Yaadannoo atileet Fayyisaa Leellisaan lammiilee lubbuu dhabanif gochuu yaade

Atileet Fayyisaa Leellisaa yeroo miidiyaaleef ibsa kennu

Madda suuraa, Bonnie Holcomb

Atiileetin Itoophiyaa mootummaa mormuun jireenya isaa biyya alaa taasifate Fayyisaa Leellisaan yeroo dhihootti biyyatti akka galu hime.

Atileetichi waamicha mootummaan Itoophiyaa biyya seene akka fiigu gaafate fudhateera.

''Yaada isaanii, isaaniis akkuma keenyaa kana seeraan ibsachuu waan hin dandeenyeef waan turan natti fakkaata. Ammammoo kana gochuun isaanii ani akka gaarittan fudha.''

Xalayaan Koreen Olompikii Itoophiyaafi Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa Kibxata waliin baasan atileetichi yoo fedhii qabaate simannaa gootaa taasisuuf qophii ta'u isaanii ibsa.

Yaada simachuu kana kan kaase Ministeera Dargaggoofi Ispoortii akka ta'e hogganaan kominikeeshinii Federeeshinichaa Obbo Silashii Bisraat BBC'tti himaniiru.

Walitti dhufeenya

Fayyisaan erga jireenya isaa Yunaayitid Isteet godhatee booda mootummaa Itoophiyaa waliin walitti dhufee akka hin beekne hima.

''Lakki. Hin jiru. Xalayaan amma bahe kan jalqabaati,'' jechuun walquba akka hin qabne dubbata.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaallee addatti isa arguuf waan taasise yoo jiraate akka hin beekne Obbo Silashiinis himu.

Fayyisaan durumaa biyyatti deebi'ee biyyaaf fiiguu ni barbaada ture. Haa ta'u malee, jijjiiramni inni fedhu hanga dhufutti akka eege dubbata.

''Biyya namaa irraa ani fedhii tokkooyyuu hin qabu waan ta'ef gara biyya kootti galuuf fedhiin qaba duraanu. Hanga jijjiiramni tokko dhufuutti eegee.''

Erga Ministirri Muummee aangootti as bahani, hamma tokko hoggansi ummata cinaa dhaabbate kan jedhu Fayyisaan ibsi bahes jijjiiramni jiraachuu agarsiisa jedha.

Biyya maal godha?

Hedduun namaa Fayyisaa akka atileetii qofaa osoo hin taane akka falmataa mirga namoomaatti ilaala. Innillee akkasitti akka of ilaalu himee ture.

Fayyisaa hojjettoota kongirasii Yunaayitid Isteet waliin

Madda suuraa, Bonnie Holcomb

Ibsa waa'ee suuraa, Fayyisaa hojjettoota kongirasii Yunaayitid Isteet waliin

Yoo biyyatti gales hojii akkanaa waan namni irraa eeguuf waan gochuu hedu namni baruu barbaada.

''Dandeetitin amma yeroo kanaaf qabu fiigicha duwwaadha,'' jedha hanga fiiguu danda'u ispoortii keessa turuuf yaada akka qabu yoo dubbatu.

Gara fuuladuraallee yaaduma ispoortii keessa turuu hima.

''Gara fuulduraatti barnoota ispoortii fudhadhee ispoortii keessatti akkan turu taasisa malee waan biraa hojjechuudhaaf karoora hin qabu.''

Fayyisaan waggoota lamaan darban biyya bakka bu'e hin fiigne. Fuula duratti garuu, haalli amma biyya keessa jiru waan jijjiiramef nan fiiga yaada jedhu qaba.

Turtii BBC waliin taasisen guyyaa biyyatti deebi'u murteessu baatuus yeroo dhihootti akka beekuufi ji'a tokko keessatti akka galu himeera.

Yaadannoo Fayyisaa

Mallattoon mormii Fayyisaan xumura maaraatoonii Olompikii Riyoo irratti lammaffaa bahe agarsiise ittu gurra guddaa itti horeera.

Haa ta'u malee, mallattoo kana hanga yoonaa biyyatti agarsiisee hin beeku. Kanaafuu, agarsiisuuf yaada qaba.

''Ummata Oromoo kanaan dura biyya sana keessatti dhiigni isaanii lola'ef biyya keessas ta'e biyya alaa yoon deeme yaadannoo isaaniif ittin fufa.''

Akka inni jedhutti hanga fiigicha keessa jirutti osoollee dhimmi biyya keessa mormiif nama kakaasu dhibellee wanta kana itti fufa.

Kunis yaadannoo inni lammiilee dhiigni isaanii dhangala'ee haala biyya keessa jiruf bu'uura tahan jedhe yaadachuuf mallattoo harka isaa akka itti fufu BBC'f himeera.