Simannaan Gooticha Olimpikii Riyoo atileet Fayyisaa Leellisaa akkam ture?

Sarbama mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti babal'ate ture mormuuf mallattoo diddaa Olompika Riyoo irratti agarsiiseen booda waggoota lamaaf biyya ambaa jiraachaa kan ture Atileet Fayyisaa leellisaa gara biyyaa deebii'eera.
Atileet Fayyisaa Lellisaa Dilbata ganama wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gaheettis Ministira Hajaa alaa Dr Warqinaa Gabayyoo, Atileet Daraartuu Tulluu fi Obbo Jawaar Mahaammad dabalatee namoota bebeekkammoo akkasuma hiriyyootaafi maatii isaatiin simannaa ho'aan taasifameefira.





Fayyisaan Olompika Riiyoo bara 2016 tureerratti figiicha maaraatoonii dhiiraatiin lammaffa wayita baheetti ture mallaattoo diddaa agarsiisuun mormii biyyattii keessa ture waltajjii addunyaatti mul'ise.



"Imala qabsoo taasifamaa ture keessatti hiriyootaafi ijoolleen beeku lubbuu isaanii dhaban wayitan yaadadhu nan gadda, ammoo injifannee as gahuu keenyatti gammachuu guddaatu natti dhagaa'ama" jechuun BBC'tti himeera.
Biyya keessa jijjiiramni abdii namatti horu jiraachuu dubbata.
Siyaasa keessatti qooda fudhachuuf fedhii akka hin qabneefi ogummaa isaa atileetiksiin biyya isaa tajaajiluuf fedhiifi murannoo qabus dubbateera.

Madda suuraa, EPA
Ala jiraachuun isaa jiruu atileetiksii isaa daran akka miidhe kan dubbatu Fayyisaan, torbee booda gara shaakalaatti akka deebi'uufi Amajjii keessa kan raawwatu Maaratoonii Dubaayiif akka of qopheessu himeera.
Bara 2020tti Olimpikii Jappaan irratti biyya isaa bakka bu'ee qabxii gaarii galmeessisuuf akka hojjetus dubbateera.
Hariiroon inni Federeeshinii Itoophiyaa waliin qabu rakkoo akka hin qabneefi, hojii isaarraan dhiibbaa ni gaha jedhee akka hin yaadnes dubbateera.
Bara 2016 Olimpikii Riyoo wayita mallattoo diddaa agarsiisu, erga isaa uummata addunyaa biraan kan gahan miidiyaalee Idil-addunya mara galateeffatees jira.
Atilet Fayyisaa Leellisaa erga biyya gaheen booda Hoteela Ililliitti ibsa gaazexessitootaaf kennerratti, guyyaa mallattoo mormii itti agarsiise sana wayita yaadatu imimmaan to'achuu dadhabe.



Madda suuraa, Getty Images















