Jiyaanaa Faaruuk, ganna 26

    MasriiKaaraatee

    Giyaanaa Faaruuk dorgomtuu kaaraatee Olompiikii irratti yeroo jalqabaaf hirmaattudha.

    Dorgommiiwwan Kaaraatee Addunyaa 2016 fi 2018 irratti walduraaduubaan meedaaliyaa Warqeefi Birrii argattee jirti.

  • Merhaawii Qudduus, ganna 27

    ErtiraaBishkiliitii

    Merhaawii Qudduus lammii Ertiraa dorgomaa bishkiliitii ganna 27 yoo ta'u, dorgommii bishkiliitii Tarkii 2019 irratti sadaffaa ba'uun xumuree jira.

    Dorgommii sa'aatii fooyya'aa galmeessisuuf taasifame irratti Ertiraa keessatti kan moo'e yo ta'u,

  • Amaanu'eel G/Igzaabeer

    ErtiraaBishkiliitii

    Amaanu'eel G/Igzaabeer Olompiikii irratti barana yeroo jalqabaaf hirmaata. Atileetiin kun dorgommii Bishkiliitii Afriikaa 2018 irratti 1ffaa ba'e.

  • Moosaanaa Debesaay, ganna 27

    ErtiraaBishkiliitii

    Mosaanaa debesaay dorgomtuu bishkiliitii 2019'tti Dorgommii Daandiirraa Afriikaa akkasumas dorgommii sa'aatii dhuunfaa 2018 irratti kan injifattedha.

    Obboleettii dorgomaa bishkiliitii Ertiraa Meqseb debsaay dha.

  • Latasanbat Giday, ganna 23

    ItoophiyaaMaaraatoonii

    Latasanbat Giday atileetii maaraatoonii Itoophiyaa riikoordii fiigicha meetira 5,000 fi 10,000 qabattee jirtudha.

    Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti meetira 10,000'n meedaaliyaa warqee moote.

  • Salamoon Baaraggaa, ganna 21

    Atileetii fageenya dheeraa

    Salamoon Baaraggaa atileetii fageenya dheeraa Itoophiyaa bakka bu'uun dorgomu yoo ta'u, Atleetiksii Addunyaa 2019 irratti meetira 5,000'n meedaaliyaa birrii argate.

    Olompiikii irratti yoo hirmaatu, kan Tookiyoo isa jalqabaati.

  • Yoomiif Qajeelchaa, ganna 23

    ItoophiyaaFageenya dheeraa

    Yoomiif Qajeelchaa atileetii fageenya dheeraa itoophiyaa yoo ta'u, Olompiikiin Tookiyoo dorgommii Olompiikii jalqabaa isaati.

    Yoomiif 2018'tti dorgommii Addunyaa Mana Keessaa meetira 3,00'n Warqee argateera.

    Atileetiksii Addunyaa 2019 irrattis meetira 10,000'n 2ffaa ba'eera.

  • Lalisaa Deessisaa, ganna 31

    ItoophiyaaMaaraatoonii

    Lalisaa deessisaa atileetii maaraatoonii Itoophiyaa Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti Warqee injifatedha.

  • Shuraa Qixxaataa, ganna 25

    ItoophiyaaMaaraatoonii

    Shuraa Qixxaataa dorgomaa maaraatoonii Itoophiyaati.

    Maaraatoonii Landan 2020 irratti, atileetii Keeniyaa Eliyuud Kiipchoogee injifachuun Warqee fudhateera. 2018'tti Eliyuuditti aanee xumuree ture.

  • Gudaaf Tseggaay, ganna 24

    Fageenya giddigaleessa

    Gudaaf Tseggaay atileetii Itoophiyaa fageenya meetira 1,500'n, Guraandhala 2021, Firaansi keessatti riikoordii cabsitedha.

    Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti meedaaliyaa Nahaasaa mo'atte.

  • Jiinaa Baas, ganna 26

    GaambiyaaFiigicha

    Jiinaa Baas atileetii fiigicha meetira 200'n dorgommii Taphoota Afriikaa 2019 Morookoo Raabaatitti geggeeffame irratti Warqee injifattedha.

    Olompiikiin Tookiyoo Olompiikii 2ffaa isheedha.

  • Juuliyas Yeegoo, ganna 32

    KeeniyaaEeboo darbachuu

    Juuliyas Yeegoo atileetii Keeniyaa Eeboo darbachuun dorgomu yoo ta'u, Olompiikii Riyoo irratti 2ffaa ba'uu danda'eera.

    Viidiyoowwan Yuutuub irraa arguun dorgommii isaa waan guddifateef, maqaa masoo Abba Tuutuub jedhu qaba.

  • Biriijid Koosgeey, ganna 27

    KeeniyaaMaaraatoonii

    Biirijid keesgeey atileetii maaraatoonii dorgommiiwwan maaraatoonii Chikaagoo 2018 fi 2019 akkasumas kan Landan 2019 fi 2020 injifattedha.

    Koosgeey dorgommii maaraatoonii Chikaagoo irratti sa'aatii 2:14:04 galuun riikoordii of harkaa kan qabdu yoo tau, Tookiyoo irratti yeroo jalqabaaf Olompiikii irratti hirmaatti.

  • Eliyuud Kiipchoogee, ganna 36

    KeeniyaaMaaraatoonii

    Eliyuud Kiipchoogeen dorgomaa fegeenya dheeraa gameessadha.

    Dorgommii Barliin keessatti Fulbaana 2018 geggeeffame irratti sa'aatii 2:02:39 galuun riikoordiin of harkaa qaba.

    Maaraatoonii Olom[iikii Royoo irrattis meedaaliyaa Warqee argateera.

  • Biyaatris Cheepkooyeech, ganna 29

    KeeniyaaGufachiisa

    Biyaatsis Cheepkooyeech gufachiisaan rikoordii of harkaa qabdi.

    Atileetiin fageenya dheeraa kun Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti meedaaliyaa warqee argattee jirti.

  • Feez Kiipyeegoon, ganna 27

    KeeniyaaFageenya dheeraa

    Feez Kipyeegoon Olompiikii Riyoo irratti meetira 1,500'n meedaaliyaa warqee argattee jirti.

    2017 fi 2019 irrattis dorgommii Atileetiksii Addunyaa irratti 2ffaa ba'uun xumurte.

  • Kadijjaa Mardii, ganna 30

    MorookooBunyaa

    Kadijjaa Mardii atileetii Morokoo bunyaan dorgomtu yoo taatu, Olompiikii Riyoo irratti marsaa xumura nuusaa irratti kiiloo 69-75'n tapha 2ffaa irratti dorgommiin ala taate.

    Dorgommii Bunyaa Addunyaa Dubartootaa irratti meedaaliyaa Nahaasaa argachuu dandeessee jirti.

  • Rabaebee Araafii, ganna 30

    MorookooFiigicha

    Rabaabee Araafii atileetii Morookoo Daayimandi Liigii dubartootaa 2019 irratti meetira 1,500'n warqee injifattedha.

    Olompiikii irratti yoo hirmaattu Tookiyoon 2ffaa isheedha.

  • Raamzii Buukhiyaam, ganna 27

    MorookooGalaana daakuu

    Raamzii Buukhiyaam atileetii galaanaa daakudha.

    Dorgommii yeroo jalqabaaf taasifamu kanarratti Morokoo bakka bu'uun Olompiikii irratti yeroo jalqabaaf hirmaata.

  • Suufiyaan El Bakali, ganna 27

    MorookooGufachiisa

    Suufiyaan El Bakaasii dorgommii gufachiisaa meetira 3,000 Atileetiksii Addunyaa 2017 irratti Morokoo bakka bu'uun 2ffaa ba'edha.

    Olompiikii irratti jalqaba kan hirmaate 2016 Riyoottidha.

  • Maariyaa Maachaavaa

    MoozaambiikBidiruu yabaluu

    Maariyaa Maachaa dorgomtuu Moozaambiik Olompiikii irratti yeroo jalqabaaf hirmaattudha.

  • Dayzii Inhaakuwiil

    MoozaambiikBidiruu yabaluu

    Deeyzii Inhaakuwiil atileetii Moozaambiik Olompiikii irratti yeroo jalqabaaf hirmaattudha.

    Dorgommii Afriikaa '420 Radial Laser class' jedhamu injifattee jirti.

  • Diniis Paaruuk

    MoozaambiikBidiruu yabaluu

    Diniis Paaruuk akkuma hiriyootashee Olompiikiin Tookiyoo kan jalqabaa isheeti.

    Maariyaa waliin ta'uun dorgommii '2019 Africa class 470 regatta' mo'attee jirti

  • Maayik Diyeekmaan, ganna 27

    NaamiibiyaaBidiruu harkaan sochoosuu

    Maayik Diyeekmaan Naamiibiyaa bakka bu'uun ispoortii kanaan yeroo jalqabaaf Olompiikii irratti hirmaata.

  • Aminaatuu Seynii, ganna 24

    NiijarFiigicha

    Aminaatuu Seynii lammii Niijar dorgommii Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti hirmaattedha.

  • Bileesiingi Okaagbaaree, ganna 23

    NaayijeeriyaaUtaalchoo/fiigicha

    Bileesiingi Okaagbaaree atileetii utaalchoofi fiigicha fageenya gaabaabaa Naayijeeriyaa bakka buutudha.

    Riikoordiin meetira 100 sekondii 10.75'n ishee harka kan jiru yoo ta'u, dorgommii gulaallii Olompiikii taasifame irratti 10.63 galmeessisuun fooyyessite jirti.

    Yeroon kun riikoordii Naayijeeriyaafi Afriikaa haaraa ta'uun galmaa'ee, dursummaa addunyaa lammii Jamaayikaa Sheelii-Ann Fireezar-Piraayis waliin qooddattee jirti.

  • Eliizaabeet Anyaanaachoo, ganna 22

    NaayijeeriyaaTeekwoondoo

    Eliizaabeet Anyaanaachoo dubartii waggaa 16 asitti yeroo jalqabaaf akkasumas seenaa keessatti dubartii 2ffaa Naayijeeriyaa dorgommii Teekwoondoon bakka buutu taatee jirti.

  • Divaayin Oduduuruu, ganna 24

    NaayijeeriyaaFiigicha

    Divaayin Oduduuruu Olompiikii Riyoo irratti jalqaba hirmaate.

    Dhiirota Naayijeeriyaa Olompiikii Riyoo irratti dorgommii hundaan biyyatti bakka bu'an keessaa walakkaa xumuraa kan ga'e atileetii kana qofa ture.

  • Toobii Amuusaan, ganna 24

    NaayijeeriyaaFiigicha

    Toobii Amusaan atileetii Naayijeeriyaa fiigicha walharkaa fuudhuu fi fiigicha idileen dorgomtu yoo taatu, dorgommii Gooldi Koosti Awustiraaliyaa keessatti 2018'tti geggeeffame irratti fiigicha walharkaa fuudhuu meetira 100'n warqee injifattee jirti.

    Olompiikii Riyoo irratti yeroo jalqabaaf hirmaattee, xumura walakkaarra ga'uun sekondii 12.91 fiduun 3ffaa baatee dorgommiin ala taate.

  • Esee Biruumee, ganna 25

    NaayijeeriyaaFiigicha

    Esee Biruumeen dubartoota Afriikaa sadii meetira 7 ol utaaluu danda'an keessaa tokkodha.

    Lammiin Naayijeeriyaa kun Olompiikii irratti yeroo jalqabaaf kan hirmaatte yoo taatu, 5ffaa ba'uun xumurte.

    Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti ammoo meedaaliyaa Nahaasaa argattee jirti.

  • Chukwuuweebuukaa Enekweechii, ganna 28

    NaayijeeriyaaDhagaa aloolloo/darbachuu

    Chukwuuweebuukaa Enekweechii atileetii Naayijeeriyaa dorgommii Komanweelzi 2018 irratti 2ffaa ba'uu danda'edha.

    Dorgommii Addunyaa 2019 irrattis 8ffaa ba'uun atileetii dhiiraa Naayijeeriyaa xumuraaf ga'e isa jalqabaa ta'ee jira.

  • Usheeworiitisee Itiseekiirii, ganna 23

    NayijeeriyaaFiigicha

    Usheeworiitisee Itiseekiirii atileetii Naayijeeriyaa dorgommii Taphoota Afriikaa, Raabaat keessatti geggeeffame irratti meetira 100 sekondii 10.02'n galuun meedaaliyaa (Nahaasaa) idil addunyaa jalqabaa argatedha.

  • Estar Tookoo, ganna 21

    NaayijeeriyaaBidiruu harkaan sochoosuu

    Estar Tookoo atileetii Naayijeeriyaa 2019'tti Taphoota Afriikaa Bishaan irraa Keeppi Verdeetti qophaa'erratti meedaaliyaa birrii fi nahaasaa argattedha.

    Tookoon Tookiyootti yeroo jalqabaaf Olompiikii irratti hirmaatti. Kunis lammii Naayijeeriyaa ishee jalqabaa biyya keessaa ka'uun Olompiikii irratti biyyashee bakka buute ishee taasisa.

  • Ayoomiidee Imaanu'eel Beeloo, ganna 19

    NaayijeeriyaaCanoe Sprint, Canoe Slalom

    Ayoomiidee Imaanu'eel Beeloo gosa dorgommii kanarratti dubartii Naayijeeriyaa yeroo jalqabaaf bakka bu'uun yeroo jalqabaaf Olompiikii irratti hirmaatti.

    Beeloon 2019 Raabaatitti dorgommiiwwan C-1 200m, C-1 500m, C-2 200m and C2 500m jedhamaniin meedaaliyaa warqee afur mootee jirti.

  • Roodnii Gooviindan, ganna 35

    SiiyshelsiBidiruu yabaluu

    Roodnii Gooviindan Siiyshalsi bakka bu'uun Olompiikii Tookiyoo irratti hirmaata.

    Riyootti aansuun kun Olompiikii 2ffaa isaati. 2019'tti nama ispoortii cimaa Siiyshalsi jedhamuun badhaafameera.

  • Wayid Vaan Niyeerkerki, ganna 29

    Afriikaa KibbaaFiigicha

    Wayid Vaan Niyeerkerki Afriikaa Kibbaa bakka bu'uun Riyootti meetira 400'n meedaaliyaa warqee mooeera.

    Atileetii Ameerikaa Maayikil Joonsan injifachuun sekondii 43.03'n riikoordii haaraa galmeessisee ture.

  • Chaad Le Kiloos, ganna 29

    Afriikaa KibbaaBishaan daakaa

    Chaad Le Kiloos warqee Olompiikii Landan fi birrii lama Riyootti injifate dabalatee meedaaliyaawwan hedduu Afriikaa Kibbaaf moo'eera.

  • Akaanii Simbiinee, ganna 27

    Afriikaa KibbaaFiigicha

    Akaanii Simbiinee Afriikaa Kibbaa bakka bu'uun Taphoota Koomanweelzi 2018 irratti meedaaliyaa warqee fiigicha meetira 100'n moo'eera.

    Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti 4ffaa ba'e.

  • Keeytliin Ruuskiraantiz, ganna 19

    Afriikaa KibbaaJiimnaastiikii

    Keeyitliin Ruuskiraantiz Olompiikii irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuuf qophiirra jirti.

    Lammiin Afriikaa Kibbaa kun 2018'tti dorgommii jiminaastiikii Afriikaa, 2019'tti ammoo Waancaa Jiminaastiikii Addunyaa Hangaariitti qophaa'e irratti injifattuu turte.

    Olompiikiin Tookiyoos kan jalqabaasheeti.

  • Eerin Isterkanbargi, ganna 18

    Afriikaa KibbaaYaabbachuu

    Eerin Isterkanbargi Afriikaa Kibbaa bakka buutee gosoota ispoortii 5 haaraa dabalaman keessaa tokko kan ta'e, yaabbachuudhaan Olompiikii Tookiyoo irratti hirmaatti.

    2020 keessa Dorgommii IFSC A.Kibbaa mootee jirti.

  • Henrii Shooman, ganna 29

    Afriikaa KibbaaTriathlon

    Henrii Shooman Taphoota Koomanweelzi kan 2018 irratti Afriikaa Kibbaa bakka bu'uun gosa ispoortii kanaan warqee argateera.

    Olompiikii Riyoo 2016 irrattis nahaasa argachuu danda'eera.

  • Boyipeeloo Awuuwaa, ganna 15

    Afriikaa KibbaaIskeetboodrdiingi

    Boyipeeloo Awuuwaa dorgomaa iskeetboolii Olompiika irratti Afriikaa Kibbaa bakka buutu ishee jalqabaati. Akkasumas shamarree umuriin xiqqaa Afriikaa keessaa deemtudha.

  • Biliitizbooksi

    Afriikaa KibbaaRaagbii

    Gareen Raagbii Afriikaa Kibbaa Biliitizbooksi jedhamuun beekaman Riyootti meedaaliyaa nahaasaa injifataniiru.

    1997'tti Waancaa Ragbii irratti 2ffaa ba'ani.

  • Owusaamaa Meeluulii, ganna 37

    Bishaan daakaa

    Owusaamaa Meeluuliin atileetii Tuniiziyaa bishaan daakaa fageenya dheeraa irratti hirmaatu yoo ta'u, 2008 Olompiikii Beeyijiingitti meetira 1500'n, maaraatoonii dhiirotaa km10 Landanitti 2012'tti warqee argateera.

  • Maarwaa Amrii, ganna 32

    TuniiziyaaWal'aansoo

    Maarwaa Amriin lammii Tuniiziyaa wal'aansoon biyyattii bakka buutu yoo taatu, Riyootti nahaasa mootee jirti. Kunis dubartii Afriikaa ishee jalqabaa meedaaliyaa wal'aansoon argatte ishee taasiseera.

  • Ines Buubakrii, ganna 32

    TuniiziyaaFencing

    Ines Buubakrii Olompiikii Riyoo irratti dorgommii kanaan nahaasa argachuu dandeessee jirti.

  • Jaakoob Kiipliimoo, ganna 20

    UgaandaaFiigicha

    Jaakoob Kiipliimoo atileetii Ugaandaa dorgommii Gooldan Gaalaa Daayimandi Liigiiin meetira 3000 dorgomee xumuree jira.

    Riyootti aansuun Tookiyoon Olompiikii yeroo 2ffaaf itti hirmaatu ta'aafi.

  • Roonaaldi Musaagaalaa, ganna 28

    UgaandaaFiigicha

    Roonaaldi Musaagaalaa dorgommii meetira 1,500 Riyootti dorgomeen Olompiikii irratti hirmaachuu eegale.

    Daayimandi Liigii Landan fi Paariisitti 2019 keessa qophaa'e irratti warqee argate.

  • Jooshuwaa Cheemteegee, ganna 25

    UgaandaaFiigicha

    Jooshuwaa Cheemteegee atileetii fageenya dheeraa Ugaandaa bakka bu'uun Atileetiksii Addunyaa 2019 irratti warqee argatedha. Riikoordii haaraas meetira 5.000'n Daayimandi Liigii Moonaakoo irratti galmeessiseera.

  • Peeruz Chemutaayi, ganna 22

    UgaandaaGufachiisa

    Peeruuz Chemutaayi gufachiisaan Ugaandaa bakka buuti. Olompiikii Riyoo irratti meetira 3,000'n dorgomtee jirti.

    Dorgommii Atileetiksii Addunyaa 2019 irrattis meetira 3,000'n 5ffaa baatee xumurte.

  • Kooppar Kuwiinsi

    ZaambiyaaKubbaa miilaa

    Garen kubbaa miilaa biyyaalessaa Kooppar Kuwiinsi yookaan Shii-Pooloopooloo jedhamuun beekaman yeroo jalqabaaf Olompiika irratti Tookiyootti hirmaatu.

  • Iskoot Viinsanti, ganna 29

    ZimbaabweeGoolfii

    Iskoot Viinsanti bara kana yeroo jalqabaaf Olompiikii irratti hirmaachuufi. 2019 dorgommii goolfii Jaappaanitti taasifame irratti 4ffaa ta'ee xumure.

  • D'Taayigarsi

    NaayijeeriyaaKubbaa Kaachoo

    Gareen Kubbaa Kaachoo Naayijeeriyaa D'Tigers jedhamuun beekaman Dorgommii Waancaa Kubbaa Kaachoo Addunyaa 2019 irratti ture qabxii Oloompikii Tookiyoo 202 isaan gessuu kan galmeessisan.

    Gareen Kubbaa Kaachoo Naayijeeriyaa D'Tigers jedhamuun beekaman Dorgommii Waancaa Kubbaa Kaachoo Addunyaa 2019 irratti ture qabxii Oloompikii Tookiyoo 202 isaan gessuu kan galmeessisan.

    Chaampiyoononni Adoolessa 2021 keessas Awustiraaliyaa fi USA tapha michummaatiin injifatanii jiru.

  • The Pearls

    AngoolaaKubbaa harkaa

    Gareen kubbaa harkaa Angoolaa The Pearls jedhamuun beekaman Dorgommii Kubbaa harkaa Afriikaa 2021 injifatanii jiru.

    Xumura nuusaa irratti injifatamuun keessaa kan ba'am Olompiika riyoo 2016, 8ffaa ta'uun xumurani.

Mala:

Atileetonni Afriikaa kunneen naannolee ardichaa garagaraa bakka bu'u. Muuxannoo olimpiikii, lakkoofsa meedaaliyaa fi adda ta'uu gosa ispoortii dorgoman irratti bu'uureffachuun filatamani.

Qopheessitoonni:

Qabiyyee qopheessuu: Inkeechii Ogboonaa, Piriinsas Abumeeree fi Mutoonii Muchiirii. Dizaayiniin kan Olaaniiyii Adebiimpee fi Miilisanti Waachiira. Marsariitii kan midhaasse: Piiwuritii Biriir. Gargaarsa dabalataa: Saalii Mooraalees fi Selestiin Kaaroonii.

Suuraawwan:

Getty Images, The International Basketball Federation, AFP, Nigerian News, Nigerian Rowing Canoeing and Sailing Federation, Nigerianews, Mekseb Debesay, Sailing Club of Mozambique, Giana Farouk, EPA, Press Focus/News Pix via PA, Erwythereyet via Twitter, Bruce Viaene via Olympics, ClimbZA, DW via Club of Mozambique.